Mariin dhukaasa dhaabuu Israa'el-Gaazaa miilanaa abdii waan qabu miti - Qataar

Mariin tibbana Israa'el fi Hamaas jidduu Gaazaatti dhukaasa dhaabuuf adeemaa jiru "kan abdii namatti horu miti" jette biyyi jaarsummaatti jirtu Qataar.
Ministirri Muummee Mohaammad bin Abdulrahmaan Al Taanii, kun tahuus waan dansaa akka abdatan himuun, garuu ammoo "yeroo hinqabnu" jechuun himan.
Kunis kan dhagahame MM Israa'el karoora duula lafoon Raafaatti gaggeessuu qaban hojiirra akka oolchan erga himanii boodadha. Karoora isaanii kana garuu hawaasni idiladdunyaa dhiibbaa irratti taasisaa jira.
Hamaas waliigalteen dhukaasa dhaabuu harkifachuuf Israa'el komateera.
Mariin kan taa'amaa jiru magaalaa Kaayirootti ogguu tahu, anga'oonni olaanoo US, Israa'el, Masrii fi Qataar walarguun dhukaasni akka dhaabbatu fala barbaadaa jiru.
"Adeemsi guyyoota muraasa dabran keessatti mul'ate kan abdii namaa kennu miti. Tahus, akkuma yeroo hunda dubbadhu, waan gaarii abdachuurraa duubatti hin deebinu, dhiibbaas ni goona," jedhan Sheek Mohaammad haasawa Konfiransii Nageenyaa Muunikitti taasisaniin.
"Waliigaltee ammaa kanaan dhimmoota gurguddaa kan irratti dubbachaa jirru. Marii kanarratti dhimma namoomaa irratti danqaalee argaa jirra," jedhan.
Garuu dhukaasa dhaabuun, waliigaltee kanneen Hamaasiin butaman gadhiisiisuu irratti hirkachuu hinqabus jedhan.
"Wanti danqaa nutti tahe kanadha. Dhimma kanas biyyoonni hedduun akka hintaanetti itti fayyadamaniiru. Maali jennaan, dhukaasa dhaabuurra gahuuf, kanneen butamanirratti waliigalteen irra gahamuu qaba kan jedhudha," jedhan.
MM Israa'el Benjaamin Netaaniyaahuu, gaaffii Pireezidantii US Joo Baayidanirraa dhiyaateef fudhachuun namoota mari'atan erguu himan.
Haatahu malee kanneen ergaman marii dabalataaf hanga ammaa akka hin deebine kaasuun, sababni kanaas fedhiin Hamaas "waan lafarra hin jirre" tahuusaatiin akka tahe dabalanii himan.
Hamaas gaaffiiwwan danuu kan dhiyeesse ogguu tahu, isaan keessaas lammilee Israa'el butaman hidhamtoota Filisxeemiin waljijjiiruu, humnoonni Israa'el guutummaatti akka bahanii fi kaanis keessatti argamu.
Israa'el hidhattoonni Hamaasiin durfaman Onkololeessa 7 haleellaa banuun yoo xiqqaate namoota 1,200 ajjeesuun, kanneen 253 tahan ammoo butanii fudhatan booda duula waraanaa jalqabde.
Gaazaatti ministeerri fayyaa Hamaasiin durfamu haga ammaa duula waraanaa kanaan namoonni 28,800 ol lubbuu dhabuu gabaase - kanneen keessaa garri caalu dubartootaafi daa'immani.













