'Daa’imakoof nyaata argachuuf jecha gaarayyuu nan diiga'

Mohaammad umurii ji'a sadiitti

Madda suuraa, Family photo

Maatilee daa’ima xiqqoo qaban hedduuf, nyaata kam akka nyaachisaan filachuun rakkisaadha. Maatilee ijoollee 22,000 waraanaa Gaazaa keessatti dhalataniif garuu, nyaata filannoon waan qananiidha. Hedduun isaani daa’imasanii reef dhalatan lubbuun tursuuf rakkatu.

Amajjii keessa imala rakkisaa eegaluuf yemmuu murteessite Amaal aannaan daa’imaa (kan warshaatti oomishamu) guyyaa lamaaf ta’u qofa qabdi ture. Umurii ji’a sadiitti, ilmishee Mohaammad waan biraa nyaachuu hin danda’u.

“Aannan daa’imakoof kennuuf gaarreeniyyu na qota,” jechuun barreessiti. “Daa’imakoof barbaachisaadha.”

Kibba Gaazaatti, magaalaa dhalootashee Kaan Yuunis alatti dirree gammoojjii keessa jirurra jiraachaa turte. Humnootni Israa’el ophereeshinii isaanii bakkichatti babal’isaa, guyyaafi galgala haleellaa qilleensaa gaggeessaa turaniiru.

Aannaan daa’immanii gara kibbaa, Raafaa keessa barbaaduuf murteessite. Kana dura imalli kun konkolaataan daqiiqa 20 qofa fudhata ture, amma garuu daandii sanarra humnootni Israa’el socho’aa jiru.

“Amma gara Raafaa imalaan jira. [Aannan] hanga tokko argachuuf nan yaala. Inshaallaa, har’a hanga tokko nan argadha,” jechuun yaaddooftus, kuttaanaan ergaa sagaleen BBC’tti himte.

Imala balaan guutedha garuu filannoo biraa dhabde. Daa’imashee, Mohammadifi obboleessasaa hangafaa Nooh maatiishee birratti dhiistee deemte. Sa’aatii muraasa booda ergaa sagalee biraa ergite.

“Utuu Rafaah deemaa jirruu konkolaataan keenya taankiiwwan Israa’eliin haleelame, amma Rafaah keessatti danqameen jira,” jette rifachaa. “Deebi’ee ijoolleekoo arguuf carraa nan argadhaa yoo ta’e hin beeku.”

Amaal

Madda suuraa, Family photo

Hiriyyaanshee tokko konkolaaticha keessa ture boodarra maal akka uumame ibseera.

Imalasaanii irratti taankiiwwan Israa’el sadii waliin walitti akka ba’an himuun, taankiin tokko gara kallaattii isaanitti yemmuu dhukaasu konkolaaticha bira bu’e jedha. Naasuun konkolaachisaan isaanii gara duubaatti ariitiin konkolaachise. Jalaa miliqani.

Sa’aatii dheeraaf Amaal intarneeta hin qabdu turte. Galgala sana ergaa barreeffamaa ergite. Kaan Yuunisitti deebiteetti, garuu aannan daa’imasheef hin arganne.

Onkololeessa 7 ganama Amaan daa’imashee hangaafaa umurii ji’a 18 ta’e Nooh waliin siree keessaa utuu rafaa jirtu, sagalee dhukaasaa keenyan manasaanii raaseen dammaqte.

Amaal Nooh qabattee kutaa tokko gara kutaa isa biraatti fiigde. “Eessa akkan deemuu hin beekuun ture sababiin isa nu marsee ture, bakka hunda ture,” jetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hamaas rookkeetti hedduu gara daangaatti dhukaasuun Israa’el irratti haleellaa banee ture. Xiyyaarotni waraanaa ammoo yeroo muraasaa boodaa haleellaa cimaan deebii kennuu eegalani.

Kibba Gaazaa Kaan Yuunis keessatti garuu, Amaal maal akka uumamaa jiru quba hin qabdu ture. Ulfa ji’a saddeetii taatee guddaa rifachaafi dhipaachaa waan turteef, guddaa dhiiguu eegalte.

Gara hospitaalaa deemuun irra ture garuu abbaan warraashee West Baank keessa hojjeetaa waan tureef, qofaashee turte.

“Yoo xiqqaate sa’aatii sadiifan konkolaataa eege,” jetti. Konkolaachisaan taaksii tokko hanga bakka tokkootti qofa ishee geessuu danda’a ture, kanaaf achi keessaa buutee konkolaataa biraa eeguu qabdi ture.

"Daandiileen namootaan guutanii turani, hundisaanii sodaataniiru. Maal gochuu ykn eessa deemuu akka qaban hin beekan turani,” jetti. “Dhukaasa bakka hunda jiru qofa dhageenya turre.”

Yeroo kana hunda dhiigaa turte.

Amaal yeroo hospitaala geessu, battalumaan da’uumsaaf kutaa baqaqsanii hodhuutti ergamte. Mohaammad ganama sa’aatii shan irratti addunyaa guutummaatti jijjiirameetti dhalate.

Mohammad ji'a tokkoon ariifate Onkololeessa 7 dhalate

Madda suuraa, Family photo

Ibsa waa'ee suuraa, Umurii guyyaa sagaliitti Mohaammad erga haleellaan gaazii nannoo isaanitti uumame rakkoo hargansuu isa mudateen hospitaalatti geeffame

Bayyaannachuuf gara mana maatiidheetti imalani. Imala isaaniirra utuu jiraani Amaal daayipparii fi aannaan daa’immanii, akkasumas ilmashee Nooh kan dhibee gaggabsaa (epilepsy) qabuuf qoricha baayyistee bitatte.

“Waaranni kun ji’a tokko calaa hin turu jedheen yaade,” jetti.

Akkuma UK, Gaazaa keessatti dubartoota walakkaa ta'an qofaatu, torban ja'aa ol harma hoosisa. Balaa hatattamaa UN deebii kennuuf hedduu keessatti, hanga harma hoosisuu garam guddaadha.

"Akkuma waraanichi eegaleen kun akka rakkoo ta'u barree ture," jetti dhaabbata Unicef'tti gorsituun olaantuu dhimma nyaata madaalawaa daa'immanii yeroo hatattamaa, Anuu Nayaraan himteetti.

"Yoo daa'imakee hosiisaa hin jirtu ta'e, waraana keessa yoo jiraatte, tasa daa'imakee hoosisuu eegaluu hin dandeessu," jetti. "Guutummaatti aannan warshaati oomishamu irratti hirkachuu qabda."

Amaal ji'a tokkoof Mohaammadiin harma hoosisteetti garuu aannan ga'aa qaamnishee oomishaa akka hin jirre barte.

"Yeroo hunda sodaachaafi dhiphachaan ture. Nyaata gaarii ofiikoof argadhuurratti xiyyeeffachaa hin turre," jetti. "Garuu yaaleera."

Nooh fi Mohaammad

Madda suuraa, Family photo

Ibsa waa'ee suuraa, Nooh fi Mohaammad

Tajaajilli bishaanii yeroo hanqatee jirutti haadholiin haaraa bishaan dhugaatii ga'aa waan hin arganneef qaamni isaanii aannaan oomishuuf rakkaachaa ture.

"Namootni guyyaatti bishaan liitiraa lamaa gadi argatu, kun waa miiccuuf mitii dhugaatiifiyyu waan ga'u miti," jetti Aadde Nayaraan.

Garuu aannan daa'immanni [kan warshaatti omishamu] ga'aan Gaazaa seenaa hin jiru. Utuu waraanni kun hin eegaliin, Israa'eel lakkoofsa konkolaatota daldalaa Gaazaa seenan daangeessitee turte amma guutummaatti dhorkiteetti.

Kana jechuun gabaarratti kan hafu xiqqaadha jechuudha. UN aannan daa'iimmanii kana gara sanatti erguu eegalte kan turte ta'us, konkolaatonni gargaarsaan dhorkamaa jiru.

Sababa hanqina bishaan qulqulluu uumameen, Unicef aannan daa'immanii dursee bishaaniin makameeru Gaazaatti ergaa jiru. Kun waan fooyya'aadha garuu hedduuminaan asiif achi geejjibsiisuuf waan cimudha.

Deessee guyyaa sadii booda Amaal mana harmeesheetii baqachuun irra ture. Bakka dhiyeenya jirutti baqatani. Aanna daa'immanii argachuun cimaa ture garuu suqiidha suuqitti joortee argatte. Torban sadii booda ammas bakka sanaa akka gadhiisanii baqatan itti himame. Mudde 2 irratti ammas ollaa isaan keessa turan akka haleelamuuf jedhu itti himame.

Bakki sun haleelamu saatii lama dura galgalaan gadhiisanii ba'ani. "Gamoo sana guutummaatti gadi waan barbadeessaniif aannaniifi daayipparii fudhadhee ba'uu hin dandeenye."

Nooh umurii ganna 2

Madda suuraa, Family photo

Ibsa waa'ee suuraa, Umurii ganna 2'tti kan dhiyaateeru Nooh, dhibee gaggabsaa [epilabsy] qaba, ta'us Amaal qorichaasaa amma Gaazaatti argachuu hin dandeenye.

Miseensotni maatiishee tokko tokko gammoojii Kaan Yuunis ala jirutti baqatani, Amaal garuu bakki sun yaaddessaadha jettee yaaduun ijoolleshee gara kibbaa Raafaatti geessite.

Yeroo jalqaba BBC'n ishee qunname garuu reef Kaan Yuunisitti deebite. Yeroo sanatti Israa'el waraanaa lafoosaa magaalatti keessatti babal'isuun, namootni kumaatamaan baqachaa turani.

"Murtee cimaa ture garuu as baayyee bakka balaa qabudha," jette.

Waantoota barbaachisuun Rafaah keessatti akka hin arganne himti. Moohammad waan annan qabu nyaachuu hin danda'u, aannan warshaatti oomishamu isa dhukkubsa. Aannan warshaa kan isa hin dhukkubsine buccullee tokko argattuus gatiinsaa garuu qaalii ture.

Yoo xiqqaate Kaan Yuunis keessatti maatiinshee jijjiga gamoolee keessaa aannaan barbaaduuf ishee gargaaru turani.

"Obbolaankoo gamoo jijjige keessa daayippariifi aannan akka naa barbaadaniif ergeerani," jechuun barreessite. "Tokkoonsaani na jalaa du'uu danda'u. Garuu filannoo nuti qabnu kana qofadha."

Balaa qaba ture, lolli bakka hunda jira. Obbolaanshee guyyootii muraasa booda lubbuun deebi'aniiru, garuu harka qullaa turani.

Sana booda imala cimaafi baayyee balaa guddaa qabu gara Rafaatti taasiste.

Gara dhuma Amajjiitti, haasaan BBC waliin taasiftu hir'achaa dhufe.

Guyya guyyaan waraanni Kaan Yuunisitti gaggeeffamu hammaachaa ture. Guyyaa sadii booda BBC qunnamte.

"Ijoolleenkoo nagaadha garuu haleellaan guyyoootii lamaan darbaniif waan hin dhaabbanneef hundi keenya sodaanneerra, halkaniif guyyaa addaan hin citne," jetti.

Sagalee dhukaasaa keessummaa Noohiif hamadha, sababiinsaa gaggabsoo isaa hammeessuu waan danda'uufidha. Qorichi dhibeesaa ammoo dhumeera.

Amal and Noah before the war

Madda suuraa, Family photo

Ibsa waa'ee suuraa, Amal and Noah before the war

Nyaata muraasaafi bishaan sanarra hanqate qabu. Amaal bishaan jiru qulqulleessuuf ni danfisti. "Ammayyu xuriidha garuu hangan danda'u yaalaan jira," jetti.

Erga waraanni kun eegalee daa'imman 23,000 ta'an akka dhalatan tilmaami WHO ni hima - kana jechuun guyyaatti daa'imman 190.

Uummatni Gaazaa hundi balaa beelaa cimaaf saaxilameera, balaan kun garuu harka caalaatti daa'immaniif hamaadha.

"Ijoolleen dafanii dhukkubsachuu danda'u," jetti Unicef irraa Anuu Nayaraan.

Amaal ammaaf aannan barbaaduu dhiisteetti. Mohaammad garuu ammaaf hin beela'u. Harmee biraa naannichatti daa'imashee waliin harma isa hoosisuuf tole jette argatteetti. Amaal maallaqa xiqqoo qabduufi uffata ijoolleen kaffalaafii jirti.

Wiirtuun cirracha gammojjii sana jirutti, dukkaanaa mukaan yeroof ijaaramefi feestaala afatanii, nyaata samsaameefi daabboo daakuu gumaachameerra tarii argatan tolfachaa jiraatu. Muka qoraanii funaanani nyaata bilcheeffatu.

Amaaliifi abbaa warraashee

Madda suuraa, Family photo

Ibsa waa'ee suuraa, Abbaan warraa Amaal ammayyu Weest Baank jira - Gaazaa seenuus ta'e maatiisaa achii baasuu hin danda'u.

Amaal suuraa jireenyashee yeroo xumuraaf kaafte BBC'f ergiteetti. Onkololeessa 6 galgala kan kaaftedha.

Galgala sana Mohaammad harmee isaa haammate addunyaa waraanarraa, balaarraafi iyyaa xiyyaara waraana amma jireenya isaanitti hin daganneerra fagaatee ture kan rafe.

"Akka agartan filannoo hedduu asii hin qabu," jetti.

"Kanaaf waanan danda'un gochuuf yaalaan jira. Waraanaa hamaa kana keessaa ijoolleekoo olfachuun barbaada."