Daa'imni ganna 6 bilbilaan gargaarsa gaafachaa turte guyyootii booda Gaazaatti duutee argamte

Madda suuraa, RAJAB FAMILY
Daa’imni ganna 6 ji’a darbe Magaalaa Gaazaatti achi buuteen ishee dhabame, erga taankii Isra’eeliin haleellaan irra ga’e firoottan ishee hedduufi ogeessota fayyaa ishee oolchuuf yaalan wajjiin hundi du’anii argamaniiru.
Hind Rajaab yeroo sanatti adaadaa, wasiilaafi durbiiwwan ishee sadii waliin ta’uun konkolaataan magaalatti keessaa baqachaa turani.
Sagaleen haasaa bilbilaa Hindifi hojjetootaa lubbuu baraaru jidduu ture, daa’imni waggaa ja’aa kun, konkolaataa sana keessa qofaashee lubbuun akka haftee turteefi, reeffa firoottanshee gidduu humnoota Israa’el jalaa akka dhokachaa turte agarsiisa.
Akka lubbushee baraaraniif kadhaa isheen taasisaa turte yeroo sagaleen dhukaasaa utuu dhaga’amuu bilbilli addaan cite xumurame.
Ogeessotni fayyaa Waldaa Addessa Diimaa Filisxeem, bakka kanaan dura akka dirree waraanaatti cufamee ture kan qaqqabuu danda’an Sanbata ture.
Konkolaataa gurraacha Hind maatiishee waliin ittiin imalaa turte, foddaansaa caccabee, konkolaatichi rasaasaan u’uramee argatani.

Ogeessi fayyaa tokko akka gaazexeessitootatti himetti, reeffa namoota ja’aa, kan hundi rasaasaan ajjeefamanii konkolataa sana keessatti argaman keessaa tokko reeffa Hind turte.
Meetira xiqqoo fagaatee konkolaataa biraatu ture – guutummaatti gubatee kan mootarri isaa lafatti jijjigee jiru. Kun, ambulaansii akka lubbuu Hind baraaruuf ergame akka ta’e Addeessii Diimaa himeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ogeessoti fayyaa – Yusuuf al-Zeeyinoo fi Ahmad al-Maduun, - yeroo ambulaansichi humnoota Israa’elin haleelame akka ajjeefaman, waldaan Addeessa Diimaa himeera.
Waldaan Addeessa Diimaa Filisxeem (PRCS) ibsa baaseen, Amajjii 29 ambulaansichi akka bakkicha ga’een Israa’el beekaa irratti qiyyeeffachuun haleelte jechuun himateera.
“Dursanii bakka sana seenuun daa’ima kana [Hind] lubbuu baraaruuf akka ambulaansiin achi darbuuf eeyyamni argamus, humnootni Israa’el beekaa hojjettoota Addeessa Diimaa irratti qiyyeeffatani haleelan,” jedhe.
Ogeesota fayyaa gara Hinditti erguuf sa’aatii dheeraaf humna waraaaa Isra’eel waliin haasaa akka taasisu PRCS BBC’tti hime.
“Waliigaltee taasifne, eeyyama arganne,” jechuun dubbii himtuun PRCS, Nibaal Farsaak, jalqaba torban kanaatti BBC’tti himtee turte.
“Yeroo achi ga’an, hojjettoonni ambulaansii keessa turan konkolaataa Hind keessa turteefi Hind akka argaa jiran mirkaneessanii turani. Sana booda wanti nuti dhageenye dhukaasa dheeraa ture.”

Sagaleen haasaa bilbilaa Hindifi hojjetoota lubbuu baraaru gidduutti taasifame – Waldaa Addeessa Diimaan miidiyaa haawaasummaa irratti qoode – daa’imni kun akkam akka taate akka baramuuf duula guddaa uumeera.
Utuu reeffi daa’ima kanaa hin argamiin dura, harmeen Hind, daa’imni kun "daqiiqaa booda, sakandii booda” dhufuu dandeessi jechuun eegaa akka jirtu BBC’tti himtee turte.
Amma du’a daa’imasheef akka itti gaafatamummaan kennamuuf gaafachaa jirti.
“Nama sagaleekoofi sagalee kadhaa daa’imakoo dhaga’ee, garuu lubbuushee hin baraariin hafe hundaaf, guyyaa dhumaatti Waaqa duratti isaanin na gaafadha,” jechuun BBC’tti himteetti.
“Netanyaahuu, Baayideenifi kanneen nurratti ka’an, kan Gaazaafi uummatashee irratti ka’an, lapheekoo guutuu kufaatii isaaniif Waaqan kadhadha.”
“Haadhooliin meeqa gadda akkanaa akka arganiif eegaa jirtu? Daa’imman meeqa akka ajjeefaman barbaaddu,” jette.
Humni waraanaa Israa’el waa’ee sochii waraanaa guyyaa sana bakkicha tureefi, waa’ee achi buutee Hind akkasumas waa’ee amubulaansii lubbuushee baraaruuf ergamee irratti deebii akka kennaniif BBC’n si’a lama gaafateera – deebiin isaanii ammayyuu dhimmicha ilaalaa jirra kan jedhudha.
Irra deebiin himata Waldaan Addessaa Diimaa Filisxeem Sanbata dhiyeesse irrattis irra deebiin gaafanneerra.
Seerri waraanaa, lola keessatti hojjettoonni fayyaa kunuunsamuu qabu, irrattis qiyyaafatamuu hin qabu jedha, akkasumas namootni miidhaman – ogummaa guutuufi utuu hin barfatiin - wal’aansa fayyaa isaan barbaachisu argachuu qabu jedha.
Kanaan dura Israa’el Hamaas ambulaansii fayyadamuun hidhatootaafi meeshalee waraanaa daddeeebisa jechuun himattee turte.












