Viidiyoowwan hidhamtoota Gaazaa qullaa agarsiisan seera idila addunyaa sarbu - Ogeessota seeraa

Madda suuraa, YOUTUBE
Hidhamtoonni Gaazaa qullaa isaanii, iji isaanii huccuun haguugameefi harki hidhamee viidiyoowwan waraabamanii loltoota Israa'eliin onlaayinii irratti gadhiifaman seera idila addunyaa cabsuu jedhan ogeessonni seeraa.
Seerri idila addunyaa hidhamtoonni addabaabaayitti saaxilamuufi salphifamuu hin qaban jedha.
BBC Verify viidiyoowwan dhibbaan lakkaa'aman kan loltoonni Israa'el Sadaasa 2023 irraa qabee ifatti qoodan keessaa saddeet kan hidhamtoonni irraa mul'atan mirkaneesseera.
Humni Waraanaa Israa'el tajaajila loltuu eeggataa haquu himuun viidiyoon akkasiis qajeelfama hordofu bakka akka hin buune ibsuun ala yaada dabalataa hin kennine.
Dr Maark Eliis dhaddacha yakka idila addunyaa UN keessatti gorsaa muummee yoo tahan, viidiyoo gadhiifame kana ilaaluun booda seera qabiinsa hidhamaa waraanaa cabsuu mala jedhan.
Loltoota tajaajilarra jiran
Viidiyoowwan xiinxalle baayyeen wal-lolaafi loltoonni mana jiraattonni Gaazaa dhiisanii baqatan yeroo barbaadan agarsiisu.
Viidiyoowwan saddeet onlaayinii qoodaman hidhamtoonni Filisxeem qabiinsa gaarii irra akka hin jirre agarsiisu.
Viidiyoowwan kunneen loltoota tajaajilarra jiraniifi kan eenyummaa isaanii hin dhoksineen qoodaman.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Viidiyoon hidhamaa Filisxeem agarsiisu tokko kan bal'inaan qoodame akkawuntii loltootuu Israa'el Yoosii Gamzuu Letoovaa jedhamurra gadhiifamu hubanneerra.
Jalqaba Mudderraa kaasee viidiyoowwan garagaraa gadhiisaa ture. Baatiliyoonii Giraanaayitii 932 qaama waraana Isaraa'el keessa akka jiru himuun suuraa loltootaa agarsiisa.
Viidiyoon gaafa Mudde 24, 2023 gadhiifame hidhamaan Filisxeem tokko wayyaa irraa buusanii, harkisaa hidhamee, otoo dhiiguu barcumarra taa'ee otoo qoratamuu agarsiisa.
Iddoonsaa Kooleejii Gaazaa akka tahe adda baasuu dandeenyarra. Asxaafi akkaataan iddoon suni faayame kaaba Gaazaa kan agarsiisu yoo tahu suuraa fuula Feesbuukii mana barumsichaa wajjinis wal-fakkaata.
Viidiyicha gara boodaarra hidhamaan miila qullaa daandii Gaazaa keessa yeroo adeemu mul'ateera.
Humni Waraanaa Israa'el: ''Suuraan yeroo gaaffiin gaafatamuu kan ka'e dha. Shakkamaan hin miidhamne. Loltuun eeggataa haala sona Humna Waraanaa Israa'el faalleessuun suuraa kaasee maxxanse jedhe. Kanaanis tajaajila loltuu eeggataa haquu hime,'' jedha.

Madda suuraa, YOUTUBE
Viidiyoon haqame
Guyyaama tokkotti Letoovaan viidiyoo hidhamtoonni Filisxeem dirree ispoortii irratti walitti qabaman agarsiisu gadhiise. Kunis Gaazaa keessa isteediyeemii Yaarmuuk keessa akka tahe mala interneetaa ''geolocate'' jedhamu fayyadamuun adda baasuu dandeenyeerra.
Namoonni viidiyoo keessaa mul'atan baayyeen waayyaan irraa baafamee gonofee isaaniin qofa keewwatanii mul'atu, kaan immoo ijisaanii huccuun haguugameera, tartiibaan lafarra jilbeeffatanii loltoota Israa'eliin hordofamaa turan.
Iddoo tokkotti hidhamtoonni dubartootaa sadii goolii kubbaa kan alaabaan Israa'el irratti fannifame duuba ijisaanii haguugamee jilbeeffatanii mul'ataniiru.
Loltuun Israa'el tokko al baayyee kan mul'achaa ture yoo tahu, akka waraabamaa ture ni beeka.
Uffata dambii isaa suuraa loltoota Israa'el onlaayinii jiran biroo waliin dorgomsiisuun leetenaal koloneelii ykn kaamaandara baatiliyoonii akka tahe adda baasneerra.
Viidiyoowwan lameen BBC'n Humna Waraanaa Israa'el qunnamun booda YuutiYuubirraa haqamaniiru.
Qajeelfama naamuusaa

Madda suuraa, TIKTOK
Viidiyoowwan lama loltuu Israa'el biraan TikTok irratti gadhiifaman hidhamtoota ijisaanii haguugameefi loltoota qawwee gombisanii gidduu isaanii deeman agarsiisu.
Tokko kan gaafa Mudde 14 kan bahe yoo tahu, sirba Israa'el raappii waliin gadhiifame hidhamtoonni iji haguugamee konkolaataa piikaappii keessa guutaniiru, loltuun Israa'el tokko ammoo quba abguddaasaa ol qabee dhaabatu agarsiisa.
Loltuun miidiyaa hawaasaa biraa fayyadamurraa Ilyaa Bilaank akka jedhamu adda baafneerra.
Viidiyoo biraa nama ammas ijisaa haguugame lafa taa'uufi loltoota Humna Waraanaa Israa'eliin marafame maxxansee ture.
Suuraawwan baayyee kan viidyoo keessatti faayidaarra oolan kaaba Gaazaatti akka kaafaman hubanneerra.
TikTok fi Humna Waraanaa Israa'el quunnamuu keenyaan booda viidiyoowwan kunneen kaafamaniiru.
Keewwatani 13, Koonveenshinii Jiniivaa Sadaffaa hidhamtoonni yeroo hundumaa haleellaafi doorsisaa akkasumas arrabsoo fi addabaabaayiitti qaanfamuurraa eegamuu qabu jedha.
Dr Eliis akka jedhanitti, dhimmi ijoo ''qalbii uummata gara hidhamtootaatt fiduu dhiisuu'' akkasumas ''namummaa irraa gadi isaan buusuu dhiisuufi isaan qaanessuu dhiisuu dha.''
''Namoonni qullaa gonfee qofa keewwatanii isaan waraabuufi sana addabaabaayitti baasuun seera kana cabsa,'' jedhaniiru.
''Seeroti kaa'aman haala kamiiniyyuu gochaa akkaii hin eeyyaman.''
Piroofeesar Asaa Kaasheer hayyuu Israa'el yoo tahan nama qajeelfama naamuusaa waraana Israa'el barreessuun nama gargaaranii dha. Namoota qullaa agarsiisuun naamuusaan ala akka tahu himu.
''Yeroo gabaabaaf wayyaa irraa baasanii meeshaa waraanaa hidhachuu isaanii sakatta'uu mal garuu suuraa kaasanii addabaabaayitti qooduuf garuu sababiin hin jiru,'' jedhaniiru.
''Kan isaan qullaa isaan buusan isaan qaanessuufi,'' jedhaniiru.
Ogeessa seeraa Mikaa'el Maasfiild viidyoon kuni dhaddacha UN dhaan qoratamuu qabaa jedheera.
''Akkatti hidhamtoota waraanaa qabatan irratti dhorkaawwan baayyeetu jira. Innis haala kabaja qabuun akka qabaman kan jedhu dha,'' jedhu.
TikTok 'tti viidiyoowwan ja'a itti erginee hundumtisaanii qajeelfama hawaasaa isaanii kan sarbu tahuu mirkaneesseera. Sana boodas viiidyoowwan kunneen haqamaniiru.
Dubbiihimaan Yuutiyuub viidyoowwan miidhaa fidan kumatamaan lakkaa'amn haquu, chaanaalota kumaatamaan laakka'aman waraana Israa'el Gaazaa kana keessatti cufuu himeera. Garee viidyoowwan akkanaa hordofu akka qabus himeera.












