Haleellaan Raafaatti geggeefamu uummata ''qalmatti'' geessa - UN

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Qondaalli olaanoo UN haleellaan Israa'el kibba Gaazaa Raafaa keessatti raawwattu ''qalmatti'' geessuu mala jedhan.
Hogganaan hojii namoomaa Maartiin Giriifiits namoonni Gaazaa keessa jiran, ''haleellaa hamaa kan homaattiyyuu fakkeessuu hin danda'amne kana dura irratti raawwatameen gidiraa argaa jiru,'' raafaa weeraruun waan ''hamaa'' qaqqabsiisuu mala jedhan.
Ministirri mummee Israa'el Beejaamiin Netaaniyaahuu loltoota Hamaas magaalattii keessa dhokatanii jiran mo'achuuf kakataniiru.
Haala hin baramneen, Obbo Giriifiits namoonni miiliyoona tokkoo ol ''Raafaa keessatti iddoo tokkotti akka malee baay'atanii du'a of fuulduratti ilaalaa jiru,'' jedhan.
Namoonni nagaa magaalatti keessa jiran nyaata gahaa hin qabani, ''iddootti baqatanis hin qaban,'' jedhan.
Israa'el magaalaa kana to'chuun, ''deeggarsa namoomaa silumaa haala gaarii irra hin jirre balbala du'attii geessa,'' jechuun ibsan.
Dubbi himaan hogganaan olaanaa UN Antooniyoo Guteeres, UN karoora akkatti Raafaa keessa nama baasan nu hin qaqqabne, isa humnaan nama achii baasan irratti garuu akka hin hirmaanne himan.
Isteefaan Dujaariik, ''UN namoota humnaa achii buqqaasuu irratti hin hirmaatu,'' jedhan.
Raafaan magaalaa xiqqoo kibba Gaazaatti argamtu yoo tahu Masrii wajjin wal-daangeessiti.
Waraanni jalqabuun dura jiraattota 250,000 qabdi ture. Israa'el namooti nagaa gara kibbaatti akka baqatan ajajuun booda namoota miiliyoona 1.5nin liqimfamteetti.
Namoonni baayyeen haala hamaa keessa dunkaana keessa dahatanii jiraatu.
Raafaan guyyoota muraasaan as haleellaa qilleensarraa jabaa keessa jirti, kanaanis namoonni 67 Wiixata darbe ajjeefamuu Ministarri Fayyaa Hamaasiin hogganamu ibseera.
Obbo Giriifiits hojjettoonni namoomaa Gaazaa keessa jiran, ''ittii dhukaafameera, qawween fuulatti qabameera, haleelamaniiru, ajjeefamniiru,'' kunis sababa seerri cabeef jedhan.
Ibsa kana kan kennan mariin dhukaasa dhaabuu Israa'eliifi Hamaas Kaayirootti deebi'ee jalqabuun yeroo dhagahametti dha.
Qondaaloti gameeyyii Ameerikaa, Israa'el, Masriifi Kataar Kibxata yeroo wal-gahaniitti, Israa'el Raafaa akka hin weerarreef hawaasa idil-addunyaarraa dhiibbaan itti jabaachaa jira.
Obbo Guuteerees mariin isaanii kan milkaa'u tahee magaalattiin akka hin haleelamne abdii qabaa jedhan.
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan namooti nagaa eegamuu qabu jechuun Israa'eliin akeekkachiisaniiru. Ministarri Hajaa Alaa UK Deeviid Kaameeruun, ''dhaabadhaa, sirriitti itti yaadaa,'' Raafaa haleeluun dura jedhan.
Haleellaa Hamaas Israa'elitti Onkololeessa 7 raawwateen yoo xiqqaate namoonni 1,200 ajjeefamaniiru.
Haleellaa haaloo bahuu Israa'el raawwachaa jirtuun Gaazaa keessatti hamma yoonaa namoonni 28,400 kan ajjeeafaman yoota tahu, baayyeen isaanii dubartootaafi ijoollee dha. Kanneen 68,000 tahan immoo madaa'aniiru.












