'Qaamni abbaakoo ciccitee yoon argu of to'achuun dadhabe'- Oolmaa hojjataa ambulaansii Gaazaa

Madda suuraa, Feras Al Ajrami
Akeekkachiisa: Barreeffamni kun qabbiyyee isin jeequu qabaachuu mala
Oduunsaa gara sa'aatii 8'tti dhagahame. Hojjataan fayyaa yeroo balaa tasaa Mahaammud Al-Maasrii fi gareewwan isaa kaan hospitaala al-Awdaa Gaazaa Kaabaa keessa taa'uun bilbila itti aanuu eegataa turan.
Achiinis ergaan ambulaansii 5-15 jedhamutti kan garee abbaa Mahaamuud innis kan hojjataa fayyaa yeroo balaa ta'saa ta'e rukkutamuu beeksiise.
Mahaamudii fi hiriyyoonni isaas maal akka mudate ilaaluuf garas fiigan. Yoo achi qaqabaniittis ambulaansichi sibila cacabbaatti geedaramuun qarqara daandiitti kufte jirti. Mahaamuudis gara cacabaa sanatti yoo fiiguu kan keessa ''turan hundi gubataniifi qaamnisaanii ciccite'' arge.
Dokimantariin BBC Arabic jalqaba baatii waraanichi itti eegalameetti, hojjattoota fayyaa yeroo balaa tasaa hodofuun hojjatan keessatti, Mahaammud abbaansaa Yoorsii fi miseensoonni garichaa gara biraa lama ajjeeffamu akkuma hubateen waan jedhee ture hammateera.
''Fuulli isa fakkaatu homaa hin jiru ture'' jechuun boohicha keessaa fuudhe.

Madda suuraa, Feras Al Ajrami
Kunis kan ta'e Onkololeessa 11, waraanichi eegale guyyaa shannaffaarratti ture.
Reeffii Yoosrii Al-Maasrii kooffiiyaa yeroo balaa (helmet) dhiigaan makame waliin haguuggii adiin maramee kaafame. Sirna awwalcharrattis, Mahaammuudi isa bira jilbiinfatee, imiimmaan dhangalaasaa mataasaa raasaa bohaa ture.
Odeessi kunis gaazeexeessaa Gaazaa Feeraas Al-Ajraamiin ture kan dokimantaarii Gaza 1-1:Emergency Rescue' jedhuuf waraabame.
Mahaammuud gaheessa waggaa 29 fi ofiisaatiinis abbaan ijoollee sadii, erga abbaansaa ajjeeffamaniin booda, torbanoota muraasaan boqannaa fudhate ture.
Ta'us gaddi cimaan itti dhagahamulleen hojiitti deebii'u barbaade. ''Kaayyoonkoo keessoo ummata Filisxeem gargaaruudha'' jedhe.
''Halkanii guyyaa fuula abbaasaa arguu akka danda'u'' jechuunis suuraa isaa bilbilasaarratti maxxanse.

Madda suuraa, Feras Al Ajrami
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo dhumaatiif kan waliin turanis Obbo Yoosriin osoo hin ajjeeffamiin sa'aatiiwwan muraasaan dura ture. Mohaammad akka buna daffiisuuf gaafachuun solaata guyyaa wallakaan dura dhuganii ture. Achumaanis ambulaansiin isaanii waan waamamteef bahanii deeman.
Guyyaa lamaan duras Mahaamuud miidhaan irra qaqabee hospitaala geeffamee ture. Abbaan isaas isa maddii ta'anii bo'aa turan. ''Baayyee yaada'ee ture'' jedha Mahaammud.
Garuu torbanootaan booda waa'ee isaa yoo yaadatu, kan isa yaaddeessee ture sa'aatii konkolaataa barbadoofteen ittiin ajjeeffame sana ture jedhe.
''Yeroon qofaakoo ta'u hunda irra deebiidhaanan, ... gara ambuulaansichaatti fiiga ture, gara abbaakoottiin fiiga ture, yoon qaama abbaakoo ciccite arguuttis naheen of wallaaluun gaha,'' jedhe.
Mahaammud waggaa torbaaf hojjataa fayyaa yeroo balaa tasaa ta'ee hojjate. Yeroo sanattis Kaabaa Gaazaa Jaabaaliyaa keessatti akka qaama garee Warraa Baatii Diimaa Filisxeem (PRCS)tti hojjataa ture.
Dokimantariin sunis erga Hamaas Onkololeessa 7, 2023 Israa'el irratti haleellaa banuudhaan namoota 1,200 ajjeesee kan 250 ta'an butee fudhateen hordofuun deebii waraanaa walitti fufaa Israa'el fudhachuu eegalteen booda, hojjattoota ambulaansii kutaasaanii kaasuun baatii tokkoof kan hordofeedha.

Madda suuraa, Feras Al Ajrami
Akka ministira fayyaa Hamaasiin durfamuutti, lola baatii jalqabaa keessatti lammiilee Gaazaa 10,000 ol ajjeeffaman. Ergasiin booda ammoo lakkoofsichi gara 27,000 qaxxamuruun himame.
Oggeessoonni fayyaa yeroo balaa kunneen yoo isaan halkan dukkana konkolaachisaniifi reeffa daa'imman miidhaman fe'an waraabuun, attamiin jireenyi dhunfaasaaniifi kan oggummaasaanii akka walitti hidhatu agarsiisa.
Keessattuu reeffa daa'immanii wayita kaasanitti dhiphina sammuu isaan keessa darban agarsiisa. Guyyoota jalqaba waraanichaatti, hojjataan fayyaa yeroo balaa kan biraa, Raamii Kaamis, ambulaansii isaa keessa taa'ee bohicha keessaa fudhe.
Innis mana jiraattoota kan irra jiraansaanii dubartootaafi daa'imman ta'e, irratti jige tokkotti waamamu dubbata. Yoo kutaa keessa seenus reeffi daa'imman sadii kufee arge. Achiinis waa'ee ijoollee mataasaa yaade.
''Of to'achuun dadhabe. Bakkichumattiin boohuu eegale,'' jedhe. Yeroo sanattis waraabbiin viidiyoo osoo inni bo'uu mul'isu baayyee qoodame.
Gara dhuma Onkololeessaatti, Alaa Al-Haalaabii miseensi garicha kan biraa firsaarraa bilbilameef. Manniisaa guyyaa lamaan dura haleellaa Israa'eliin haleelamu dubbata. Haata'u malee namoonni jigjigaa keessatti awwaalama ganaa hin baafamne ture. Reeffii eessumasaa waan baafameef hospitaala geessuuf abdatee ture.
Akkuma karaa dhiphoo bakka garee namootaa jijjigaa gamoo baasuuf yaalaa jiraniitti qaqabeetti, firrisaa akkas jedheen: ''Mucaan dubaraa tokko asi keessa jirti, qaameeshee guutuu ykn wallakkaa haata'u hin barre.''
Innis dhaabbatee afuura dheeraa baafate. Fullisaa wallakkaan maaskii wallaansaatiin dhokfameera. Akkas jedhe, ''reeffii mucattii kunooti na waliin haa kaafnu'' jedhen.
Guyyaadhuma sana Alaan mana daa'imman shab baayyeen gubatanii qaqabe. Sadan isaanii pilaastiikiin maramanii gara ambulaasii isaa akka geeffamaniif garicha hoggane.
''Yoo reeffa daa'immanii qabdu wanti jalqaba gara sammuukee dhufus daa'ima mataa keetii yaadatta'' jedhe boodarra.
"Inni nu uumee...'' jechuun ibsuu eegalurreen garuu jechicha xumuruu hin dandeenye. Balaa tasaa biraatiif waamamee deeme.

Madda suuraa, Feras Al Ajrami
Waraanichi eegalee torbaniin booda Israa'el namoonni nagaa Kaaba Gaazaa gadi dhiisanii nageenyasaaniif gara kibbaatti akka deeman waan ajajjeef miseensoonni maatii garee kanaa irra caalaanis garas imalan. Hojjattoonni fayyaa garuu booddeetti hafan.
Isaanis haadha warraafi ijoollee saanii waliin karaa bilbila sagaleen ciccitaa ykn dabmalii raadiyoo PRCS'n wal qunnamaa turan.
Raamiin gara waggaa 20'f garee fayyaa kana keessaa kan hojjate yoo ta'u, Gaazaa keessatti wal dhabdeen haaraa yeroo mudatu hunda ijoolleen dubaraa isaa itti maxxananii akka hin hojjanneef isa kadhataa turu hima.
Akkasumas yeroo inni bahu hunda ijoolleensaa waan bohaniif yoo konkolaachisu hunda kadhaataa fi Waaqni ''nagaan akka isa deebiisuuf'' gaafataa akka adeemu hima. Balaan hojjattoonni garee kanaafi tola ooltoota mudatu malu ifaadha.
Taateen gara biraa ammoo hojjattoonni fayyaa yeroo balaa tasaa osoo Hospitaala al-Awdaa keessatti konkolaataa keessa taa'anii eegataa jiranu, dhohiinsi ofiinu dahachuuf akka baqatan isaan taasise.
Yoo xinnaate ambulaansiiwwan lama barbadaa'aniiru. Hojjataan fayyaa yeroo balaa tokkoos haleellaa Israa'eliin kan itti qiyyeeffame mana hospitaalichatti aanee jiru tokkodha. Israa'el bakkicharratti hin qiyyeeffanne garuu ''qiyyeeffannaa waraanaa meetra dhibba xiqqoo fagaate jirtuu haleelleerra'' jetti.
Gareen hojjattoota fayyaa yero balaa kunneenis erga Onkololeessa 7 as miseensoonni isaa 11 ajjeeffamu hime.
''Ergama hunda keessatti, lubbuu garee keenyaas balaa hamaatu jira'' jette Nabaal Faarskaa, dhaabbatichatti dubbii himtuu kan taate, taateewwaniifi hojjattoota dhaabbatiichaafi tola ooltoota ajjeeffaman tarreessaa.
"Hojjattoonni keenya osoo hojiirra jiranu irratti qiyyeeffama. Haalli nu keessa hojjataa jirruu baayyee balaafamaadha'' jette.
Dhaabbanni Baatii Diimaa Filisxeem dhaabbata namoomaa mit-mootummaa fi miseensa Waldaa Fannoo Diimaafi Baatii Diimaa Idil-addunyaa (IFRC)ti.
Seera idil-addunyaa jalatti atsixaan Fannoo Diimaafi Baatii Diimaa akka hojjattoota wallaansaa fi namoomaatti waan fudhatamuuf, Seera Jeeneevaa laatti kan eegamaniidha.

Madda suuraa, Feras Al Ajrami
Aadee Faarsaak atsixichi,ambulaansii 5-15 kan abbaan Mahaamuud keessatti ajjeeffaman dabale, ambulaansiiwwan dhaabbatichaa gubbaa fi maddiirratti maxxanfameera.
Dhaabbanni Baatii Diimaa kunis ta'e jedhamee humnoota Israa'eliin irratti qiyyeeffatame jedha. ''Teknolojiiwwan waraanni Israa'el ittiin fayyadamu hunda jala bahee osoo hin hubatiin rukkunne jechuun hin ta'u'' jetti.
Humni Ittisa Israa'el (IDF) gamasaatiin, ''hojjattoota Baatii Diimaa dabalatee ta'e jedhee hojjattoota fayyaa irratti hin xiyyeeffannu'' jedhe.
Ambulaansii abbaa Mahaamuud ittiin ajjeeffaman ilalchisuunis naannichatti waraanni haleellaa raawwate akka ture kaasuun, ambulaansii irratti akk hin xiyyeeffanne hime. Dbaluunis, ''haleellaan qilleensaa ajjeechaa akka ibsamee hin qaqabsiisuu'' jedhe.
Israa'el kan irratti xiyyeeffattu loltoota Hamaasiifi waraana isaarratti yoo ta'u, ''miidhaa manoota nagaa hir'isuuf akeekkachisa dursaan kenna'' jetti.
Waraanni Israa'el ammoo Hamaas namoota nagaa akka dahootti itti gargaarama jechuun himata. Ulaawwan hospitaalootatti dhiheenyaafi jalatti akkasummas meeshaalee waraanaa dhaabbilee fayyaa keessattiin arge jedhe viidiyoodhaa mul'ise ture.
Akkasums waraanni israa'el Hamaas kan Baatii Dimaa ta'u adda bahu baatulleen, loltootaafi meeshaa waraanaa dedeebiisuuf ambulaansiitti fayyadama jedha.
Dhaabbatichi garu erga Onkololeessa, walumaagalatti Gaazaa guutuutti ambulaansiiwwan isaa 59 tajaajilaan ala ta'u hime.
Haata'u malee Aaddee Faarsaak ''hojiin keenya guddaan tajaajilawwan fayyaafi namoomaa kennuudha,'' jechuun loltoota Hamaas waliin hidhata akka hin qabne haalte.
''Akkasumas akkuma dhaabba Fannoo Diimaa fi Baatii Diimaa Addunyaatti hojiin keenya walabaafi jidduu galummaa qama kamiiyyuu irra walaba'' jette.

Madda suuraa, Feras Al Ajrami
Mudde keessa Dhaabbanni PRCS kaaba Gaazaatti humnootiin Israa'el buufatasaanii Jaabaaliyaa keessaa haleeluu himuun hojiisaa hir'isee ture.
Waraanni Israa'el garuu kilinkicha keessatti dhukaasa banuu haaluun, miseensoonni Hamaas hedduun kilinikii Baatii Diimaa keessa jiraachuufi kaan isaanii uffata dambii dhaabbatichaa uffataa jiru'' jedhee ture.
Aadde Faarsaak garuu kun ''gutummaatti dharadha'' jechuun, kilinikichii hojjattoota ambulaansii, tola ooltootaafi namoota maatiin buqa'ee keessaa kanneen miidhamaniidha jette.
Alaa, Raamii fi Mahaamuud hundisaaniitu gara Kibbaatti kan deeman yoo ta'u, achittis akka hojjataa fayyaa gargaarsaa ta'uun naannawa Kaan Yuunis hojjatu. Raamiin tibbana deebii'eera.
Mohaamuud hadhaa warraafi ijoollee sadii kan Mohaammad waggaa 6, Layilaa waggaa 5, fi Laayaan kan waggaa 3 qaba. Isaaniis qarqara gammoojjii al-Maawaasii keessa dunkaana keessa jiraatu.
Abbaa isaa du'aan erga dhabe baatii afur ta'ulleen, kutannoon namoota dhukkubsataniifi miidhaman gargaaruuf qabu itti fufeera. ''Kunis ergaa abbaakootii waan ta'ef, kana gochuu itti fufuun qaba.''












