Keeniyaatti hiriirtonni ooyiruu pirezidantii duraanii Uhuruu weeraruun guban, hoolota saaman

Namoonni wayita hoolota saaman, ooyiruu guban

Hiriira mormii Keeniyaatti Wiixata kaleessaa (Bitootessa 27, 2023) gaggeeffamerratti namoonni hedduun gareedhaan qindaa'uun ooyiruu Pirezidantii duraanii Uhuruu Keeniyaataa abiddaan guban.

Namoonni kunneen, hiriira biraa deeggartoonni paartii mormitootaa gaggeessan haaloo ba'uuf kana raawwachuutu himame.

Gaazexeessaan BBC handaara magaalaa Naayiroobii iddoo ooyiruun kun jiru ture akka ijaan argetti, namoonni mooraa cabsanii seenuun hoolota hataa turan.

Iddoo sana yeroo sanatti poolisiin hin turre, namoonni saamicha kana raawwatan hedduun guraadee qabataniiru.

Gariinsaanii mukeen jijjigsaa turan, namoonni bakka sana turan kaanis ooyiruu kanatti duudan.

Dhaabbileen daldalaa naannawa ooyiruu kanaa fi giddugala magaalattii cufaatti oolan.

Kana malees warshaan boba'aa dursaa mormitootaa Rayilaa Odiingaa haleelameera.

Aab Uhuruu Keeniyaataa waliin hariiroosaanii cimsatanii kan jiran Aab Rayilaa Odiingaa, saamicha ooyiruu Uhuruu irratti raawwate kan qindeesse mootummaadha jechuun BBCtti himan.

Mootummaan Keeniyaa hanga ammaatti himata kanarratti homaa hin jenne

Filannoo booda hookkarri wayita dhalatu Keeniyaaf waan haaraa miti. Haleellaa fi saamichi qabeenya qondaaltotaa irratti raawwatu garuu waan ta'ee hin beekne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hiriira mormii kanarratti yoo xiqqaate lubbuun nama tokkoo darbeera. Kun kan mudate iddoo deeggarsa warra mormitootaa akkaan qabu Lixa naayiroobii Kisuumuu keessatti.

Bakka kanatti hiriirtonni gommaa gubuun daandii cufnaan poolisoonni ammoo aara imimmaanessu dhukaasan.

Hiriirii akkanaa kun torbee darbe Wiixata eegale, ergasii hanga ammaatti lubbuun namoota sadii darbeera.

Kutaa Naayiroobii keessaa bakka Rayilaa Odingaa deeggarsa olaanaa keessatti qaban kan taate Kibera keessatti wayita hiriirtonni dhagaa darbatan, poolisoonni ammoo aara imimmaanessu dhukaasuun miidhaa geessisan.

Paartilee morkattootaa walitti qindaa'uun hiriira mormii gaggeessaa jiranii fi maqaa Azimio la Umoja jedhamuun socho'an kan dursan Rayilaa Odingaa, hiriira kana jalqaba ji'a kanaa eegaluuf karoorsanii turan.

Kaayyoon hiriira kanaa qaala'iinsa jireenyaaf furmaati akka kennamu akkasumas mootummaan Pireezidant Wiiliyaam Ruuttoo seera qabeessa akka hin taane mul'isuudha.

Wiiliyaam Ruuttoon filannocha mo'achuu kan murteesse mana murtii biyyattiiti, Rayilaa Odingaa garuu filannochi waliin dhahamuu, sagaleen hatameera jechuu ittuma cichan.

Kanaaf jecha torbeetti yeroo lama Wiixataa fi Kamisa yeroo hunda hiriirri mormii akka jiraatu waamicha dhiheessanii jiru.