Mormii Keeniyaa muddama uumen lubbuun nama tokkoo darbe

Kumaatamni Naayiroobiitti waamicha paartii mormituun daandiitti bahaniiru

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kumaatamni Naayiroobiitti waamicha paartii mormituun daandiitti bahaniiru

Namoota hiriira mormiif daanditti bahan irratti tarkaanfii poolisiin fudhateen yoo xiqqaate lubbuun nama tokko magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobitti darbe.

Kumaatamni mormii hoogganaa paartii mormituu Raayilaa Odingaan filannoon waliin dhahameera jedhanii waaman hirmaataniiru.

Dorgommii pirezidantummaa yeroo shaniif kan dorgoman Odingaan, mootummaan qaala’iinsa jireenyaa lammiilee hube furaa hin jiru jechuunis himatu.

Daandiin magaalaa Naayiroobii keessa gara dhaabbilee mootummaatti geessan cufamaniiru, manni jireenyaa pirezidantii biyyattiis eegumsi cimaan taasifamaafi jira.

Mormiin cimaan bakka bakka Kibeeraa jedhamuufi deeggartoonni Odiingaa argamanitti mul’ate. Qe’een kuni bakka namoonni galii gad-aanaa qaban jiraatanidha.

Mormiin paartiileen mormituu waaman Afrikaa Kibbaattis adeemaa jira. Kunis muddama cimaa uumeera.

Mormii uummataa mormitoonni waaman kanaan hiriirtotaa fi qaamolee nageenyaa mootummaa gidduutti walitti bu'iinsi uumamuu mala sodaa jedhuun jiraattonnii fi dhaabbileen sochiisaanii idilee dhaabuun waan mudachuu malu xiyyeeffannaan eegaa jiru.

Qaamoleen nageenyaa Keeniyaa fi Afrikaa Kibbaa sochii seeraan alaa gosa kamiifuu araarama akka hin qabne ibsaniiru.

Inamaayyuu poolisiin Keeniyaa ammoo hiriirri mormii eeyyamame biyyattii keessa akka hin jirre ibseera.

Keeniyaa keessatti gameessi siyaasaa filannoo waggaa darbe injifataman Rayilaa Odingaa deeggartooti isaanii qaala'iinsa jireenyaa hammaateef mootummaa aangoorra jiru akka morman hiriira waaman.

Mormii kanaan walqabatee magaalaan yeroo hunda sochii ummataa hedduun beekamtu- Naayiroobiin qabbanooftee jirti, hedduunis sochiisaanii daangessaniiru.

Rayilaa Odingaa torbee darberraa eegalanii Pireezidanti Wiiliyaam Ruutoo fi mootummaasaaniirratti ummanni mormii akka gaggeessu waamicha dhiheessaa turan.

Keeniyaa keessatti qaala'iinsi jireenyaa akkaan yaaddessaa ta'uu fi mootummaan aangoorra jiru ''seeraan ala'' jechuun mormuuf Rayilaa Odingaa kan har'atti hiriira waaman.

Hiriirtonni gara waajjira pireezidantii biyyattii imaluun morkii dhageessisu jedhamee ture.

Poolisiin garuu hiriirri mormii eeyyamame akka hin jirree fi nama gara iddoo dhorkameetti imalee argame hundarratti tarkaanfii akka fudhatu akeekkachiiseera.

Miseensota paartilee morkattootaa Afrikaa Kibbaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensota paartilee morkattootaa Afrikaa Kibbaa

Jaarmiyaaleen daldalaa magaalaa Naayiroobii keessatti argaman ammoo hiriirri waamame kun diinagdee keenya gufachiisa jechuun, hiriira waamame kana mormuun hiriira biraa waamanii turan.

Poolisiin ammoo hiriirri gosa kamiiyyuu akka gaggeeffamuuf eeyyama kan hin kennine ta'uu ibseera.

Afrikaa Kibbaattis har'a hiriirri mormii mootummaa aangoorra jiru fonqolchuu kaayyeffate jedhame waamameera.

Kana hordofuun mootummaan qaamolee nageenyaa kumaatamaan lakkaa'aman misoomaawwan bu'uuraa akka tiksaniif jedhee bobbaaseera.

Hiriira kana kan waame paartii mormituu Economic Freedom Fighters Party jedhamuudha.

Lammiileen biyyattii manaa ba'uu lagachuun guutummaan biyyattii sochiidhaan ala akka ta'u ( akka qabbanaa'u) gochuuf dhaameera paartiin kun.

Humnoonni nageenyaa Keeniyaa aara imimmaanessuu dhukaasuu eegalan, daandii cufan
Ibsa waa'ee suuraa, Humnoonni nageenyaa Keeniyaa aara imimmaanessuu dhukaasuu eegalan, daandii cufan

Paartiin kun akkaataan Pirezidant Siriil Raamaapoosaa diinagdee biyyattii itti qabaa jiran lammiilee rakkoo hamaa keessa galchaa jira jechuun mormii kana waame.

Lammiileen Afrikaa Kibbaa sababa qaala'iinsa jireenyaa, hoji-dhabdummaa, malaammaltummaa fi ibsaan irra-deddeebiin adda ciccituutiin guddoo mufatanii jiru.

Mormii Keeniyaa fi Afrikaa Kibbaatti Wiixata har'aa (Bitootessa 20, 2023) waamameen walqabatee iddoowwan murteessoo ta'an keessatti sochiin ummataa akkaan hir'ateera, dhaabbileen gurguddoon waajjiraaleesaanii cufaniiru.

Daandiin Qilleensaa Keenyaa nageenya hojjettootaa fi maamiloota isaaf jecha biirolee tikeetii gurguran hunda cufuu ibseera.