'Mucaan baadiyyaa' Wiiliyaam Ruutoon pirezidantii Keeniyaa ta'uun kakuu raawwatan

Uhuruu Keeniyaattaafi Wiiliyaam Ruutoo aangoo yeroo walii kennan

Madda suuraa, State House Kenya

Ibsa waa'ee suuraa, Uhuruu Keeniyaattaafi Wiiliyaam Ruutoo aangoo yeroo walii kennan

Wiiliyaam Samoyii Ruutoon pirezidaantii Keeniyaa shanaffaa ta’uun sirna kakuu seenuu gaggeeffameen har'a muudamaniiru.

Har'a pirezidantii duraanii kan ta'an Uhuuruu Keeniyaataan sirnicha irratti argamuun heera biyyattii fi mallattoo isaanii kan tahe goraadee dabarsuun harka pirezidaanti Wiiliyaam Ruutootti kennani.

Ruutoon pirezidantii biyyattii akkuma tahaniin ajajaa olaanaa humna waraanaa Keeniyaas tahan jechuudha.

Sirna kana irratti Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dabalatee hoggantootni biyyoota 20 oliifi bakka bu’ootni biyyoota garagaraa argamaniiru.

Wiiliyaam Ruutoon keessummootni isaanii ergaa akka dabarsan osoo hin affeeriin dura injifannoo isaaniif Waaqa galateeffatan.

‘’Ayyaana waaqayyoon as geenye. Yeroon kun akka yeroo kaanii miti. Bakka kana dhaabbachuun Waaqayyoo teessoo isaa irra jiraachuu isaaf dhugaa bahumsadha. Mucaan baadiyyaa tokko pirezidaantii Keeniyaa tahuu isaaf Waaqayyoo jiraachuuf ragaadha.’’

Ruutoon dimokiraasii biyyattii irratti hojii guddaatu hojjetame jechuun komishinii biyyaalessaa biyyattiis galateeffatan.

Keeniyaan biyyoota kaaniifis fakkeenya tahuu akka dandeessu eeruun bulchiinsi isaanii guddina dimokiraasii biyyattiif kana caalaa akka hojjetu himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubartootni torba bulchitoota tahuun akka filataman himanii 29 ammoo mana maree biyyattiis filatamuun dubartoota haala gaariin hirmaachisuu dubbatan.

‘’Filannoo kana irratti kan mo’ate uummata Keeniyaati,’’ kan jedhan Ruutoon hoogganaa komishinii filannoo biyyattii (IEBC) Wafulaa Chebukaatii galateeffatan.

Murtoo abbootiin seeraa mana murtii waliigalaa biyyattii dabarsanis jajaniiru.

Dhaabbilee haqaa biyyattii cimsuuf akka hojjetan kan himan pirezidant Ruutoon abbootii seeraa jaha waggaa sadii dura filaman har’a sa’a booda mana murtii ol iyyannootti akka muudan ibsaniiru.

Baajata mana murtiis waggaan shilingii biiliyoona sadiin waggoota shaniif akka dabalaa deeman himan.

Dabalataan baajata poolisii biyyaalessaa dabaluun akka of danda'an gochuuf akka hojjetan ibsani.

''Baajataan of danda'uun isaanii akka isaan malaammaltummaa irratti qabsaa'an taasisa'' jedhan.

Qaala'insa jireenyaa tasgabbeessuu fi hojii dhabdummaa irratti jabeessanii akka hojjetan waadaa galan.

Pirezidaantiin Yugaandaa Yuwerii Museeveenii keesummoota argaman keessaa tokko yoo tahan, hariiroo dinagdee biyyoota Baha Afrikaaf akka hojjetan himaniiru.

Itti aanaa pirezidaantii Keeniyaa ta'un kan muudaman Rigaatii Gachaguwaa immoo ‘’amma yeroon doorsifamuu darbeera’’ jedhan.

Bulchiinsa Uhuuruu Keeniyaataa qeequu irratti kan xiyyeeffate dubbiin isaanii kun amma ‘'bilisummaan dhufeera’’ jedhan.

Dabalataan siyaasa keessatti yakka akka ‘’meeshaa haqaatti’’ akka hin fayyadamne waadaa nuuf galteetta, jechuun waa’ee Wiiliyaam Ruutoo dubbatan.

Kana dura hiriyaa Wiiliyaam Ruutoo tahuun ‘’yakkamaa’’ nama taasisa ture jedhan.

Humna tikaa mootummaa kana booda namoota biizinesii fi siyaasaa adamsuun hin hafa jechuunis dubbatan.

Gachaaguwaan uummanni Keeniyaa jabaatanii hojjechuun dinagdee biyyattii guddisuu qabu jedhan.

Wiiliyaam Ruutoon erga biyyattiin kolonii Biriiten jalaa bilisa baatee pirezidantii shanaffaa Keeniyaa tahuun waggoota shanan dhufaniif tajaajilu.