Wiiliyaam Ruutoo intalli koo "Biiroo Intala Pirezidaantii" waan jedhamu hin qabdu jechuun weekkateef

Charliin Ruutoo

Madda suuraa, CHARLENE RUTO/TWITTER

Pirezidaantin Keeniyaa Wiiliyam Ruutoo intalli isaa Charlin Ruutoo "Biiroo Intala Pirezidaantii" qabdi jedhamee kan odeeffamu soba ta'uu hime.

Ruuton ji'a Fulbaanaa keessa pirezidaantii Keeniyaa ta'uun erga gara angoo dhufee as intalli isaa isheen lammaffan Charlin Ruutoo sagantaalee qondaaltonni mootummaa gurguddoon irratti argaman heddu maqaa Biiroo Intala Pirezidaantii jedhuun qopheessaa turte.

Haata'u garuu, seerri Keeniyaa biiron mootummaa bifa kanaan matii pirezidaantitiin akka hundaa'u hin hayyamu.

Har'a garuu Pirezidaant Ruton biiron mootummaa intala isaatin hundaa'e akka hin jirre dubbate.

“Intala koo Chaarlin dhiisaa, isaan ijoolledha... biiron akkas jedhamu akka hin jirre bareechitanii beektu.

"Isheen inatala Wiiliyaam Ruutoti, yeroo tokko tokko daangaa pirezidaantummaafi abbummaa gidduu jiru hin beektu," jechuun turtii miidiyaalee wajjin masaraa mootummaatti taasisaniin dubbate.

Sochiin intalli pirezidant Wiiliyaam Ruutoo taasiftu maallaqa qarata uummataarraa sassaabamu fayyadamaa jirti moo mti kan jedhu gaaffin lammiilee biyyattii biratti akka ka'u godheeara.

Garuu ji'a darbe Biiroo Intala Pirezidaantii isheen jetteef bajanni oolu kan uummata irraa sassaabamu akka hin taane waakkattee turte.

"Biiroon Intala Pirezidaantii biiroo dhuunfati. Biiroo heeran hundaa'es miti, qarata lammiilee Keeniyaa irraa sassaabamuunis kan deeggaramu miti," jettee turte.

Kanaan dura viidiyoo miidiyaa hawaasaa gubbaatti qoodamaa tureen Charliin Ruutoo Tanzaaniyaatti wal-gahii tokko irratti osoo haasaa gootuu mul'atte.

Wal-gahicha irrattis "garee ishee Keeniyaarraa" wajjin dhaqan gorsaa ishee fi kan biraa ammoo "biiroo intala pirezidaantitti gaggeessaa daldalaa fi investimentii" akka ta'e osoo beeksiftuu viidiyicha irratti mul'atte.

Yeroo isheen garee ishee kana beeksiftu namoonni wal-gahicha irra turan ammoo harka rukutu, kaan immoo ni kolfu turan.

Waan ishee mudate kanaan, “Wanti nama kofalchiisu homtuu hin jiru," jechuun haasaa ishee itti fufte Charliin.