Intalli Wiiliyaam Ruutoo 'Biiroo Intala Pirezidaantin' hooggana jechuun ishee namoota dheekkamsiise

'Biiroon Intala Pirezidaantii' (Office of the First Daughter) jiraachuun isaa lammiilee Keeniyaa aja'ibsiiseera.
Namoonni hedduun karaa miidiyaa hawaasummaa biiroon intala pirezidantii jiraachutti dinqifataa, kaan ammoo dheekkamaa jiru.
Eega dhimmichi ijoo dubbii ta'e booda Chaarlin dhimmi ''waajjira intala Pirezidantii kan dhuunfaati'' jechuun ibsa baasuun beeksiste.
Viidiyoo miidiyaa hawaasaa gubbaatti qoodamaa jiru irraa akka mul'atutti intala lammaffaa pirezidant Wiiliyaam Ruutoo kan taate Charliin Ruutoo Tanzaaniyaatti wal-gahii tokko irratti osoo haasaa gootuu mul'atti.
Wal-gahicha irratti "garee ishee Keeniyaarraa" wajjin dhaqan gorsaa ishee fi kan biraa ammoo "biiroo intala pirezidaantitti gaggeessaa daldalaa fi investimentii" akka ta'e osoo beeksiftuu viidiyicha irratti mul'atti.
Yeroo isheen garee ishee kana beeksiftu namoonni wal-gahicha irra turan harka rukutu, kaan immoo ni kolfu.
“Wanti nama kofalchiisu homtuu hin jiru," jechuun haasaa ishee itti fufte Charliin.
Seerri Keeniyaa intala pirezidaantif addatti biiroo hojii hundeessuu hin hayyamu; biiroon akkasii jiraachuu ammoo ifatti waanti beeksifamees hin turre.
Lammiileen Keeniyaa 'maallaqa gibira uummataa irraa sassaabame qisaasaa jiru' jechuun miidiyaa hawaasummaa gubbaatti wal-harkaa fuudhanii qeequ.
"Chaarlin Ruutoo garee ishee biiroo intala pirezidaantii irraa [ishee wajjin deeman] kan gibira ummata irraa sassaabamu kaffalamuuf beeksifte, biiron akkasii seeran beekamuu illee yoo baate," jechuun barreessa lammiin Keeniyaa tokko.
Kan biraa ammoo biiroon intala pirezidantii akkamitti akka hundaa'e gaafachuun viidiyoo ishee qooda:
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Erga Wiiliyaam Ruutoo pirezidaanti Keeniyaa ta'uun filatamanii as intalli isaanii Charliin irra deddeebin aangawoota mootummaa heddu wajjin wal argaa turte.
Akkasumas qondaalota biyyoota garaa garaa wajjin wal-argaas turte. Kanaan duras aangoo abbaa isheetti fayyadamtee maallaqa uummataa qisaasessaa jirti komiin jedhu irratti ka'ee ture.
Yeroo sana tiwiitara gubbaatti duulli 'Quickmart Ivanka' jedhu irratti gaggeeffamaa ture. Kunis intala Tiraamp kan taate Ivanka Tiraamp wajjin wal ishee fakkeessufi.
Yeroo Doonald Tiraamp pirezidantii US turan, intalli isaanii Ivaankaa Tiraamp abbaa ishee wajjin wal gahii taa'aa turte. Kanarraa ka'uun boodarra Tiraamp aangoo mootummaa kennaniifi turan.
Amma immoo biiroon intala pirezidaantii jiraachuu fi gorsaa ishee dabalatee garee ishee erga beeksiftee as miidiyaa hawaasummaa gubbaatti mata duree taatee jirti.












