Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannoo Amaaraatti aanga'aa Paartii Badhaadhinaa dabalate namoonni shan hidhattootaan ajjeefaman
Naannoo Amaaraatti Itti-gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannichaa Obbo Girmaa Yashiixilaa dabalatee namoonni shan hidhattootaan ajjeefaman.
Qondaalli olaanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Girmaa Yashiixilaa kan ajjeeffaman naannichaatti dhimma hojiitiif gara Godina Kaaba Shawaa Mahaal Meedaa irraa osoo gara Dabra Birhaaniitti deebii'aa jiranu ta'utu himame.
Haleellaan kun Obbo Girmaa fi namoota isaan waliin turan irratti kan raawwatame Kamisa Ebla 27, 2023 waaree booda bakka addaa Manzi Gaasaa jedhamuutti ''humnoota hidhatoota al-idile'' ta'usaa ibsa naannoon Amaaraa baasee beeksiise.
Haleellaa kanaanis qondaala olaanaa paartii Badhaadhiinaa Obbo Girmaa Yashixiilaa dabalatee namoonni shan ajjeeffamu naannichi mirkaneesseera.
MM Itoophiyaa Abiy Ahimad miseensi koree hojii raawwachistuu paartii saanii Obbo Girmaan Yashixiilaan ajjeeffamuutti gadda isaaniitti dhagahame toora miidiyaa hawaasaa isaaniirratti ibsan.
MM Abiy "Qaamoleen yaada yaadan mo'achuu hin dandeenye lubbuu obboleessa keenya Girmaa Yashiixilaa galafaataniiru," jedhan.
Itti dabaluunis ''kan yaadaan adda ta'e hunda qawweedhaan amansiisuuf ka'uun agarsiiftuu daangaa dhuma finxaalessuummaatii'' jechuun ajjeechaa raawwatame balaaleeffataniiru.
Obbo Girmaa naannoo itti dhalatanii guddataniitti ''gochaa sukkaneessaa fi jibbisiisaa finxaaleeyyiin raawwatan kunis, yoo finxaalenyummaa yeroodhaan irratti qabsoofnee hin dhabamsiifine ta'e kan gara wal fiixuutti nu geessuu ta'u agarsiiftuudha'' jedhan.
Ajjeechaan qondaala kanarratti raawwatameef itti gaafatamaan eenyu akka ta'e hanga yoonaatti kan maqaan dhahame hin jiru.
Naannoo Amaaraa akka beeksiiseetti ajjeechaan kun kan raawwatame Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhiinaa damee Naannoo Amaaraafi miseensa kora hojii raawwachiiftuu Obboo Girmaa Yashixiilaa, eegdoota dhuunfaa isaaniifi maatii isaanii irratti ta'u beeksiisaniiru.
"Bara garaa garummaa yaadaa bifa ammaayyoomen hiikuun aadaa itti ta'e keessatti nama yaada nurraa adda ta'e qabu hunda qawween amansiisuuf ka'uun agarsiistuu sadarkaa finxaalesummaa isa dhumaati," jedhan MM Abiy.
Naannoo Amaaratti ajjeechan qondaalota mootummaa olaanorratti raawwatu kun isa jalqabaa miti.
Kanaan duras pirezidaantii duraanii naannichaa kan turan Dr. Ambaachoo dabalatee aangawoonni mootummaa olaanoon ajjeefamaniiru.
Yeroo dhiyoo asimmoo naannichatti hokkariifi seer-maleesummaan baay'ataa jira.
Keessumaa mootummaan Federalaa humna addaa naannolee diiguu erga beeksiseen booda, humni addaa naannoo Amaaraa hammi tokko hidhannoo hin hiikkannu jechuun hokkarri ka'ee ture.
MM Abiy erga har'a karaa fuula miidiyaa hawaasummaasaanii dabarssaniin yeroon osoo iiti hin dhihin finxaalessummaarratti akka qabsaa'an himan.
"[Qaamoleen] finxaaleyyiifi jeequmsa uuman naannoo dhalatee guddatetti, yaada keenyan alatti yaaduu hin malleef jedhanii warri yaadan gochaa fokkisaafi suukaneessaa raawwatan, finxaalessummaa akkasii kanarratti yeroon irratti hin qabsoofnu taanan gara hin malletti kan nu geessu agarsiistuu cimaadha," jedhan.
Ajjeechaa aanga'aa olaanaa Paartii Badhaadhinaa irratti raawwatame enyuun akka ta'e adda bahee wanti jedhame hin jiru.
BBC'n Mootummaa Naannoo Amaaraafi Federaalaa irraa qaamoleen isaan ilaallaturraa waa'ee haaleellichaa ibsa dabalataa argachuuf carraaqqiin taasise hin milkoofne.
Dhiheenya kana humna addaa naannoolee akka haaraatti deebiisanii gurmeessuun wal qabatee, naannoodhuma Amaaraa kanatti mormiin mudachuunsaa ni yaadatama.
Mormii kana keessatti ammoo, himnootiin finxaaleeyyii fi hidhattoonni Faannoo burjaajii akka uuman himatamu.
Hidhattoonni naannoo Amaaraa keessa socha'an eenyu?
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Itoophiyaa, dhiyeenya kana humnoota addaa naannolee akka haaraatti gurmeessanii ibsa kennan irratti, hidhattoonni ‘Faannoo’ jedhaman naannoo Amaaraa keessatti rakkoo nageenyaa akka ta’an himanii turan.
Finxaaleyyii, shiftaa fi Faannoon walta'uun naannocha laamshessaniiru jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa.
Gareen Faannoo kun abbaa hin qabu. Abbaansaa finxaalessaadha. Gareen kun amma bakka hundatti yaaddoo nageenyaa ta'eera.''
Gareen kun Raayyaa Ittisa Biyyaa hidhachiisee rasaasa kenneef deebisee lolaa jira jedhan.
''Garee kanaan namni bakka hundatti ajjeefama, dubartoonni ni gudeedamu. Maallaqni ni saamama, daandiin ni cufama, keellaarratti qaraxi ni funaanama. Caasaa mootummaa naannochaa sodaachisee jiraata.''
Garee kana balleessuuf hojjetaa jiraachuu kan ibsan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, ''Garee Faannoo yoo balleessine naannoleen tasgabbaa'anii hojii misoomaatti fuulleffatu. Sodaa keessaa ba'u,'' jedhan.