Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajjeechaa aangawoota Naannoo Amaaraan kan himataman waggaa 15 hanga umrii guutuu itti murame
Namoota ajjeechaa aanga'oota olaanoo naannoo Amaaraa A L I Waxabajji 15 bara 2011 raawwatameen himatamanii yakkicha raawwataniiru jedhaman irratti addabbiin hidhaa cimaa waggaa 15 hanga umurii guutuutti itti muramuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Namoota 31 ta'an dhimmi isaanii A L I Sadaasa 23, bara 2012 irraa kaasee mana murtiitti ilaalama ture kana keessaa gariin isaniis bakka hin jirreetti adabbiin itti murameera.
Manni Murtii Waliigalaa Naannoo Amaaraa dhaddacha har'a taa'en namoota yakka ajjeechaa kana raawwatan sadii bakka isaan hin jirreetti murteen adabbii irratti dabarseera.
Namoonni kunneen sadan Shambal Memmaar Geetinnat, Balaaysaw saffiinaw, akkasumas Yiqinaw Yihunee yoo ta'an, hidhaa cimaa umurii guutuun adabamaniiru.
Yakkamtoonni 18 ta'an ammoo hidhaa cimaa waggaa 16fi ji'a ja'aan, himatamtoonni lama hidhaa cimaa waggaa 15n, himatamtoonni lama biroon hidhaa waggaa 16n, himatamtootni afur hidhaa cimaa waggaa 18n, akkasumas lama biroo hidhaa cimaa waggaa 17'n adabamaniiru.
Dhaddachichi murtee addabii dura himatamtoota irraa iyyatawwan addabbii salphisan dhiyaatan fudhatee qorateera.
Himatamtoota shaniif dhimmoota hidhaa salphisan shan, himatamtoota 20 ta'aniif ammoo iyyata hidhaa salphisan afur, himatamtoota afuriif ammoo iyyata hidhaa salphaa taasisan sadii warreen sadan bakka hin jirretti dhimmi isaanii ilaalameef ammoo dhimma hidhaa saphisu tokko fudhateera.
Ajjeechaa A L I Waxabajji bara 2011 magaalaa guddoo naannoo Amaaraa Baahir Daar keessatti raawwatame kana mootummaan ''fonqolchatu raawwate'' jechuun ibseera.
Ajjeechaa kanaan pirezidantii naannichaa kan turan Dr Ambaachew Mokkonnin, abbaa alangaa waliigalaa naannichaa Obbo Migibaar Kabbadaafi gorsaa pirezidaantii Iizez Waasee turan kan ajjeefaman.
Haleellaa kana gaggeessaniiru kan jedhamaniifi hogganaa Biiroo Nageenyaa naannichaa kan turan Birgaader Jeneraal Asaamminoo Tsigee taateen sun raawwatamee guyyoota muraasaan booda to'achuuf yeroo yaalamutti humnoota nageenyaa mootummaan ajjeefamuun ni yaadatama.