Keessoo wiirtuu guddicha godaantota gara Awurooppaa imalanii

Wiirtuu godaantotaa Lampedusa

Torban darbe godaantonni kumaatamaan lakkaa’aman Lampedusaa ga’uun, dandeettii oddola Xaaliyaan kanaa ol ta’aniiru.

Gazexxeessitoonni BBC Rehaa Kansaaraa fi Emiir Nader wiirtuu godaantooti tursaman, “hotspot” jedhamuun beekamu daawwataniiru.

Waan hubatan akka armaan gaditti barreessaniiru. Wiirtuun Lampedusa guyyootii guddaa itti ko’oomu qaba.

Guyyaa tokko dura Godaantoonni hedduu – hedduun isaanii dhiroota biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii fi biyyoota Baha Gidduugaleessa irraa ta’an – balbala wiirtichaa fulduratti gaaddisa muka guddaa jala hiriira galanii turani.

Amma, bakkichi qullaadha. Ji’oota dhiyoo keessa, wiirtuun kun godaantota humna isaa ol ta’an keessummeessaa ture

Dhaabbati Fanno Diimaa Xaaliyaan akka tilmaamutti, torban darbe oddolli kun godaantota haaraa yoo xiqqaate 10,000 ol ta’an, harki caalaa kan bidiruun Tunisiyaarraa imalan keessummeeseera.

Jiraattonni naannichaa godaantota wiirtuu namoota 400 qofa keessummeessuuf ijaarame keessa seenuu dadhabaniif nyaata, bishaaniifi uffata kennuun gargaaraa turaniiru.

Wiirtuun xiyyeeffannoo addunyaa qabu kun xiqqaadha - meetira 200 qofa kan dheeratudha.

Wiirtuu sana keessa yemmuu adeemaa turre, dhiirotni gartuutiin sirboota bebbeekamoo Afrikaa Lixaa fi Arabaan shubbisaa turani.

Godaantota tokko tokko waliin haasa’uu yaallus, Dhaabbatti Fannoo Diimaa, angaa’ota mootummaa irraa eeyyama argachuu qabdu jechuun nu dhorkaa ture.

Dubartoota siree yeroof qopha’eerra boqochaa turan afur qofa agarre, dhirootni hedduun garuu umurii ganna 18 gad kan ta’an fakkaatu.

Balbala wiirtuu sanaa dargaggeessa Masirii umurii ganna 20, Ahmed waliin guyyaa tokko dura haasofnee ture.

Bakka kana ga’uuf Liibiyaa irraa ka’ee bidiruun guyyaa sadiif akka imale hima. Utuu isa waliin haasofnu, loltoonni lama dhufanii addaan yemmuu nu kutan, Ahmed dafee akka wiirtichaa kunuunsa gaarii argachaa jiru nutti himaa ture.

Godaantonni biroo miidiyaa waliin haasa’uu akka sodaatan himan.

Dhaabbata Fannoo Diimaa irraa, Ignaaziyoo Shintuu akka jedhutti, namoota hanga kana bakka xiqqaa keessa tajaajila fayyaa fi karoora malee kaa’uun “ hojii gargaarsaa fi simannaa guutummaatti waan diiguu danda’udha.”

Wiirtuu godaantotaa Lampedusa
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Godaantota kunneen keessaa hedduun isaanii dooniitiin gara wiirtuulee godaantotaa biroo afur magaalaa Sisilii fi Xaaliyaan jiranitti ergamaniiru.

Godaantoonni hedduminaan torban darbe biyyatti erga ga’anii booda, ministeerri muummee Xaaliyaan Joorjiyaa Meloonii pirezdaantii Gamtaa Awurooppaa Ursulaa von der Leyeen waliin odollaa sana daawwataniiru.

Ibsa gabaabaa fi cimaa kennaniin mootummaan Aadde Meloonii qubbaannaa goodantota kanaa “weeraraa fi gocha waraanaa” jechuun waamaniiru.

Bulchaan oddola kanaa, Filippoo Manniinoo garuu faallaa kanaa dubbatu.

“Oddolli kun waggoota 30f haala akkanaa kana keessa jiraateera, nama bakkeetii ilaaluuf oddolichi jeequmsa keessa kan jiru fakkaata: ‘Oddola kufuuf deemu, Oddola haleella jala jiru’ jedhu. Kun sirrii miti,” jedheera.

Gamtaan Awurooppaa gama isaan Tuniziyaan diinagdee ishee guddisuun, bidiruun achii akka hin baaneef akka dhorkituuf Yuuroo biiliyoona 1 kennuufiif qophaa’aa jira.

Walii galtee Awurooppaa keessa garuu qaawwaan jira.

Mootummaan Firaans godaantota Lampedusaa irraa dhufan akka hin simannee beeksiseera.

Humnoota idil addunyaa isarra guddataan gidduutti qabamee kan jiru Lampedusaaf, wanti oddolichatti raawwatu humnootii ala jiran biroon kan murtaa’u ta’a.

Wiirtuu godaantotaa Lampedusa

Oddolichi bakka balaaf ykn kufaatiif dhiyaatee jiru hin fakkaatu. Jiraattonni oddolichaa ilaalcha hamaa fi finxaala’aa hoggantoonni siyaasaa Xaaliyaan fayyadaman hin qabani.

Garuu qormaata kanaaf furmaatni akka dhufuuf ni gaafatu, jiraattoti godaantota kunneen akka kunuunsaniif furmaati namusa qabeessa ta’e akka jiraatu barbaadu.

“Bulchaa oddola xiqqoo qofa waanan ta’eef furmaata irratti kan murteessu ana miti,” jedha Obbo Manniinoon.

“Garuu nama hunda wal qixa ilaaluuf ykn dhiisuuf filachuu qabna, lammilee Yukireen waraanaa baqatan ykn lammilee Afrikaa waraanaa fi ari’annaa baqatan ta’anis. Wal qixa ilaallanimoo halluu gogaa isaanii irratti hundoofnaa?”