Godaantonni baatii tokkoof galaanarra turan 60 ta'an du'uu hin oolle jedhame

Godaantonni yeroo baraaraman

Madda suuraa, Reuters

Bidiruun namoota 60 ol baattee deemaa turte galaana Keep Vardeetti argamuu hordofee namoonni 60 du'uunsaanii hin oolle jedhame.

Ijoolleefi dubartoota dabalatee namoonni 38 yoo baraaraman 60 kan ta'an ammayyuu achi buutensaanii hin baramne.

Godaantonni bidiruun gara Awurooppaatti cehuuf jedhan kun hundisaanii biyya Seneegaal irraa kan ka'aniidha jedhame.

Qondaaltonni Keep Vardee lubbuun namaa godaansan galaanarratti akka hin banneef deeggarsa idila addunyaa gaafatan.

Bidiruun kun kan argamte buufata galaana Keep Vardee irra 320km fagaattee yoo ta'u ji'a tokkoo oliif galaanarra imalaa turte.

Qurxummii kiyyeessitoonni Ispeen erga arganii booda bidiruun kana keessaa kanneen lubbuun hafan kan baraaraman.

Dhaabbanni Godaantota Addunyaa (IOM) akka jedhetti namoota lubbuun baraaraman keessaa ijoolleen waggaa 12 fi 16 kan jiran yoo ta'u, bidiruun kun Adoolessa 10, ji'a tokko dura, namoota 101 qabattee Seneegaal irraa kaate.

Mootummaan Seneegaal gamasaatin lammiilee Seneegaal baraaraman gara biyyaatti deebisuuf aangawoota Keep Vardee wajjiin hojjataa akka jiru hime.

Namoonni lubbuun baraaraman kun gaafa manaa bahan biyyoota Awurooppaa qaqqabuuf ta'us amma kanneen baraaraman Keep Vardee jiru.

Keep Vardeen odola qarqara Lixa Afrikaarraa 600km fagaattee argamtuufi godaantonni hedduu gara Ispeenitti cehuuf itti fayyadamaniidha.

Dhaabbanni Baqattoota Addunyaa (IOM) karaan kun karaawwan balaafamoo godaantonni gara Awurrooppatti cehuuf itti dhimma bahan keessaa tokko akka ta'e ibsa.

Bara 2022 fi 2023 qofaa godaantonni 67,000 ta'an odola Kanaarii, odola Ispeen kan taate, qaqqabaniiru.

Bara 2022 hanga 2023'tti godaantonni 2,500 lubbuu dhabaniiru. Dhaabbanni IOM akka jedhutti namoonni du'an kanaa ol ta'uu danda'u.

Sababni isaa namoonni kun karaa dhoksaafi wal-xaxaan waan deemaniif kanneen du'an galmeessunuu rakkisaadha.

Godaantonni kunneen rakkoolee diinagdee, nageenyaa, waraanaafi kanneen biroo baqachuun jireenya fooyyee barbaacha gara biyyoota Awurrooppaatti godaanu.