Godaantonni seeraan ala galaana akka hin ceenef Gamtaan Awurooppaafi Tuniziyaan waliigalan

Qondaaltota walii galticha mallatteessan

Madda suuraa, Getty Images

Godaantonni karaa seeraan alaa gara biyyoota Awuroopppatti akka hin qaxxaamurreef Gamtaan Awurooppaa (EU) deeggarsa dolaara miliyeena 118 gochuuf Tuniziyaa wajjin walii galan.

Godaantonnni hedduun karaa Tuniziyaa galaana Medetiraaniyaanii qaxxaamuruun gara biyyoota Awurrooppaatti cehu.

Bara kana qofa godaantonni 72,000 ta'an gara biyyoota Gamtaa Awurooppaatti cehaniiru. Hedduun isaanii kan buufatan Xaaliyaan keessa.

Godaantonni seeraan ala gara Awurooppaatti akka hin ceene gochuufi daangaa biyyattii jabeessuuf Gamtaan Awurooppaa deeggarsa dolaara miliyeena 118 Tuniziyaa wajjin mallatteessee jira.

Yeroo dhiyoo as Tuniziyaa keessatti godaantonni gurraacha ta'an dararri garaa garaa irra qaqqabaa ture.

Pirezidaantin biyyattii "godaantonni ta'e jedhanii eenyummaa biyyattii jijjiirufi" jechuun "gantoota biyya biraaf hojjatan" jedhanii dubbatan. Boodarra ammoo "lakki ani yaada sanyummaa qabaadhee miti" jedhan.

Tuniziyaan rakkoon diinagdee itti cimaa dhufuurraa kan ka'e, godaantota karaa biyyattii gara Awuroppaatti cehan qofa osoo hin taane, lammiilen biyyattiis gara biyyoota Awurooppatti deemuu yaalu.

Waliigalteen Tuniziyaafi EU kun akka jedhutti godaantonni daangaarratti "qabiinsi mirga namoomaa isaanii kabaje" ni taasifamaaf. Akkasumas, karaa seera qabeessa ta'een akka godaanan haalli ni mijataaf jedha.

Waliigaltee kana mallatteessuf Muummee Ministeera Xaaliyaanii Jiyoorjiyaa Meloonii akkasumas Muummen Ministeeraa Daach Maark Rutte Tuniziyaatti kan argaman yoo ta'u, waliigaltichi tarkaanfii barbaachisaa ta'uu ibsan.

Pirezidaantin Tuniziyaa Saa'ed gamasaanin biyyisaanii waan qabdu osoo hin sassatin godaantotaaf akka kennite hima.