Barnoonni Ijiptoolojii maali? Ummatoota Kuush Itoophiyaa keessa jiran barsiisuun ni fayyadaa?

Barreeffama Herogiliifiksii Qaroomina Masrii durii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Barreeffama Herogiliifiksii Qaroomina Masrii durii

Amruu Ahimad lammii Sudaan qorataa afaaniiti. Waraana Sudaanitti gaggeeffamaa jirurraa kan ka'e bakka dhalootasaa Kaartuum irraa baqatee amma Finfinnee jira.

Waraana baqatee erga Finfinnee dhufeeyis hin teenye; Afaan warri Kuush ykn Kemeet durii dubbatan Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa heddu keessatti akka barsiifamuuf carraa argate hundaan yuunivarsiitotaafi dhaabbilee garaa garaa qunnamaa akka jiru BBC'tti hime.

Afaan dur warri Kuush ykn Masirii dubbataa turan 'Rankama' jedhamee akka waamamu hima.

Afaan kun bara Qaaromina Masiriifi Qaroomina Kuush bulchiinsa mootummoota kanneenii keessatti akka afaan biyyaalessaatti gargaara ture.

Qaroominni Masriifi Mootummaa Kuush qaroomina seenaa addunyaa keessatti gumaata guddaa gumaachan keessatti ramadamu, qorattoonni seenaafi arkiyoolojistoonni akka jedhanitti.

Qaroominni mootummoota Masiriifi Kuush takka wal-dorgomaa, takka wal-diinomfachaa takka ammoo wal-gabroomfachaa tokko isa kaan irratti dhiibbaa gaggeessaa ture.

Ka'umsi bara mootota lamaanii walitti dhiyeenya qabaachuufi naannoo Laga Naayil [maqaa Abbayyi achitti itti beekamu] irratti kan hundaa'e ta'uunsaa walitti dhufeenya gaaris badaas akka qabaatan isaan taasiseera.

Qorattoonni seenaafi arkiyoolojii akka jedhanitti Mootummaan Kuush kan hundaa'e Kaaba Sudaan bakka Karmaa jedhamutti yoo ta'u kan Mootummaa Masirii (Egyptian Kingdom) ammoo Masiriidhuma har'aa keessattiidha.

Seenaa qaroomina mootummoota Kuushiifi Masirii irratti qorannoon gaggeeffame heddumminaan qorattoota biyyoota Lixaarraa waan ta'aniif kan Masirii qofa irratti xiyyeeffachuufi Mootummaan Kuush seenaa Mootummaa Masirii keessatti qooda guddaa akka qabu baay’ee irratti hin xiyyeeffatamne.

'Ijiptoolojiin saayinsii qorannoo Masirii duriiti. Saayinsin Ijiptoolojii yuunivaristiiwwan itti barsiifamu keessaa tokokko Yuunivarsiitii Kaambirijiidha.

''Marsariitii yunivarsiitichaarratti akka ibsametti Ijiptoolojiin: "[qorannoo] arkiyoolojii, afaan, seenaa, hog-barruu, amantii, fi aartii Masirii irratti kan xiyyeeffatuudha.''

Amruu Ahimad yaaduma kana qooddachuun maqaan Masrii ammaa dur 'Kemeet' akka jedhamu hima.

"Maqaan Ijibti jedhu maqaa isa durii osoo hin taane warra Giriikotaatu maqicha moggaase. Maqaan inni jalqabaa Kemeet jedhama ture.

''Akkuma maqaa Itoophiyaa jedhu warri Giriik baasan. Maqaan Itoophiyaa durii Kuush ture," jechuun maqaa isa jalqabaa kanatti deebisuuf "Inisheetivii Kemeetoolojii" jedhu akka jalqabe ibsa.

Dabaluunis, "Afaan Rankama afaan warra Kemeetidha. Warri Giriikii gaafa dhufanii koloneeffatan afaan kana balleessun kan isaanitiin bakka buusan," jechuun afaanichi afaan biyyaalessaa qaroomina suluula laga Naayil akka ture hima.

Afaanicha gaafa hiiku ammoo, "Ra'' jechuun 'afaan (mouth)' jechuu yoo ta'u "Kama ykn Kemet" ammoo maqaa lafa ummanni suluula laga Naayil irra jiraataa turaniiti.

''Kanaaf "Rankama ykn Rankemet" jechuun "Afan Keemet" jechuudha," jedha.

Ijiptoolojiin Itoophiyaatti yoo barsiifame maal fayyada?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qaroominni ummata Kuush ykn Masrii addunyaaf gumaache guddaa ta'uurraa kan ka'e yuunivarsiitiiwwan biyyoota guddatan hedduu keessatti akka muummee barnootaa tokkotti hundaa'un kennamuu erga eegalee waggaa 200 akka guute hima Amruun.

"Biyyoota Awurooppaa heddu dabalatee biyyoonni baha fagoo kanneen akka Jaappan, Taayiwaan fa'aallee waa'ee Ijiptoolojii yuunivarsiitotaafi kolleejjiwwan isaanii keessatti barsiisaa jiru."

"Afrikaa keessaa Ijiptoolojii kan barsiisu Masriifi Afrikaa Kibbaa qofa," jechuun abbaa qaroomina Kuushiifi Masrii kan ta'e ardiin Afrikaa osoo jiranii biyyoonni Lixaafi Eshiyaa fa'aa qorannoo gurguddaa gaggeessuu dubbata.

Itoophiyaatti ammoo barnoonni Ijiptoolojii ykn Kemeetoolojii osoo barsiifamee fayidaa maal qaba kan jedhuuf: "Itoophiyaan biyya seenaadhaan badhaatedha.

''Akkasumas maddi laga Naayil [Abbayya] guddaan asidha,waan ta'eef osoo yuunivarsiitota keessatti kennamee Itoophiyaan dhiibbaa guddaa gooti," jedha.

Itoophiyaa keessatti ummatonni hidda Kuush ta'an heddu jiraachuunsaanii ammoo barnoonni Ijiptoolojii kan afaan Rankama keessatti baratamu osoo jalqabamee fedhiin heddu akka jirus hime.

Bar-kumee lamaaf afaan du'etu gale

Qorannoon Ijiptoolojii ifatti kan eegale jaarraa 19ffaa keessa yoo ta'u, bara 1822'tti qorataan afaanii lammii Faransaayi Shampoliyoon jedhamu herogiliifiksii afaan Keemet ykn Masirii durii ittiin barreeffame akka argate hima Amruun.

Dokumentarii BBC History'n The Latest Secrets of Hieroglyphs jedhuun hojjateen qorataan lammii Faransaayi kun qaroomina Afrikaa keessatti waggoota kuma hedduuf dagaagee ture garuummoo yeroon booda dhokate ifa akka godhe ibsa.

Abbaa ijibtoolojii jedhamuun kan beekamu Shampoliyoon barreeffamoota hirogiliifiksii awwaala mootota Fara'oon durii keessa ture ifatti baase.

Qorannoon Ijiptoolojii kun akka agarsiisutti barreeffamni hirogiliifiksii hanga Empaayerri Roomaa Kiristaanumaa akka amantii biyyoolessaatti fudhatee hojiirra oolchutti waggoota 3,500 oliif hojiirra oolaa ture.

Afaan warra Keemet ykn Masirii kun bobboca bineensotaa, ilbiisotaa fi allaattiwwanii akkasumas bocawwan biroo kan qabu ta'ee dhagaa soofameefi keenyaa manaa irratti kan barreeffamuudha.

Impaayirri warra Roomaa bara 380 DhKB amantii Kiristaanummaa erga fudhatee booda Mootiin Tewodesiyas labsii waaqeffannaa waaqa tolfamaa (pagan worship) akka dhaabatu labsii baasuu hordofee Masiriifi warri Kuush beektota waa barreessaniifi ogummaa herogiliifiksii qaban hunda dhaban.

Bara 1779 keessa garuu gareen qorannoo waraana Nappoliyoon Bonappaartee duuka bu'ee waa'ee seenaafi daanaa (map) biyyattii akka qorataniif gara Masirii deeme oduu haaraa argatan - loltoonni Faransaay dhagaa jaarraa 2ffaa keessa barreeffama gosa sadiin irratti barreeffame argatan.

Dhagaan kun "Rozeta" jedhamuun beekama.

Barreeffamni irratti barreeffamees herogiliifiksii, demotikii (herogiliifiksii akka namaa galutti barreeffame) fi Afaan Giriikitiini.

Dhagaan barreeffama jaarraa 2ffaa qabu kun qorannoof biyyoota Awurooppaa garaa garaatti ergame.

Waggootan booda qorataa afaanii lammii Faransaayi kan ta'e Shampoliyoon barreeffamoota herogiliifiksii kanarratti qorannoo gaggeessun afaan waggoota hedduuf bade kana lubbuu itti hore.

Shampoliyoon dargagummaasaatti afaanota akka Hibruu, Arabiffaafi Aramaayik barateera.

Hiika herogiliifiksii kana guutummaatti argachuuf garuu afaan warri Masirii ykn Kemeet dur dubbatan baruuf afaan Koptik barachuu akka qabu murteesse.

Koptikiin afaan Masrii durii ta'ee yeroo ammaa hawaasa Koptikii muraasaafi bataskaana Koptikii Ortodoksii Masirii keessatti tajaajilaaf hojiirra oola.

Shampoliyoon Afaan Koptik barachuun hiika barreeffamoota herogiliifiksii bifa amma Igiptoolojistoonni itti fayyadamaniin kaa'uu danda'e.

Amruu Ahimad gamasaatin warri Roomaa Mootummaa Masrii erga to'atanii Afaan Giriikii malee kaan akka hin dubbatamne godhanii booda warri Masirii afaansaanii qubee Giriikiitti jijjiiruun herogiliifiksiin barreessuu akka dhiisan dubbata.

"Barreeffamni isaanii Afaan Giriikiin haa ta'u malee hawaasni koptikii muraasniifi bataskaana Koptik Ortodoksii keessatti hojiirra oolaa jira," jechuun afaan Koptikiifi afaan Keemet durii ykn Rankama akka tokko ta'e ibsa.

'Mootonni Kuush waggaa 100 Masrii bulchan'

Qaroomina Kuushiifi Masrii wantoota wal-fakkeessan hedduutu jira. Aadaa, amantii, afaan, sirna barreeffamaa heddu waliin qooddatu, qorattoonni seenaa akka jedhanitti.

Mootummoonni kun waliinis hojjachaa, takka wal-gargaaraa, takka ammoo wal-lolaa, tokko isa kaan bulchaa turan.

Ka'uumsi qaroomina Kuush Kaaba Sudaan akka ta'eefi kan Masirii ammoo Masiriidhuma keessatti - lamaan isaanituu suluula laga Naayil irratti kan hundaa'e ta'uusaa dookumentarii BBC The Kindom of Kush jedhu keessatti qorattoonni seenaa ni ibsu.

Fakkii Mootota Kuush

Madda suuraa, BBC History

Qaroominni Kuush giddu gala isaa Kaaba Sudaanitti kan argamtu magaala Karma godhachuun bulchaa ture.

Bara 2,500 DhKD magaalaan Karmaa giddugalaafi magaalaa guddoo qaroomina Mootummaa Kuush taatetti.

Yerodhuma wal-fakkaatutti ammoo suluula laga Naayil gara Kaabaa, Kibba Masirii, keessatti Qaroominni Masirii dagaagaa ture.

Arkiyoloojistii lammii Sudaan kan taatefi Yuunivarsiitii Kaambiriijitti barsiiftuu kan taate Pirofeesar Shaiid Xahaa, "Qaroominni Kuush qaroomina Baabiloon, Giriikiifi Roomaa dursa" jechuun waa'een qaroomina Kuush baay'ee akka hin dubbatamneefi barreessitoonni warra Lixaa kan Masirii irratti akka xiyyeefatan kaasti.

Walitti dhufeenyi Mootummoota Kuushiifi Masrii yeroo gara yerootti kan jijjiiramuudha.

Takka michummaa, takka ammoo diinummaadha. Yeroo kaan warra Masriitu Kuush weerara, yeroo biraa ammoo warra Kuushitu Masrii weerara ragaaleen seenaa akka agarsiisanitti.

"Warri Kuush loltoota jajjaboo qabaachurraa kan ka'e warri Ijiptii [Masrii] isaan sodaatu. Bara 1650 DhKD Mootummaan Kuush Masriitti duulee saamera," jedhu Pirofeesar Sha'id.

Ragaaleen akka agarsiisanitti warri Kuush lola fardeeniin baay'ee waan beekamaniif baay'ee sodaatamu.

Mootummaan Kuush magaala Karma wiirtuu isaa godhatee yeroo hundaa'u Mootii Kashtaa jedhamuun gaggeeffama ture.

Kashtaan erga du'een booda ilmisaa Piyaankii jedhamu bara 747 DhKD aangoo qabatee waggaa 30'f Kuush bulche.

Bara Piyaankin mootii Kuush ta'etti bulchiinsifi daangaan Kuush akka malee babal'ate.

Piyaankin Masriitti duulun Masrii qabate. Piyaankin Masriitti yeroo duulu Mootummaan Masirii harka Mootummaa Liibiyaa jalatti kufee waan tureef warri Liibiyaa amantaafi aadaa warra Masrii irratti dhiibbaa guddaa gochaa turan.

Bobboca Mootii Tahaarqaa

Madda suuraa, BBC History

Ibsa waa'ee suuraa, Bobboca Mootii Tahaarqaa

Warri Kuushiifi Masirii keessumaa waaqa tokko waaqeffatu waan ta'eef Mootin Kuush Piyaankin warra Masrii bittaa warra mootummaa warra Liibiyaa jalaa baasuf duule.

Bara Piyaankin mootii ta'ee kaasee waggoota 100 itti aananiif mootonni Kuush Fara'oo Masirii ta'uun bulchaa akka turan ragaan dookumentarii BBCn hojjate ni agarsiisa.

Seenaa Masrii keessatti waggaan 100 mootonni Kuush abbaa ilmaan wal-harkaa fuudhanii bulchan Daayinaastii Masirii 25ffaa (Egypt's 25th Dynasty) jedhamuun beekama.

Piyaankin erga du'een booda Fara'oo ta'ee Masirii kan bulche obboleessa isaa kan ta'e Shabaakadha.

Shabaakatti aansee mootin Kuush sadaffaan Masirii bulche Shabiitkuu jedhama. Shabiitkuun erga du'ee booda iddoosaa kan bu'e ilmasaa Tahaarqadha.

Bara mootiin Kush Tahaarqan Fara'oo ta'ee Masirii bulchetti qaroomina Masrii keessatti gahee guddaa akka gumaache ragaaleen qorannoo Ijiptoolojii ni agarsiisu.

Tahaarqaan Mootii Kuush ta'uu isaa ragaalee seenaatiin alattis Macaafa Qulqulluu keessatti maqaansaa si'a lama dhahameera.

Tahaarqan erga du'ee booda bakkasaa kan qabate Fara'oo Masirii ta'e Mootii Tantamani jedhamuudha.