Sirna Gadaa keessatti gaheen Qaalluu maali?

Madda suuraa, Eric Lafforgue/Art in All of Us
Tibba kana Booranni sirna muuda qaalluu Karrayyuu Ardaa Jilaa Xapheetti gaggeessaa ture.
Booranni Qaalluu ‘Wayyuu’ jedhee waama. Qorataa fi barreessaa seenaa kan tahan Aab Jaatanii Diidaa, wayyuun nama waaqatti dhihoo jedhamee amanama jedhan.
“Wayyuun kuni nama ulfinni waaqarrraa kennameef jechuudha. Ebelu kuni wayyuudha yoo jedhan nama eebbi Waaqarraa dhufteef jechuudha. Qaalluun nama waan hamaa hin hojjenne. Kan qaamni isaallee hin hir’anne” jedhan.
Qaalluun guyyaa dhalate irraa kaasee hamma lubbuun jiru cufa rifeensa mataasaas hin muratu.
“Qaalluun waan hamaa tokkorrattuu hin hirmaatu. Mana isaas wanti qaraa kan akka eeboo fi meeshaa waraanaa hin seenu. Yoo namni wallolellee dhiisaa jedhee araarsa malee namatti hin murteessu. Nama eebbaa , nama ulfaati” jedhan.
Qaalluun kennaa yeroo eebbaa kennamuufiin ala adamoo irratti, daldala irrattii fi qabeenya biraa horachuuf hin dhama’u. Qabeenyi gara biraatiin argamelleen moonaa Qaalluu hin seenu.
Booranni Qaalluu shan qaba. Qaalluun uumamaan kennaadhaan dhalata malee akka Abbaa Gadaa marsaan Gadaa isa ga’eef hin muudamu.
Barri aangoo isaas kan daanga’e osoo hin taane hamma lubbuun jirutti qaalluu ta’eetuma tajaajila.
Sirna Gadaa keessatti Gaheen Qaalluu maali?
Qaalluun abbootii Gadaa eebbisa. Warri gadoome Qaalluurraa eebba fudhatanii biyya bulchu. Kanaafi Booranni, “Qaalluun Wayyuu, Abbaan Gadaa Hayyuu” jedhee kan waamu.
Sirna Gadaa keessatti Qaalluun aangoo muraa fi murtii waan hin qabneef Makkalatti ilaalama jedhan Aab Jaataniin.
''Abbaan Gadaa 'muudi’ jedhee Qaalluu irraa eebba fudhata. Yeroo eebba fudhatummoo qaalluu kanaaf loon kenna.
''Eebbi fudhatu kuni Qumbiidha. Hariiroon Gadaa wajjin qabu eebba wal eebbisuudha. Wanti Qaalluun eebbise ni milkaa’a jedhamee amanamas” jedhan.
Sirni Muuda Qaalluu maali?
Gadaan Booranaa qaalluu qabu shananuu lafa ardaa bakka itti sirna Muuda Qaalluu gaggeessan qabu.
Sirni muuda qaalluu kuni sirna Abbaan Gadaa itti qaalluu irraa eebba (qumbii) fudhatudha.
Akka Aab Jaatanii Diidaa jedhanitti muudi qaalluu kuni gosa lama qaba.
“Muudi inni duraa muuda qomichaa jedhan. Qaalluun hayyuu qaba waan ta’eef warra gadoomatti dhufe eebbisanii Qumbii kennuufi.
''Muudi inni lammeessoo muuda qaalluu kan gadoomaati. Nama sirna Gadaa obbaafatetu eebbifamee gadooma keessaa ittiin baha” jedhan.
Gadamoojjiin gaafa Gadaa keessaa bahu qaalluutu muudee, eebbisee gaggeessa. Waan bara Gadaa isaatti balleesse yoo jiraateefilleen qaallurraa eebbaafi dhiifama fudhatee marsaa Gadaa keessaa gaggeefama jedhan Aab Jaatanii Diidaa.















