Booranni yeroo weerara Covid-19 Gumii Gaayoo eegale, Gumiin Gaayoo maali?

Abbaa Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo

Booranni yaa'ii Gumii Gaayoo kan waggaa saddeetitti si'a takka taa'amu, Wiixata Godina Booranaa Aanaa Dhaas ardaa jilaa Gaayootti taa'uu eegale.

Yaa'iin kun gaafa ardaa qubatu Dullacha Gaayoo qalachuun eebbisee saganticha jalqabe.

Akkuma kana duraa yaa'ii kanarratti keessummoonni Itoophiyaafi Keeniyaallaa dhufaniiru. Yaa'iin baranaa yeroo tatamsa'inni koronaavaayirasii addunyaarratti hammaatetti kan taasifamudha.

Kanumaafu, kanneen yaa'ii kanarratti hirmaatan dhibee Covid-19 haala ofirraa eeggataniin taasifamaa akka jiru Abbaan Gadaa Booranaa BBC'tti himaniiru.

"Haala yerootiin walqabatee dhibee baraa kanallee akka too'annoo godhan, alkoolii fi maaksii akka fayyadaman, namni gargaraa waan dhufeef jechuudha" jedhan.

Nageenyi naannoollee akka eegamu dursinee marii goonee qophiin taasifame jedhan.

Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo BBC'tti akka himanitti yaa'iin Gumii Gaayoo kuni Gadooma tokko keessatti si'a tokko taa'ama.

"Gumiin Gaayoo taa'udhaaf har'a gaaddisa eebbifattee jirti. Gumiin kuni akka Gadaa Booranaatti gadaa tokko keessatti Ganna Afreessoo irratti taa'ama. Waggaa saddeetitti altokko taa'ama" jedhan.

Yeroo Gumii Gaayoo maaltu taasifama?

Gumiin Gaayoo akka caasaa seera baastuu sirna Gadaati.

Seeronni ammaan dura lallabaman maal fakkaatu jedhanii xiinxalu, haaraas ni lallabu, kan sirrii hin taanellee keessaa hir'ifama jedhan Abbaa Gadaa Kuraa jaarsoo.

Yaa'ii Gumii Godina Booranaa Aanaa Dhaas Ardaa Gaayootti taa'amuu eegale kanarratti nama hundatu hirmaachuu danda'as jedhan.

"Yaa'iin kuni torbee lamaaf tura. Marii gurguddootu godhama. Waan mariidhaan murtaa'etu dhumarratti seera ta'ee lallabama" jedhan.

Hanga yaa'iin Gumii Gaayoo kuni xumuramutti Abbaan Gadaas ta'ee caasaan Gadaa hundi Ardaa kana adeemuu akka hin dandeenyes himu.

Yaa'ii Torbee lamaa kanaan duubatti Gadaan Booranaa seerota Waggaa saddeet dura lallabaman kaan fooyyessuu fi haaraanillee itti dabalee lallaba jedhameetu eegama.

Sagantaa Gumii Gaayoo kan ilaaleenis guyyoota shanan jalqabaa Marii miilootu taa'ama.

Guyyaa 6ffaa hanga Guyyaa 10ffaatti Gaaddisa Gosaa, guyyoota dhumaa arfan ammoo Gaaddisni Gumii waliigalaa akka tolfamus Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo Kuraa himan.