Sheefii rekardii cabsuuf sa'aatii 90 oliif otoo addaan hin kutiin nyaata hojjette

Sheefiin lammii Naayijeeriyaa otoo walirraa hin kutiin sa'aatii 90 oliif nyaata garagaraa bilcheessuun rekardii addunyaa cabsuuf yaalte ijoo dubbii taatetti.

Hildaa Baasii gaafa Kamisaa nyaata bilcheessuu erga eegaltee xuwwee fi saahinaa garaagaraa 100 ol fayyadamteetti.

Namoonni baay'een yeroo isheen nyaata hojjettu dammaqinaan hordofaa turan, namoonni siyaasaa fi namoonni beekamoonis ishee jajjabeessaa turan.

Nyaata otoo addaan hin kutiin bilcheessuun rekardii ammaa kan qabate Sheefii Indiyaa Laataa Tondoon jedhamtu yoo tahu, isheenis bara 2019tti sa'aatii 87 fi daqiiqaa 45f nyaata hojjette.

Guinness World Records rekardii cabsuu ishee mirkaneessuun dura ragaa jiru ilaaluuun qaba jedheera.

Qondaaloti dhaabbata kana achitti argamuu baatanillee, naannoo lafa gabaa Lekki jedhamu kan Leegoos keessa jiru keessa taatee kana waraabuuf kaameeraa CCTV kaa'ameera.

Baasii nama ganna 27 yoo taatu sa'atii 96f hamma Wiixata sa'atii sagaliitti nyaata bilcheessuu jalqabde.

Jamaan manasheen nyaata itti bilcheeessituu alatti waliitti qabamee, ishee deeggaraa ture hamma sa'atii 100 guutuutti akka itti fuftuu jajjabeessaa ture.

Baay'inaan nyaata Naayijeeriyaa ruuziirraa hojjetamu, akkasumas paastaa fa'i hojjeechaa turte. Nyaata daandiirratti gurguramu kan boloqqee irraa hojjetamus bilcheessiteetti, nyaatni hojjeechaa turte keessummoota waamamaniif dhiyaateera..

Yeroo nyaata kana walitti fufuun hojjechaa turte gargaartuu tokko qofaatu eeyyamamaafi, sa'atii tokkotti daqiiqaa shan qofa boqochuu dandeessi, yookiin sa'atii dheeraa booda sa'atii boqonnaashee walitti idaatee boqochuu dandeessi.

''Yaaliin kuni dargaggoonni deeggarsaa fi waltajjii sirrii argannaan cimina isaanii agariisuu danda'u,'' jechuun BBCtti himte sheefiin nyaata kana hojjechuu jalqabuun dura.

Baasiin hojii kanaan qaamni ishee akka dadhabaa ture irraa mul'ataa ture, huccuu cittuu bishaan jiisanii mataasheerra kaa'aafi turan, sa'aatii boqonnaa isheerrattis miillishee dhidhiibamaa ture.

Hakiimis kutaalee qaamashee murteessoo tahan fayyaa tahuu mirkaneessaa ture.

Yaaliinshee kuni qalbii namoota baayyee kan hawwate yoo tahu, namoonni siyaasaafi beekamoo jajjabeessuuf itti gooranii ilaalaa turan.

Bulchaan naannoo Leegoos Baabaajee Saanwoo-Oolu gaafa Dilbataa iddoo isheen bilcheessaa turtetti argamee ture, Pireezidantiin itti-aanaa Naayijeeriyaa Yeemii Osiinbaajoo illee bilbileefi dubbatteetti.

''Hildaa bulchiinsa keenya kana keessatti imala kana jalqabuusheen nu boonsiteeetti. Hamma dhumaatti hordofeen dhumasaa arguun fedha,'' jedhan Obbo Saanwoo-Oluun.

Baasiin wal-dorgommii nyaata bilcheessuu akkasiif haaraa miti. Bara 2021tti morkattuushee biyya Gaanaa irraa dhufte otoo hin hafiin dorgomtootashee ruuzii gubu hojjechuun mo'attee turte.

Malli nyaata itti tolchitu haadhasheerraa kan fudhatameefi manumatti kan qophaa'u tahus himti.