Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nyaata qopheessuuf zayitii kamtu fayyaaleessa?
Zayitiin alawaada keessatti wanta buʼuuraadha. Garuu gosa zayitii garaagaraafi fayyaa ilaalchisee odeeffannoo wal faallessu baay’eetu jira.
Suuqii wantoonni nyaataaf taʼan itti gurguraman keessatti gosa zayitii addaaddaati baattoowwaanirra/girgijjiirra jira- kokonaatii, ejersa, avokaadoo, nuugii faranjii ykn suufii, kanolaa fi kanneen biroo.
Kanneen keessa kamtu fayyadamaaf gaarii akka ta’e yookaan kanneen guutummaatti irra fagaachuu qabdan beektuu?
Maqaan zayitii nyaata qopheessuuf fayyadamanii ocholooni, sanyii kuduraa, biqiltuu yookaan midhaan inni irra madderra dhufa.
Zayitiin kunneen cooma dhangala’oo dabalatee cooma qorruufi bulbultootaa coomaa sadarkaa olaanaa qaba.
Waggoota dhihoodhaa asitti, zayitiin kookonaatii, kan dhibbeentaa 90 qorru akka nyaata addatti ilaalama.
Garuu Yuniversitii Haarvaarditti hayyuun Paatoloojii tokko kookonaatiin ‘Summiidha’ jedha. Nyaata fi nyaata madaalawaa sooratamu qopheessuurratti dhimmi coomaa ilaalcha keessa galuu qaba.
Akka qajeelfama UKtti dubartoonni dhadhaa qorruu giraama 20, dhiiroonni ammoo giraama 30 guyyaatti yoo sooratan- qaamni isaanii kolestiroolii olkaasuun dhibee onnee fidu danda’a.
Molokiyuulonni coomaa hundi bulbultootaa coomaa irra hojetama, kunneen akka dhadhaa qorruu gareedhaan walitti qabaman.
Bulbultootaa coomaa sadiitu jiru: gabaabaa, giddugaleessaafi gurguddaa. Bulbultoonni gabaabaa ta’an kanneen atoomota kaarboonii 6(2) hin geenye qaban.
Zayitii Kookonaatii
Bulbutoonni giddugaleessaa kallattiidhaan hidda dhiigaa seenuun akka humnatti fayyada. Inni gurguddaan garuu gara tiruutti darba, kunis, kolestiroolii dhiigaa kan olkaasuudha.
“Zayitiin Kookonaatii waggoota sadii ykn afur dura dandeetti cimaa qaba jedhamee beekamtii guddoo argate,” jetti Alees Lichiteenstiin Yunivarsitii Maasaachuuseetisitti piroofeesara saayinsii nyaata madaalawaa kan taate.
“Garuu qorannowwan zayita biroon wal bira qabuun yoo ilaalte, bu’ansaa coomaa guddaa akka qabu argisiisa. Yaaliiwwan kilinikaa geggeeffamanis, yaada namoonni duraan dhiheessan kana hin deeggarre.”
Kookonaatiin zayita ho’a keessatti baqudha. Sababa miyaa addaa qabuuf nyaata miyeessa.
Dhadhaan kun qorrus coomnisaa xiqqaa waan ta’eef, akka zayita dhangala'oo ta’anii akka ejersaafi suufii caalaa oksijiinii qabaachuu danda’a. Akkas jechuun yoo oksijiiniin makame bu’ansaa hin hir’atu.
Haata’u malee, yoo yeroo dheeraa abidda irra ture gubachuu danda’a. Akkanaan wantoota qaama namaarra miidhaa geessisuu baasa.
Zayita Ejersaa
Nyaata naannoo Mediteraaniyaan keessatti barbaachisaa ta’e zayitiin ejersaa kuduraa ejersaa irra omishama. Dhibee oonneefi dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa irra nama ittisuu dabalatee faayidaa fayyaa hedduu qaba.
Zayitiin ejersaa jijjirama nyaata bilcheessuu irratti taasifamu dandamachuu dandaʼa. Akkasumas, oksijiiniin makamnaan bu’ansaa akka zayita biroo hir’achuu hin danda’u.
Yoo zayita ejersaa kan hin hojjachiiffamin filatte ammoo, faayida hedduu kanneen akka albuudaafi vitaamina E argachuu dandeetta.
Zayita Suufii
Zayitiin suufii coomaa qorre xiqqaa qaba. Suufiin asiidii guddaa kan qabu nyaata qopheessuuf gaarii ta’uutu himama.
Garuu, wanti zayita sanyii kanaa hubu, keemikalaa miidhaa geessisuu kan aldehydes jedhamu baasa.
Sababa kanaaf, zayitii kana fayyadamuun yoo nyaata abidda xiqqaa bilcheessan qofa.
Zayita ocholonii
Ocholoniin asiidii 'oleic' jedhamuun kan badhaadhedha, akkasumas madda vitaamina E gaarii qaba. Dhadhaan ocholonii nyaata qopheessuu gaarii ta'us, oksijiiniin itti makamnaan bu’asaa hir’isuu danda’a.
Zayitii Avokaadoo
Zayitiin kun kuduraa avokaadoo irra kan hojetamu yoomuu ta’u, yeroo baay’ee dhadhaa ejersaan wal bira qabu.
Keessumammoo asiidii oleic jedhamuun kan badhaadhedha, kunis tasgabbii dhadhaa tempireechara olaanaa keessatti kan olkaasudha.
Fayyaa onnee dabalatee fayidaa inni qabu qorannoo baay’eeti argisiisu. Bakkii zayitiin avokaadoo kan ejersa chaalu nyaata qopheessuu irratti osoo hin gubatin yeroo dheeraa fudhata.
Yaada Xumuraa
Zayitii siif mijataa ta’e fayyadami yookaan kanneen aminoo asiidii gaarii qaban filadhu.
Zayitii bakka qabbanaa’aa gogaa ta’efi bakka aduun itti hin baane ka’uun gaariidha. Akkasumas burcuqqoo laastikii utuu hin ta’in qaruura fayyaami.
Dhadhaa xinneessi fayyadami.