Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartiin Keeniyaa sa'aatii dheeraaf nyaata bilcheessuun 'rekoordii cabsite'
Keeniyaa magaalaa Moombaasaa kan jiraattu Malihaa Mohammad walitti aansuun sa'aatii 75'f nyaata bilcheessuun riikoordii cabsite.
Malihaan hojii nyaata bilcheessuu kana Kamisa ganama sa'aa afuritti eegaltee, Dilbata sa'aa torbatti xumurte.
Yoo 'Guinness World Records' galmeen riikordiiwwan haaraa mirkaneesseef, riikoordii kana dura bilcheessaa nyaataa lammii US Riikii Luupkiiniin bara 2018'tti qabamee ture sa'aa 68 ni dagachiifti.
Maliihaan sa'aatiwwan 75 keessatti gosa nyaataa biyya keessaa fi alaa 400 kan qopheessite yoo ta'u, harka caalaa isaa warra karaarra jiraataniifi kanneen maatii hin qabneef kennite.
Turtii ishee gola nyaanni itti qophaa'uu keessatti Malihaan sa'aa 12, 12'n daqiiqaa 30 qofaaf boqotti.
''Imalichi dadhabsiisaa ture. Miilli koo baayyee na dhukkuba, ijjikoo hirriiba dhabuurraa kan ka'e na dhukkubaa jira. Kana gochuu danda'uu koon garuu nan gammada.''
Bulchaan Mombaasaa Alii Hasaan Johoo, dubartii ganna 36 kanaan baga gammadde jedhaniiru.
Lammiileen Keenyaa hedduun hashtag #ChefMaliha jedhuun Twitter gubbaa gammachuusaanii dhoobaa jiran. Nyaata midhaassite keessaa muraasa:
Fuula feesbuuk isaaniirratti ''ati Mombaasaa fi Keeniyaa qofa osoo hin taane, guutummaa Afrikaa boonsite'' jechuun barreessan.
''Afuura jabinaa nama calaqqiste, dandamannaa dubartoota Afrikaa kan ibsiteefi ibidda mo'achuun sa'aa 75 oliif hirriiba diduun oogummaa nyaata bilcheessuu kee agrsiiftee,'' jedhaniin.