Dargaggoon Oromiyaa keessa naanna'uun rifeensa namoota rakkatanii sirreessu waa'ee hojiisaa maal hima?

Dargaggoo Araarsaa hanga ammaatti namoota rakkoo garagaraa keessa jiran 1,500 ta'aniif bilisaan rifeensa akka sirreesse hima.

Taateen dargaggoo Araarsaa Jabeessaa hojii tola ooltummaatti akka ciichu taasise waggaa tokko dura Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamtee keessatti kan raawwatamuudha.

"Maanguddoo magaalaa Naqamtee keessa daandii gubbaa jiraatantu ture. Maanguddoo kana rifeensasaanii irraa mursiisuuf gara mana rifeensaa yemmuun geessu warri mana rifeensaa irraa muruu didan," jedha.

Sana boodas maashina rifeensa ittiin muran bituun rifeensa maanguddoo daandii gubbaa jiraatan kanaa ofiif sirreesse. Haata'u malee, yeroo kana muuxxannoos ta'e leenjii rifeensa sirreessuu hinqabu ture.

"Maanguddoo kanaaf daandiidhuma irrattin sirreesseef. Namoonni kaanis gara keenya dhufan. Guyyichattis waliigalatti namoota 14'f rifeensa bareeche" jedha.

Erga guyyaa sanaa hojii tola ooltummaa rifeensa bareechuu magaalaa Naqamtee keessa bal'inaan hojjechuu akka eegale kan himu dargaggoo Araarsaa, magaalicha keessatti namoota 450 olif tajaajila rifeensa bareechuu akka kenne hima.

Hojii tola ooltummaa kanas kutaalee hawaasaa garagaraaf akka kennu himuun, "Namoota daandiirra jiraatan, namoota miidhama sammuu qaban, kunneen humna hinqabnefi daa'imman daandiirra jiraataniif rifeensa bareecha" jedha.

Dur irraa kaasee hojiilee tola ooltummaa tokko tokko hojjechaa turus mudannoon maanguddoo Naqamtee hojii tola ooltummaa bal'inaan akka hojjetuuf sababa akka ta'eef dargaggoon kun himeera.

Buqqaatota gaara Fantaallee hanga lolaa laga Awaash

Dargaggoo Araarsaan adeemsa keessa godinaaleefi magaalota naannoo Oromiyaa garagaraa keessa socho'uun namoota rakkoo keessa jiranfi kunneen balaawwan uumamaan qe'ee isaan irraa buqqa'aniif rifeensa bareechuu eegale.

Magaalota gurguddoo Oromiyaa keessaayis magaalonni akka Naqamtee, Amboo, Gincii, Shaambuu, Dambi Doolloo, Gimbii fi Beddellee ni argamu.

Dabalataan "Yeroo kirkirri lafaa gaara Fantaalleerraa ummata buqqise sana Karrayyuu deemee ummata buqqa'anif rifeensa bareechera" kan jedhu dargaggoo Araarsaa, namoota dhiyeenya kana sababa jigiinsa laga Awaashiin qe'ee isaanirraa buqqa'anis mil'achuusaa hima.

Haaluma kanaan godina Shawaa Kibba Lixaarraa aanaalee Sabbataa Hawaas fi Iluu, godina Shawaa Lixaammoo aanaa Ejeree deemuun buqqaatotaaf rifeensa sirreessuu dubbata.

"Namoonni kun buqqa'anii manneen barnootaa keessa qubatanii jiru. Namoota kana bakka isaan qubatanii jiran deemeen rifeensasaanii sirreesse" jechuunis hima.

"Wanti addaa ani argadhu hinjiru"

Yeroo waggaa tokkoo ol hojii tola ooltummaa rifeensa sirreessuu hojjete keessatti namoota 1,500 oliif bilisaan rifeensa bareechuu kan himu dargaggoo Araarsaa, hojiinsaa kanaan gammachuu akka argate hima.

"Ani gammachuman argadha malee wanti ani addatti qaama biraarraa argadhu hinjiru. Namoonni ani rifeensa irraa bareechuus ni gammadu, na eebbisus," jedha Dargaggoo Araarsaan.

Gama biraatiin hojii tola ooltummaa kana cinatti walaloo akka barreessu kan himu dargaggoon kun, ammatti hojii dhaabbataa akka hinqabne hima.

Hojii tola ooltummaa godinaalee Oromiyaarra deemuun hojjetuufis namoonni hojiisaa argan baasii geejibaaf deeggarsa akka taasisaniif hima.

Gama biraatiin dandeettii rifeensa bareechuu yeroo gara yerootti gabbifachaa deemuusaa kan himu dargaggoon kun, "amma akkuma warra baratettin hojjechaa jira," jedha Dargaggoo Araarsaan.

Gara fulduraattis hojii tola ooltummaasaa babal'isuun guutummaa naannoo Oromiyaa keessa naanna'uun namoota rakkatan rifeensa sirreessuun gargaaruuf karoora akka qabu himeera.