Buufanni niwukilaraa Itoophiyaan ijaartu kan akkamiiti?

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ''buufata niwukilaraa nageenyaaf qofaaf oola'' jedhan Itoophiyaan dhiyeenyatti ijaaruu akka eegaltu sirna eebba Hidha Haaroomsaarratti tibbana beeksisan.

Buufata niwukilaaraa ijaaruun ammatti sababa barbaachiseefi eessatti akka ijaaramuu Ministirrii Muummee Abiy odeeffannoo bal'aa hin ibisne.

Garuu pirojektoota jajjaboo Itoophiyaan waggoota muraasa keessatti ijaaruuf karoorfatte keessatti eeraman.

Buufata niwukilaara ijaaruun bu'aa fi balaas qaba. Ijaarsa buufata anniisaa niwukilaraa wajjiin wal qabatee dhimmoota beekkamuu qaban qixeessineerra, itti dhiyaadhaa!

Itoophiyaan buufata niwukilaraa ijaaruuf karoorsuun erga ibsamee waggoota muraasa ta'eera.

Ministirri Muummee Abiyi aangoo qabachuun yeroo muraasa dura Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa kan turan Dr Warqinaa Gabayyoo dhimma ijaarsa buufata niwukilaraarratti gitasaanii kan Raashiyaa Sargee Laaviroov waliin waliigalteerra gahuun gabaafame ture.

Buufataaleen niwukilaraa ijaaramuuf yaadame kunneen tajaajila fayyaa fi qonnaaf akka oolu kan eerame yoo ta'u, ALI bara 2012 Itoophiyaan Raashiyaa waliin waliigaltee mallatteessite.

Ergasiis yeroo lama wixineen buufata kanarratti waliigalteen mallatteeffameera.

Dareektarri Ejensii Atoomikii Idil- addunyaa Raafa'el Maariyaanoo yeroo lama waa'ee annisaa nwukilaraarratti Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin haasa'aniiru.

Buufanni niwukilaraa maali?

Addunyaarratti niwukilara gabbisuun anniisaa elektrikii maddiisiisuun bubbuleera.

Annisaan niwukilaaraa, annisaa cilee ykn gaaziirraa argamu wajjiin wal fakkaata.

Akkaataan itti annisaan niwukilaaraa oomishamu garuu kan cileerraa gargari.

Anniisaa niwukilaaraaf bu'uurri atoomiidha. Atoomiin ammoo umamaa hundaaf bu'uura.

Annisaan niwukilaraa keessoo atoomii akka madda anniisaa elektrikii guddaa maddisiisuuf ittifayyadama.

Annisaan boba'aa niwukilaraa kg tokkorra argamu annisaa cilee kg 2,900,000 irraa argamuun wal gita.

Boba'aan niwukilaraa(nuclear fuel) hamma xiqqaa ta'etu anniisaa guddaa maddisiisa.

Boba'aa nuwukilaraa ijoo kanneen jedhamaan Yuraaniyeemii fi Pilutooniyeemiidha.

Kunis atoomonni walitti dhufan walnyaachuun hurka uumaniitu taarbaaniyinii fi mootora jenereetaraa sochoosee anniisaa maddiisiisa.

Buufanni annisaa niwukilaraa walnyaatinsa uumuuf yuraaniyeemii gosa -235 jedhamutu akka boba'aatti fayidaarra oola.

Annisaan niwukilaraa maaliif filatama?

Annisaan niwukilaraa haala qilleensaatiin otoon hin daangeffamiin, otoo addaan hin citiin sa'aatii 24 anniisaa maddisiisu danda'a.

Haala kanaan boba'aa niwukilaraa sirnaan to'atamurraa annisaa guddaa fi amansiisaa ta'etu madda.

Buufanni niwukilaraa kaarboon daayi'oksaayidii ykn saalfar daayi'oksaayidii ykn gaaziiwaan biroo qilleensa faalu hin baasu.

Kanaafuu addunyaan akka ho'iitu kallatiin hin gumaachu.

Kanarraa ka'uun namoonni gariin maddeen annisaa hin haaromfamne biroo caala filatamaadha jedhu.

Buufanni niwukilaaraa erga ijaaraamee booda akka tajaajila ittifufinsaan kennuu gochuun baasii xiqqaa gaafata.

Buufanni anniisaa niwukilaraa ammayyaa buufatalee annisaa cilee fi gaazii caala turuun, ganna 80 tajaajila kennuu danda'u jedhama.

Annisaan niwukilaraa balaa akkamii fa'aa qaba?

Annisaa niwukilaraarraa maddisisuun anniisaa guddaa fi amansiisaa maddiisuuf akkuma oolu miidhaa guddaa hordofsiisu mala.

Boba'aan niwukilaraa(nuclear fuel) leeccalloo dhumataadha, adeemsa keessa dhumuu danda'a.

Gatiin buufanni niwukilaraa ittiin ijaaramuu ammoo qaaliidha. Adeemsi ijaarsa isaas turtii waggootaan lakkaa'amu fudhata.

Balaan garmalee yaaddeessaa ta'e carallaaa boba'a niwukilaraa fi hambaa meeshaalee niwukilaaraa gatamaniirraa madduun, lubbu-qabeeyyii miidhuu danda'udha.

Kanarraa kan ka'uun namoonni kaan boba'aa niwukilaraa fayyadamuun fayyaa namaa fi naannoo keessaa jiraannuuf yaaddoo cimaa uuma jedhanii sodaatu.

Kan qofaayyuu miti, buufata niwukilaraa diiganii akka miidhaa fayyaa hin qaqqabsiifne fi naannoo hin faalle tolchuun yeroo dheeraa fi maallaqa guddaa gaafata.

Hambaan meeshaalee niwukilaaraa lafa keessa gadii fageeffamee ofeeggannoo awwaalamuu qabaata.

Yoo carallaan isaa miliqee bahe dhala namaa fi naannoof balaadha.

Anniisaan niwukilararraa akkamitti madda?

Buufataaleen niwukilaraa buufata anniisaan itti maddisiifamu kaan wajjiin wal fakkaata.

Sababiin isaammoo bishaan ho'ifameetu taarbaayinii sochoosee, annisaa maddiisiisa.

Garuu garaa garummaan jiru annisaan kan maddu cilee gubuun otoo hin taane, atoomiin yuuraniyeemii wal nyaatinsa 'nuclear fission' jedhamu uumuun ho'a uuma.

Buufanni niwukilaraa bakka akkamiitti ijaarama?

Buufanni niwukilaraa bakka dhiyeessiin bishaanii gahaan argamutti ijaarama.

Bishaan buufataalee niwukilaaraa keessatti qorrisiisuu fi tajaajila biroof fayyada.

Yeroo baayyee buufannii niwukilaaraa handaara galaanaa fi haroowwaan gurguddoo cinaatti ijaarama.

Balaan buufata niwukilaraarra qaqqabu balaa hamtuu hordofsiisa.

Kanaaf jecha akka balaa kirkira lafaa, lolaa ykn haala qilleensaa hamaaan hin miidhamnetti ijaraamuu qaba.

Bara faranjoootaa 2011 balaa sunaamiin ykn dambalii galaana hamaan buufata niwukilaraa Jaappanirraan gahe buufaticha mancaasera.

Balaan buufaticharra qaqqabe meeshaan wal nyaatinsa buufaticha keessatti gaggeeffamu to'atu garmalee ho'uun dho'iinsa hamaa uume.

Dho'iinsa sana hordofee carallaa guddaa naannoo faale buufaticha keessaa bahe. Balaa mudate sana hordofuun Jaappaan, Jarmanii fi biyyoonni kaanis buufataalee niwukilaraa cufuun maddeen anniisaa haaromfamitti gargaaramutti xiyyeefatan.

Kana malees bara faranjootaa 1986 buufata niwukilaraa Chernobeelitti qaqqabe hordofee Awurooppaa keessatti carallaan hamaa tamsa'uun yaaddoo cimaa uumee akka ture ni yaadatama.

Annisaa niwukilaaraa ijaaruun miidhaa qabaatus biyyoonni addunyaa kaan ijaaruu hin dhiisne.

Dhaabbileen teekinoloojii gurguddoon addunyaa kanneen akka; Guugil, Maakiroosooft fi Amaazoon fa'aan buufataalee annisaa niwukilaaraa ijaaruuf dhiyeenya bajata ramaduun dhagahameera.

Afrikaa keessaa biyyoota kamtu qaba?

Addunyaarratti anniisaa niwukilaaraa baayyee kan oomishtu Ameerikaadha.

Annisaa biyyattiin fayyadamtu keessaa dhibbentaa 19 annisaa niwukilaaraa irraa madda.

Chaayinaan sadarkaa lammaffaarra jirti.

Faransaayii biyya Chaayinaatti kan aantu yoo ta'u dhiyeessi annisaa biyyattii % 67 annisaa niwukilaraarraa madda.

Biyyi ijaarsaa buufata niwukilaaraan walqabaatuuf waliigaltee Itoophiyaa waliin mallatteesite Raashiyaan, annisaa niwukilaaraa maddisiisuun addunyaarraa sadarkaa 4ffaa qabatteetti.

Raashiyaan buufataalee niwukilaaraa 26 qabdi.

Ejensiin Atoomikii Addunyaa akka ibsetti, addunyaarratti biyyoon 33 buufataalee niwukilaraa qabu.

Biyyoonni shan anniisaa niwukilaaraa %70 addunyaarratti maddisiifamu dhuunfatu.

Ardiin Afriikaa dhiyeessii anniisaa xiqqaa qabdi.

Biyyoonni Afrikaa muraasni buufataalee niwukilaaraa ijaaruuf adeemsarra jiru.

Biyyoota Afrikaa keessaa buufata niwukilaaraa jalqaba kan ijaarte Afrikaa Kibbaati. Amma biyyattiin buufataalee lama qabdi.

Masriin buufata nuwukilaraa anniisaa Giigaa Waattii 4.8 maddisiisu handaraa galaana Meedetiraaniyaanii El- Dabaa bakka jedhamutti ijaaraa jirti.

Wayita ijaaramee xumuramu biyyoota Afrikaa buufata niwukilaraa ijaarratan ishee lammataa ta'uuf jirti.

Kaampaniin Raashiyaa buufata niwukilaraa ijaaruuf Itoophiyaa wajjin waliigaltee mallatteesse Rostoom, buufata niwukilaraa Masriitti ijaaraa kan jiru yoo ta'u, waggoota kudhaniif buufata ijaaru kana akka hoogganu eerameera.