Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyyi Afriikaa meeshaa nikulaaraa qabdu turte kami, meeshicha eessa keesse?
Dhuma Waraanaa Addunyaa Lammataatiin booda muddamni waraanaa holoolaatiin biyyoota guddatan jidduutti mudatee ture yaaddoo badii waraanaa nikulaaraatti geessa jedhu uumee ture.
Dorgommii fi diinummaan nikulaaraa Ameerikaafi Gamtaa Sooviyeeti jidduu bakka tureetti meeshaan waraanaa balaafamaan kun gara biyyoota biraattiis ni baballataa jedhamuun sodaatame ture.
Kana malees gara dhaabbiilee miti mootummaa ta'an harkalleen galuu danda'a jedhamuun biyyoota guddatan dabalatee yaaddoorra buusee ture.
Yaaddoo kana to'achuudhaaf yeroo sanatti pirezidantii Ameerikaa kan turan Diiwaayiit Ayizana'awar biyyoonni bara 1853tti akka boombii nikulaaraa hin qabaannee dhorkaman anniisaa nikulaaraa tajaajila nagaatiif akka fayyadaman sochii ''Atams for piis'' jedhu eegalan.
Bara 1957tti ammoo dhaabbanni To'annoo Anniisaa Atoomikii idil-addunyaa (IAEA)n akka qaama UNtti kan hundeeffame yoo ta'u, waggaa 10 booda ammoo bara 1968tti yaaddoo babal'achuu nikulaaraa ittisuudhaaf waliigalteen ifa taasifame.
Haata'u malee babal'achuu meeshaa waraanaa nikulaaraa kana ittisuuf waliigalteen taasifame akka yaadameetti biyyoonni addunyaameeshaa waraanaa akka hin qabaannee dhorku hin dandeenye ture.
Meeshaan waraanaa nikulaaraa maaliidha?
Boombiiwwan nikulaaraa baayyee cimoodha. Adeemsa dhohiinsa kanaa keessatti boombiichi humna kan argattu atoomiifi ayisotop irraa yoo ta'u, kanaafiidha maqaansaa bombii atomiikii kan jedhame.
Meeshaaleen nikulaaraa carrallaa olaanaa sababii gadhiisaniif sababii carrallaatiin dhukkubbii madachuu, fi miidhaansaa yeroo dheeraaf turu dana'a.
Haata'u malee, seenaa addunyaa keessatti meeshaan kun faayidaarra kan oolfamee yeroo lama qofaadha.
Kunis dhuma Waraana Addunyaa Lammataarratti magaaloota Jaappaan Hiiroshiimaa fi Naagaasaakii irratti ture. Kanaanis badii olaanaan qaqabunsaa ni yaadatama.
Sababii boombii magaalaa Hiirooshimaa irratti dhukaafameen carrallaa umameen yeroo dheeraa turee namoonni gara kuma 80 ta'an du'anii ture. Naagaasaakiittis akkasuma namoonni kuma 70 ta'an du'aniiru.
Boombii kanas Raashiyaa, Ameerikaa, UK, Faransaay, Chaayinaa, Indiyaa, Paakiistaan, Israa'el fi Kooriyaan Kaabaa kan qaban yoo ta'u, Waraanaa Addunyaa lammaaffaan booda hojiirra hin oolfamne.
Biyyi Afriikaa meeshaa waraanaa nikulaaraa qabdu eenyu?
Yeroo sanatti biyyoonni jalqaba meeshaa atomiikii kana hidhatan Ameerikaafi Gamtaa Sooviyeet yoo ta'an, itti aansuudhaan Awurooppaa keessaa UK fi Faransaa, Eshiiyaa keessaa Chaayinaa, Kooriyaa Kaabaa, Indiyaa fi Paakistaan akkasumas Baha Giduugaleessaa keessaa ammoo ifatti meeshicha qabaachuun amanu baattuulleen Israa'eliif Afriikaa keessaa ammoo biyyi Apaartaayidii jala ture Afriikaa Kibbaa akka ta'an himama.
Afriikaan Kibbaa kan loogii sanyii warra adii lakkoofsaan bicuu turan jala turte, bara 1960motaa hanga 1990motatti meeshaalee waraanaa niikulaaraa, baayiloojii fi keemikaalaa dabalatee waa'ee meeshaalee balaa jumlaa gaggeessan qorataa turte.
Akka himamuutti, sochiileen bilisummaa Afriikaa Kibbaa fi naannichatti gaggeeffamu sababii sirna appaartaayid irra yaaddoo irra buuseef, Ameerikaa kan Gamtaa Sooviyeetii fi humnoota naannichaa isheen deeggaramaniin qormaanni waan mudateef ishee maddii akka hiriirtu gochuuf Afriikaa Kibbaa meeshaa waraanaa fayyadamtuu akka taatuuf gochuuf kaayyoo ishee taasisuuf murteessite.
Afriikaan Kibbaa meeshaa kana adda waraanaatti fayyadamuuf osoo hin taane dhiibbaa kallattii mara irraa sirna loogii sanyii isheerra gahu tasgabbeessuuf akka ittisaatti qabattee turte.
Kanaanis meeshaa nikulaara gara jahaa ta'an dhoksaadhaa qopheessite turte.
Adeemsa meeshaa waraanaa nikulaaraa qopheessuu Afriikaa Kibbaa keessatti oggeessoonni Ameerikaa, Paakistaan, Israa'elii fi Taayiwaan haala adda adaatiin hirmaataniiru.
Galtee meeshaa waraanaa nikulaaraatiif adda durummuun kan oolu yureeniyeemiin kan qabdu Afriikaan Kibbaa, erga meeshaa waraanaa kana harka galfatteen booda, aanga'aan yeroos Ministira Mummee biyyattii turan, faayidaa meeshaa waraanaa kana ilaalchisee waraanaaf osoo hin taane, adda durummaan sadarkaa addunyaatti dandeettii faayidaa ofiitiif falmachuu akka ol kaasuuf ''meeshaa siyaasaati'' jedhaniiru.
Afriikaan Kibbaa dandeettii sochii bilisummaa ishee biyyoota naannawashee jiran Sooviyeetiifi Kuubaan kanneen deeggaramaniif yeroo dhiibamaa dhufeetti, barbaachisummaan meeshaalee waraanaa nikulaaraa harkashee jiruu hir'ataa dhufuu, sirnichaaf balaa akka qabaatu waan hubataniif meeshicha dhabamsiisuu yaaduu eegalte.
Wayita dhumni Apaartaayidii dhiyaateettis mootummaan Afriikaa Kibbaa kaka'umsa isaatiin meeshaalee nikulaaraa kanneen barbadeessuun, qaxanichaa fi siyaasa idil-addunyaa keessatti wal amantaa cimsuu fi fudhatamummaa argachuuf tarkaanfii murteessaa ture.
Kanaanis sirni appaartaayid kufee mootummaa hawaasa gurraacha bal'aa Afriikaa Kibbaatti osoo hin hundeeffamiin dura, boombiiwwan niikulaaraa qabdu balleessuudhaan sagantaa ijaarsa meeshaa waraanaa gaggeessaa turte fedhiisheetiin dhaabde.
Isaan booda bara 1991tti mallatteessituu waliigalteen ittisa babalachuu meeshaa nikulaaraa ta'udhaan, sakkata'iinsa Ajensiin Annisaa Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA)n taasiseen bara 1994tti xumuruun, Afriikaan Kibbaa meeshaa waraanaa nikulaaraa harkaa qabdu barbadeessuu mirkanneesse.
Kanaanis Afriikaa keessatti meeshaa waraanaa nikulaaraa hidhachuudhaan dursa kan turte Afriikaan Kibbaa, sagantaa waggootaaf gaggeessaa turte guutummaatti dhiisuudhaan, tarree biyyoota addunyaa meeshaa waraanaa nikulaaraa hidhatan keessaa baate.
Yuraaniyeemiin biyyoota kam keessatti omishama?
Afriikaan ardiiwwan addunyaa kanarratti albuudootaafi qabeenyaawwan umamaa adda addatiin badhaadhan keessa tokkodha.
Yureeniyeemiin meeshaa waraanaa nikulaaraatiif murteessaa ta'e biyyoota afriikaa hedduu keessatti argama.
Dhuma Waraanaa Addunyaa lammaffaa irratti Ameerikaan haleellaa boombii nikulaaraa isa jalqabaa magaaloota Jaappaan irratti yeroo rawwatteetti kan boombiiwwan sana oomishuudhaaf hojiirra oolfame yureeniyeemiin DR Koongoorraa kan argame ture jedhama.
Albuunni Yureeniyeemii sadarkaa adda addaatti qulleeffamee meeshaa waraanaa nikuleeraatiif kan oolfamu yoo ta'u, biyyoonni hedduun albuuda kana akka qaban himama. Biiyyoota albuuda kana oomishan ijoo kudhan keessaa sadi Naambiiyaa, Niijarii fi Afriikaa Kibbaatti.
Albuunni kun tajaajiloota hedduuf kan oolu yoo ta'u akka faayidaa badiirra hin oolfamneef IAEAn to'annaa taasisan.
Biyyoota kamiitu niikulaara hidhachu danda'a?
Sarakaa yaada rimeetti teeknolojiiwwan, beekumsii fi dhaabbanni kam biyya qabuti meeshaa waraanaa nikulaaraa hidhachu yoo danda'e, kan jedhu kan daangeessuu waliigaltee idili addunyaa asitti dhufa.
Waliigalteen biyyoota addunyaa keessatti meeshaa waraanaa nikulaaraa babal'isuu ittisuuf waliigalame kunis meeshaa hamaan kun akka harka biyyoota hedduu akka hin galleef akkasumas kanneen jiranis akka daangeeffaman kan taasisuudha.
Bara 1970mota booda Ameerikaa, Raashiyaa, uk, Faransaay fi Chaayinaa dabalatee biyyoonni 191 waliigaltee kana mallatteessaniiru.
Biyyoonni shanan kunneen ammoo waliigaltichaan dura waan meeshaa waraanichaa ijaaraniifi yaalanii xumuraniif akka meeshaa nikulaaraa qabaataniif hayyamameefiira.
Haata'u malee, biyyoonni kunneen meeshaa waraanaa nikulaaraa akka qabaataniif hayyamamuulleen, haala waliigaltichaatti akka hanga dhumaatti qabatanii itti fufaniif osoo hin taane, akka waljalaan kan qaban hirisaa deeman eegamu.
Meeshaa waraanaa nikulaaraa qabachuus ta'e akka hin qabne kan hin mirkanneessine Israa'el, Indiyaa fi Paakistaan, waliigalticha hin mallatteessine. Akkasumas Kooriyaan Kaabaas waggaa 20 dura waliigalticha keessaa of baafteetti.