Sochiin waraanni Israa'el naannoo loltoota UNtti godhu 'yakkaa waraanaa ta'a' jedhan Gutareez

Madda suuraa, EPA
Waajirri nagaa eegdotaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Libaanos jiru taankiiwwan Israa'el humnaan buufatasaa cabsanii seenuu beeksise.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Humni Ce'umsa Libaanos(Unifil) ibsa baaseen taankiiwwan Raayyaa Ittisaa Israa'el balbala qe'ee waajirichaa cabsanii ''humnaan seenaniiru'' jedhe.
Buufata UN daangaa Israa'elitti argamu kanatti sa'aa lama booda sagaleen dhukaasaa akka ture, naga eegdota 15 ta'an irrattis miidhaan salphaa dhukaasaan wal hin qabanne mudachuus gabaaseera.
Raayyaan Ittisaa Israa'el gocha kanaaf sababa dhiyeesseera. Waajjira Unifil kan seenan loltoota dhuka'aa taankii farra misaayelaan miidhaman naannichaa baasuuf osoo yaaluu akka ta'e ibse.
Ibsa kenne keessatti loltootnisaa lama miidhamuu fi loltoota kana fuudhanii yoo debi'an dhukaasa banuu yoo baatan ulaa ittiin bahan waan hin arganneef dhukaasni banamuu ibseera.
Dhukaasichi ulaa ittiin bahan argachuuf malee Unifilitti balaa uumuu kan kaayyeffate akka hin turre beeksise.
Barressaa Olaanaan Dhaabbata Bityoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez, haleellaan kamuu nagaa egdotaratti xiyyeefatu ''yakka waraanaa ta'uu danda'a'' jedhan.
Dabaluunis hojjettootni Unifilifi waajirri isaanii ''tasumaa qiyyaafannoo haleellaa ta'uu hin qaban'' jedhan.
''Haleellaan eegdota nagaaratti raawwatamu seera idila addunyaa kan cabsudha, seera gargaarsa idila addunyaas ni sarba'' jedha ibsa karaa dubbii himaa isaanii baasaniin.
Loltooni Israa'el Libaanos keessatti duula eegalaniin walqabatee naga eegdota UN achi jiran waliin rakkoon dhalateen. Nagaa eegdotni shan ta'an humnoota Israa'eliin miidhamaniiru.
Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuu nagaa egdotni UN ''atattamaan Libaanos gadhiisanii akka bahan'' waamicha godhaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka bahan waamicha kan godhan loltootni isaanii danqaa malee akka socho'an ulaan akka banamuuf ta'uu ibsan.
Naga eegdotni kun Libaanos keessa yoo turan, ''Hezbollaan butamuu danda'uus'' jedhaniiru Netaaniyaahuun.
Unifil waamicha Libaanos gadhiisee akka bahu dhiyaate kufaa godheera.
Israa'el nagaa eegdota Unifil irraan miidhaa geessisuu hordofee biyyoota addunyaa 40 ta'an irraa balaaleffannaan ishee mudateera. Humni Ittisaa Israa'elis dhukaasa gara Unifilitti godhaman keessaa hanga tokkoof gaafatama fudhatee, qorannoo akka godhu ibseera.
Unifil ibsa baaseen ''yeroo arfaffaaf Raayyaa Ittisaa Israa'eliifi qaamolee biroonis nageenyaafi tasgabbii hojjetootaa fi qabeenya mooraa UN keessa jiruuf gochuu qaban yaadachiifna'' jedha.
Mooraansaa naanno Raamyaah jiru taankiiwwan waraanaa Israa'eliin cabuun sarabama seera idila addunyaatis jedheera.
Unifil Sambata darbe loltootni Israa'el bakka Mees El Jebel jedhamutti sochii barbaachisaa naga eegdotni isaanii taasasaa turan danquus ibseera.
Ammaan tana nagaa eegdotni UN 10,000 ta'aniifi biyyoota 50 irraa babahan Libaanos keessa jiru. Isaan waliin hojjettootni siivilii 800 ta'an ni argamu.
Erga bara 1978 naga eegdonni UN kun naannoo laga Litaanii jedhamuu fi iddoo daangaa Libaanosiifi Israa'el Biluu Laayin jedhdamu buufatanii argamu.
Israa'el amma dura nagaa eegdotni kun lafa 5km ta'u dachiishee keessaa gadhiisee akka bahu gaafattee ture.












