Haleellaan diroonii loltoota Israa'el afur ajjeessuun 60 ol madeessee

Loltuu Israa'el

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa diroonii Hezbollaan buufata waraanaa Israa'el irratti gaggeessen loltoota afur ajjeesee kaan madeesse

Haleellaa diroonii buufata waraanaa Israa'el irratti gaggeeffameen loltoonni afur du'anii 60 ol ammoo madaa'uu Humni Waraanaa Israa'el beeksise.

Haleellan kun buufata waraanaa Kaaba Israa'elitti argamu irratti kan raawwate yoo ta'u, kanneen miidhaman keessaa loltoonni torba miidhamni cimaan irra gahuu humni waraanaa biyyattii ibse.

Hezbollaan haleellaa diroonii kana anatu raawwate jechuun itti gaafatamummaa fudhateera.

Buufata waraanaa leenjii loltootaa magaala Tel Aviiv fi Hayifaa gidduutti argamu irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuu beeksise.

Miidiyaan garee Hezbollaa akka beeksisetti, haleellaan dirooniii Israa'el Kibba Libaanos keessatti duula waraanaa itti jirtuuf deebii haaloo bahannaa kennuufi.

Buufata waraanaa kaaba Israa'elitti argamu kana dirooniwwan hedduun haleeluu beekise Hezbollaan.

Tajaajila ambulaansii Israa'el, Magen David Adom (MDA) jedhamuun beekamu namoonni 61 madaa'uu hime. Hedduunsaanii helikoptaraafi ambulaansidhaan hospitaalota biyyattii keessan jiran garaa garaatti geeffamuus hima.

Humni waraanaa osoo haleellaan diroonii gaggeeffamuu hin mirkaneessin dura tajaajilli ambulaansii biyyattii, kanneen miidham loltoonni sadi baay'ee madaa'uufi kaan miidhaa salphaa hanga giddu galeessatti irra gahuu beeksisee ture.

Seerri miidiyaa Israa'el humni waraanaa biyyattii bakka haleelameefi miidhaa qaqqabe osoo hin ibsin dura waa'ee bakka haleellaan itti gaggeeffamaa homaa akka hin dubbanne ni aja.

Miidiyaalen biyyattii tokko tokko haleellan gaggeeffame diroonii ammayyaa hin taanen haleellan akka gaggeeffames ibsaa turan.

Lotoonni miidhaman ambulaansifi helikoptaraan yeroo hospitaala garaa garaatti geeffaman miidiyaalen biyyattii halkan guutuu gabaasaa turan.

Haleellan gaggeeffame kun galma keessatti bakka loltoonni walitti qabamanitti ta'uu akka hin oolletu himama.

Viidiyoofi suurawwan miidiyaa hawaasaa irratti qoodaman irraa akka mul'atutti, galma duwwaa baaxin isaa haleellaa gaggeeffameen uratetu mul'ata.