'Horii garaa baqaqsee wal'aanee yeroo fayyitu abbaa horii caalaan gammada'

Dr Ziyaad baadiyyaa keessatti wal'aansa baqaqsanii yaaluutiin sa'aas ilmoos baraaruu dubbata

Madda suuraa, Ziyad Mohammed

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Ziyaad baadiyyaa keessatti wal'aansa baqaqsanii yaaluutiin sa'aas ilmoos baraaruu dubbata

Obbo Mohaammad Usmaan qonnaan bulaa Harargeedha. Sa’a isaanii dorrobde yeroo dheeraaf eegaa turan. Laga ooltee yoo qe’ee geessu foolachuu eegalte.

Saani sooraa bahaniifi gatii baay’ee baastu jabbiin keessaa bahuu dide. Hawaasi birmatee waan barame yaalan. Haa ta’u malee, akka yaadan ta’uu dhabe.

''Saani kuni maal ta’e?'' jedhanii bir’atan. Ogeessi beeyladaa araddaa keessa jiru akka ilaalu waaman. Garuu ammas furmaata hin arganne. Inumaa dubbiin jabaate.

Amma jabbiirra waa’ee sa’aayyuu yaadda’uu eegalan. Yoo jabbiin keessaa bahuu didde ''saani akkam taati?'' jechuun dhiphuu seenan.

''Garaa keessa osoo hin dhaliin ilmootu karaarraa maqe [karaa dhalatturraa]'' jedhan waan mudate yeroo BBC’tti himan.

Boodarra ogeessa yaala akkanaa irra deddeebiin taasiseefi milkaa’e dhagahanii akka bilbilamuuf dhaaman. Yeroon halkanaa'ee ture.

''Ogeessa beeyladaa kan as jiru dhufee [jennaan], inni dadhabee itti yaame''. Ogeessi waamichi taasifameef kuni Dr Ziyaad Mohaammad jedhama.

Hawaasni ''doftora beeyladaa'' yookiin ''ilma Obbo Mohaammad'' jedheeti waama.

Achuma Godina Harargee Bahaa Aanaa Guraawwaatti dhalatee guddate. Ogummaa horii wal’aanuu durumaa akka jaalatuufi kanas yaadee akka barate dubbata.

Yunivarsiitii Haramaayaatti ogummaa wal'aansa beeyladaa (Veterinary Medicine) baratee bahe. Eega achii eebbifamee Godina Harargee Bahaa Aanaa Baddannoo dabalatee dalageera.

Keessumaa wal’aansa baay’ee hin baramnedha jedhuun, garaacha horii tarsaasanii jabbii baasuufi kaan dalaguun, hawaasa Aanaa Guraawwaa biratti beekamtii horachaa dhufuu hima.

Kanneen dubbisnes kanuma ragaa bahu. Obbo Mohaammad Usmaan ''nama cimaa'' jechuun isa ibsu.

'Sa'aa ilmoon itti didde'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dr Ziyaad yeroo ammaa I/gaafatamaa kilinika eegumsa fayyaa Magaalaa Dooguuti. Waggoota afran darbaniifis ogummaa kanaan itti jira.

Horiin gaafa dhukkubsatte hawaasi naannichaa beeylada mana yaalaa geessa. Yoo adeemuu didde garuu bilbilanii isa waamu. Obbo Mohaammadis akkanuma godhan.

''Sa’a guddaa akkanaati. Kuma [birrii] 60, 70 naaf baasudha,'' naaf dhaqqabi jedhanii akka bilbilamuuf galgala sa’aatii sadiitti ergaa dabarsuu BBC’tti himan.

Galgalaa'us, sa’aatii hojiin alas ta’u Dr Ziyaad obsuu akka hin dandeenye hima.

''Halkan yeroo sa’aa torbaatiin dhaqe waan si ajaa’ibu. Hanga tokko motoraan, hanga kaan miilaanillee baay’ee fagoo deeme,'' jechuun haala ture dubbata.

''Sa’a akkanaatu na duraa qabame waan jedheef jecha, waraabessa sodaadha jedhee hirribni nan qabu.''

Horii ''gaaga’amarra jirtu'' sanaafis halkan qixxee booda baatirii ibsaniifi wal’aansa baqaqsanii yaaluu taasiseef.

''Sa’aa san naaf baqaqsee hodhee. Har’a fayyaadha, gabbataadha'' jedhu Obbo Mohaammad waa’ee sa’aa isaanii yoo dubbatan.

Jabbii ishee dhabanis, saani isaanii oolteetti.

Wal’aansi akkanaa namaaf akka taasifamu nami beeku, horiifillee jiraa jedhee raajefachuun isaa hin hafu.

Jabbiin garuu akkamiin garaacha horii keessaa bahuu dide? Ogeessi beeyladaa Dr Ziyaad deebii qaba.

''Horiin suni fakkeenyaaf ilmoon faan tarii haadhorrayyuu xiqqoo guddattee iddoo qaama hormaataa sanii bahuufaa yeroo diddu,'' jechuun ibsa.

''Lafeen hudduu horii xiqqoo walitti xiqqatee yoo jiraate ilmoon hin baatu keessaa.’’ Yeroo akkanaa wal’aansa dabalataa barbaada.

''Baqaqsinee garaachaan baasna,'' jedha Dr Ziyaad.

Itoophiyaan biyyoota Afrikaa bineeldota baay'ee qaban keessaati

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan biyyoota Afrikaa bineeldota baay'ee qaban keessaati

Wanti asitti gaaffii ta’u tokkotu jira. Horiin dorrobuu ishee beekamuu mala. Garuu maalirraa ka'anii garaa baqaqsuu eegalu?

''Ji’a hammana gaheera jennee wanti qorannoo medikaalaa goonu hin jiru. Garuu yeroo dhaluudhaaf ciniinfatte san,'' ilaalanii akka murteessan Dr Ziyaad ni dubbata.

Wal’aansa baqaqsanii yaaluu gochuu dura garuu akkuma namaa hadoochituu waraanu.

Dr Ziyaad yeroo ibsu ''hadoochituu goonaaf malee isaa ciisaa jiru hin baqaqsinu.''

Akka ogeeyyiin jedhanitti, erga wal’aansi taasifamee gogaan baqaqee hanga fayyuutti torban muraasa fudhata.

'Abbaa horii caalaan gammada'

''Sa’aa tokkotu ilmoo dhaluuf ka’ee ciniinuun itti kaatee naa dhaluu dide,'' jedhanii bilbiluuf.

Yookiin garaatu bokoke jedhanii qonnaan bultoonni isa waamu. Innis qorichaafi kaan wal’aansaaf barbaachisu qabatee deema.

Miilaan imala dheeraa, motoraan araddoota baay’ee deemuu dubbata.

Hawaasi Aanaa Guraawwaa qonnaan dabalata horii horsiisuufi jimaa qotuun of jiraachisa.

Gaafa horiin isaanii dhukkubsatte immoo ummati ogeeyyii gargaarsa gaafata. Waan isa baraniif immoo akka isa bira dhufan hima Dr Ziyaad.

Araddaa (ganda) garagaraarra ogeeyyiin beeyladaa akka jiran kan himu ogeessi kuni, achitti yaalamee yoo fayyuu didan ''san booda bilbilanii na yaaman. Achitti hanga danda’ame ni goonaaf,'' jedha.

Akka wal’aansa namaatti ''riifarii [wal’aansa dabalataa]'' ta’uu isaati. Yeroo wal’aansa godhu horiin harkatti yoo du’ee jiraate kan gaafatame Dr Ziyaad, ''amma dura nan qunnamne,'' jechuun deebise.

Hawaasi yeroo adda addaatti harka dhalfa horii keessa kaa’un yeroo jabbii harkisan arguun waan barame. Ogeessi beeyladaa kuni garuu waan kana ni morma.

''Kakkaayanii [harka isaanii] ilmoon fayyaa qabaattulle yeroo sana ni duuti.

''Mataatu dabemoo kara biraatti jallate kan jedhu harka kaa’ee ni ilaala,'' kan jedhu ogeessi kuni, eegasii yoo jabbiin duute jiraatte garaa baqaqsu.

Akka ogeessi kuni jedhutti, ''haala akkasiin baraare dilaatu (baay’eetu) jira.''

Kanneen inni wal’aane keessaa tokko jabbii karaatti faltii buustu hin qabne wal’aansa baqaqsanii yaaluun wal’aanuudha.

Waan akkanaa waan uumamaan mudatu akka ta’e hima Dr Ziyaad.

Wal'aansa baqaqsanii yaaluu horii naannicha baay’ee hin baramiin jedhe barsiisaa jiraachuu isaatiin gammachuus qaba.

''Otooma haalli hin mijaa’inis haa ta’u dhuunfaa kiyyaan miilaanis deemee riskii [itti gaafatama balaa hordofsiisu] fudhachuun wanti kuni yeroo naaf milkaa’u garuu hedduun itti gammada,'' jedhe.

''Torbee tokko torbee lama baadiyyaa keessa deddeebi’a. Yeroo wanti suni [saani] naa fayyite ummata abbaa horii san caalaan itti gammada.''

Ogeessi fayyaa horii Dr Ziyaad jabbii karaatti faltii buustu malee dhalattees wal'aansa baqaqsanii yaaluun wal'aanuu BBC'tti hime

Madda suuraa, Ziyad Mohammed

Ibsa waa'ee suuraa, Ogeessi fayyaa horii Dr Ziyaad jabbii karaatti faltii buustu malee dhalattees wal'aansa baqaqsanii yaaluun wal'aanuu BBC'tti hime

Gama kaaniin, horii garaacha keessa festaalii, carqiifi kaan hin bulloofneefi garaa guutus qalee baasa.

Garuu yaaddos qaba. Naannawichatti dhibeewwan horii namatti darbuullee danda’an jiru, inni ammoo deeggarsa gahaa malee akka dalagu hima.

''Waan akka gilaavii [haguugduu harkaa] hin beeknu.''

''Akka dhunfaatti riskii [itti gaafatama balaa hordofsiisu] jiru hunda fudhadhee, fakkeenyaaf beeyladaan suni du’uurra jedhee itti seena,'' jedhe ogeessi fayyaa kun.

Namni as kanakoon dhukkuffadhe jedha. Horiin garuu kana hin godhu. Kanaaf ogeeyyiin attamiin baru jechuu dandeessu.

Akka Dr Ziyaad jedhutti, abbaa horii gaafatu. Akkasumas tempireechara (hamma ho’ina qaamaa) fi dhahannaa onnee horii kanaa qoratu.

''Achirra dhaabbannee wal’aansoo goonaaf,'' jechuun deebise.

Osoo halkan sa’aatii saddeetitti qonnaan bulaan tokko ‘horiin kiyya du’uufi naaf dhaqqabi’ jedhee bilbilee akkam goota?

''Ka’eedhuman dhaqa. … Horiin suni akka lubbuun darbu keessikoo hin fudhatu.''

Waggaa waggaan Ebla 27, Guyyaan Ogeeyyii Fayyaa Horii Addunyaa ni kabajama. Guyyaan kuni gumaacha ogeeyyii kanaa yaadachuuf oola.