Biyya rasaasa miliyoona hedduufi misaa'eloota hedduu man-kuusaa keessaa dhabde

Madda suuraa, Reuters
Humni Waraana Koloombiyaa rasaasa miliyoona hedduufi misaa'eloota baay'ee man-kuusaa keessaa gara bu'e dhabuu pirezidaantin biyyattii beeksise.
Pirezidaantin Koloombiyaa Gustaavoo Peetroo akka jedhanitti rasaasni miliyeenan lakkaa'amu, boombii harkaafi misaa'elonni meeshaalee waraanaa man-kuusaa keesaa dhabamaniidha.
Meeshaalen waraanaa kun dhabamuun qorannoo yeroo dhiyoo as godhame booda ta'uus beeksisan.
Meeshaalen kunneen qondaalota waraanan hatamanii dabarfamanii gurguramuus ibsan Pirezidaant Gustaavon.
Qondaalonni waraana biyyattii rasaasawwan garaa garaatii hanga misaa'elaatti man-kuusaa mootummaa keessaa baasun kanneen meeshaa waraanaa daddabarsanitti gurgurachuus himan.
Ministeerri Ittisaa Koloombiyaa gamasaan keessoo isaatti qorannoo gaggeessaa jiraachuu beeksise.
Rasaasawwwanii hanga misaa'elotaatti meeshaaleen waraanaa dhabamuun kan barame yeroo dhiyoo qorannoon tasaa buufata waraanaa lama keessatti erga taasifamee booda ta'uu kan himan Pirezidaant Gustaavon, yeroo dheeradhaaf qondaalonni waraanaa keessofi namoonni sivilii alaa qindoomina uumun baasanii gurguraa turuu himan.
Buufata waraanaa Tolemaayidaa jedhamutti qorannoo taasifameen rasaasni 808,000fi boombiwwan harkaa 10,000 ta'utu dhabame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Buufata waraanaa La Guwaajira jedhamutti ammoo rasaasa miliyeena 4.2, boombii harakaa 9000 ol ta'utu hanqatee argame.
Akkasumas buufataalee waraanaa lamaan keessaa misaa'elonni ispaayik lamaafi misaa'ela Nimrooyid 37 dabalatee boombii rokkeettidhaan dhukaafamu 550 dhabamuu himan pirezidaantichi.
Pirezidaant Gustaavon akka jedhanitti meeshaalen waraanaa kunneen gara hidhattoota Koloombiyaa keessa jiranii osoo hin taane gara Heeyitiifi gabaa gurraacha biyyoota kaanitti geeffamuu hin oolle.
Koloombiyaan biyya waggootaf riphee loltoota FARC wajjin wal-looaa turteedha. Lola kanaan namoonni 450,000 ol du'aniiru.
Gama biraan ammoo miseensonni waraana biyyattii malaammaltummaafi dhiittaa mirga namoomaa raawwachuunins himatamu.
Ministiirri Ittisaa Koloombiyaa Ivaan Velaasquwez namoonni meeshaa waraanaa man-kuusaa mootummaa keessaa dhabamsiisun shakkaman aangorraa kaafamuun qorannaan gaggeeffamaa jiraachuu ibsan.
Waraanni Koloombiyaa biyyoota Laatin Ameerikaa keessaa waraana hidhannoo cimaa qabu jedhamuun beekama. Gareewwan daddabarsa qoricha sammuu adoochan irratti hirmaatan dhabamsiisuf US irraas deeggarsi dolaara biliyeenan lakkaa'amu Humna Waraana Koloombiyaaf ni taasifama.












