Ambasaaddara US waggoota 40 oliif Kuubaf basaasaa ture

Maanu'ee Roochaa

Madda suuraa, AFP VIA GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Maanu'eel Roochaa, Boliviyaatti ambasaaddara duraanii US, waggoota 40 oliif Kuubaf basaasa jedhamee himatame

Ambasaaddar Maanu'eel Roochaa Boliiviyaatti ambsaaddara US ta'ee waggootaf tajaajilaa ture. Waggoota 40f odeeffannoo gola US keessa jiru Kuubaa gurra buusaa ture.

Maanu'eel Roochaa odeeffannoo biyyasaa ormaaf dabarsee kennuun shakkamee yeroo bulchiinsa Miyaamii keessatti to'annoo jala oolu, UStti naasuu guddaa uume.

Walakkaa jaarratti kan dhiyaatuf biyya komunistii taate Kuubaf basaasaa ture.

Abbaa Alangaa Waliigalaa US kan ta'an Meerik Gaarland gochaa baasasummaa ambasaadar Roochaa "lootee seentummaa bara dheeraf qaama tikaa alaatin mootummaa Ameerikaa mudate" jechuun ibsan.

Namoonni hedduun dippilomaatin Ameerikaa kun waggaa hamma kana osoo irratti hin baramin akkamitti gola Ameerika ormaaf basaasuu danda'e kan jedhu gaafataa jiru.

Waggoota hedduuf warraaqsa Kuubaa deeggaraa akka tureefi gaggeessaa duraanii Kuubaa kan ture Fiidal Kaastiroo heddu akka ajaa'ibsiifatuufi US ammoo akka "diinatti" akka ilaalu FBI bira gahe jedhe.

Jeems Olsan Wiirtuu Tika Giddu galeessaatti gaggeessaa duraanii farra tikaa ture.

Dubbiin qondaalli duraanii Ameerikaa kun Kuubaf basaasuu isa hin raajeffachiisu.

Sababni ammoo muuxannoofi jabina tika Kuubaa sirriitti beeka; irrattis hojjataa ture.

"Tajaajila tikaa baay'ee hamoo akka isaanii argees irratti hojjadhee hin beeku; sababa isaan baruun hin danda'amneefi gara jabeeyyii ta'an qofaaf osoo hin taane ciminas qabaniifi," jedha.

Kuuban ambasaaddara Ameerikaa qofa osoo hin taane, lammiilee US heddu fayyadamuun odeeffannoo tikaa argachaa akka turte dubbata qodaalli duraanii FBI kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jeems Oolsan akka jedhutti Dallaan Barlin jigee Jarman tokko ta'uu hordofee tikni Raashiyaa KGBn erga oddoola Kuubaa keessatti sochiisaa laaffisaa dhufeen booda Tajaajilli Tika Kuubaa (DGI) laaffataa dhufeera yaadi jedhu akka tureefi inni garuu kana akka hin fudhanne hima.

Inumaayyuu tikni Kuubaa caalmatti tooftaa ammayyaa fayyadamafi cima akka dhufe amana.

"Warri Kuubaa [hojjattoota tikaa] KGB [tajaajila tika Raashiya] caalaa baay'ee namuusa qabeeyyifi milkaa'odha. Tarii KGBn akka durii deeggarsa maallaqaa gochaafii hin iru ta'a, sun garuu dandeettii oppirsshiniisaanii miidhera jedhee hin yaadu," jedha Jeems Oolsan.

Inumaayyuu dandeettii biyya tokko keessa galanii basaasutiin KGB baay'ee akka caalan hima qondaalli duraanii tika Ameerikaa kun.

Bara 1987 hojjataan basaasa Kuubaa Filorentiinoo Aspilaangaa jedhamu Kuubaa haalee embasii US Veenaa jirutti kooluu gale. Caasan basaasaa Fiidal Kaastiroon ijaare akkam jabaafi wal-xaxaa akka ta'e odeeffannoon Filoreebtiinon kenne tika US akka malee naasise.

"Filorentiinon waan nama jeequ tokko natti hime. Tikni Kuubaa [DGI] basaastota 38 basaastuu gar-lamee [double agent ta'anii Ameerikaa irratti hojjatan qaba naan jedhe. Basaastonni nuti nuuf hojjatu jennee Kuubadhaa qabnu GDIdhaa kan to'atamaniidha," jedha Jeemsi.

Qondaala tika US duraanii kan amma soorame bahe Jeemsi Oolsan basaastonni Kuubaa isa akka caalan amana.

"Kansaanii nu godhatanii turan. Nu mo'aniiru. Nurratti hojjachuurratti baay'ee milkaa'oo waan turaniifan jibbin tika Kuubaf qabu na keessaa baduu dide," jechuun cimina basaastota Kuuba hima.

Maanu'eel Roochaa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Maanu'eel Rochaa dhoksaan yeroo FBI waraabu

Akka dippilomaatii olaanaa tokkootti, Maanu'eel Rochaa odeeffannoo tikaa icciitii olaanon qabaman heddu hakaa qaba ture.

Yeroo Ministeera Dhimma Alaa keessa turetti odeeffannoo hangam Kuubaf kennaa akka ture mootummaan Ameerikaa baruuf yaalii gochaa jira.

Yeroo ammaa himanni irratti dhiyaatee murtee kannamu eeggataa jira.

Haata'u garuu ambasaaddara Ameerikaa isheedhaf hamma kana basaase hidhamuusaas ta'ee waa'ee murtee isa eeggatuurratti Kuuban homaa hin dubbanne.

Waggoota 60 oliif Kuuban dhiibbaa Ameerikaarraa isheerra gahu hunda dandamattee siyaasa komunizimii akkuma gaggeessitutti itti fufteetti.

Jeraardoo Hernaandeez baasastota Kuuban ittiin dhaadataa turte keessaa tokko ture.

Garee basaastota Kuubaa shan bara 1990oota keesssa garee basaastota US Fiidal Kaastiroo irratti hundeessite fashalsan dursaa ture.

Bara 1998 keessa to'atamee waggaa 16 hidhamee bahe. Yeroo Obaaman Kuubaa daawwatan biyyoonni lamaan hidhamtoota wal-jijjiiraniiti, mana hidhaa US keessaa kan bahe.

Dippilomaatin Ameerikaa waggoota 40 darban kuubaf basaasaa ture jedhamuun himanni irratti dhiyaate, Maanu'eel Rochaa, biyya haaludhaan adabbii cimaatu eeggata jedhamee eegama.