Qondaalli FBI osoo Raashiyaaf basaasuu qabame mana-hidha keessatti du'ee argame

Roobart Haansan

Madda suuraa, Getty Images

Lammiin Ameerikaa qondaala dhaabbata Ameerikaa Yakka qoratu (FBI) ta'ee utuu jiruu Raashiyaaf basaasuun to'annoo jala oolfame, mana-hidhaa keessatti du'ee argame.

Seenaa basaasa Ameerikaa keessatti badii guddaa raawwateera jedhamee kan shakkamu Roobart Hansan, mana hidhaa cimaa Koloraadoo jiru Filooreens jedhamu keessa ture.

Umurii waggaa 79 kan ta'e Hansan, basaastota Raashiyaa irraa maallaqa, daayimandii fi faayidaa adda addaan dolaara miliyoona 1.4 kan ta'u fudhateera.

Ameerikaan nama kana hordofuudhaaf basaastota 300 ta'an ramaddeetti.

Hansan bara 2002 ture yakka odeeffannoo nageenyaa karaa seeraan alaa sassaabuun himatamee hidhaan umurii guutuu kan itti murtaa'e.

Namni kun osoo hin hidhamiin dura Varjiiniyaa keessatti haadha warraa isaafi ijoollee isaa ja'a waliin mana abbaa kutaa ciisichaa afur keessa jiraataa ture.

Odeeffannoowwan icciitiin qabaman baayyeetti dhiyoo kan ta'e Hansan, bara 1985 keessa ture odeeffannoo kana gurgurachuu kan jalqabe.

Amajjii 1976 keessa FBI'tti kan makame namni kun, maqaa "Raamoon Gaarsiyaa" jedhu fayyadamuun beekama.

Akka odeeffannoon fuula marsariitii FBI jedhutti, "humna namaa, tooftaawwan basaasuu, qorannoowwan adda addaa, faayiloota icciitii mootummaa Ameerikaa, akkasumas hojiiwwan tekinikaa ciccimoo ta'an balaaf saaxileera"

Namni kun yeroo tokko tokko wanta inni hojjetu shakkisiisoo turani garuu, osoo xiyyeeffannoo keessa hin galiin tureera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Basaasaan Aldiriik Hazeen jedhamu erga to'annoo FBI jala oolfamee ture waajirri yakka qoratu kun namni odeeffannoo miliqsee baasu akka jiru kan hubate.

Hansan osoo soorama ba'uudhaaf qophaa'aa jiruu FBI harkaafi harkatti qabuu barbaadee qorannoo itti saffisiise.

Hoj-manee sobaa FBI irraa kan kennameef Hansan, waajira haaraa kaameraafi sagalee waraabu keessa guute keessatti hojii isaa itti fufe.

Ji'a tokkoon booda hojjetoonni FBI namni kun paarkii tokko keessatti odeeffannoo kennuudhaaf akka jiru irra ga'an.

Guraandhala 18, 2001 Hansan odeeffannoo icciitii korojoo tokkotti qabatee Varjiiniyaatti kan argamu gara Fokiston Paarkitti qajeele.

Haata'u malee, qondaalonni FBI jala bu'anii hordofaa turan yeroo konkolaataa keessa seenu eeganii to'annoo jala oolchan.

Yeroo to'annoo jala oolfamettis namoota FBI "maaltu amma kana isin turse?" jechuun akka gaafate himama.

Hansan sirni eegumsaa FBI qoosaadha ykn gad-deebiidha jechuun qorattootatti himuun, murtee du'aa jalaa miliquuf jecha garuu yakka raawwate hunda amaneera.

Hansan nama konservatiivii ta'e kan jedhamu ture. Maatiin isaa Dilbata yeroo hunda konkolaataa dulloomte tokkoon gara mana sagadaa deemu ture. Ijoolleen isaa ammoo hayyama abbaa isaanii maleeyyu TV daawwachuu hin danda'an.

Haata'u malee, nama dhoksaadhaan fedhiin saal-qunnamtii mataa naannesse ture. Hansan dhooksaatiin haadha warraa isaa qullaa ishee viidyoo waraabuun hiriyyaasaa tokkotti agarsiiseera.

Yeroo hidhamettis, Hansan gara mana shubbisaa namoonni qullaa keessatti shubbisan yeroo hedduu akka deemuun shubbistooti kun amantaa Kaatolikii akka fudhataniif amansiisuus akka jaallatu CBS gabaasee ture.

Kanarra darbee seenaa walqunnamtii saalaa isaafi haadha warraa isaa, akkasumas suurawwan qullaa haadha warraa isaa fuula marsariitiirratti maxxansee beeka.

Hansan himannaawwan 15 irratti dhiyaateen yakkamaa akka ta'e amanee Caamsaa 2022 adabbiin hidhaa umurii guutuu itti murtaa'e.