Loltuun Raashiyaa machaa'ee garee waraanaa biyyasaa haleele hidhame

Madda suuraa, Reuters
Gareen addaa waraana Raashiyaarraa ijaaramee fi ergamee haleellaa raawwatu- Wagner, loltuu idilee Yukireen keessatti konkolaataasaa haleele hidhe.
Loltuun kun ergaa gama viidiyoon dabarseen taateen kun wayita inni machaa'ee turetti raawwachuu hime.
Wayita dhugee machaa'etti garee Wagner kan duraanuu jibba irraa qabu haleeluu dhugaa bahe.
Taateen kun mudachuu dura hoogganaan Wagner Yevgeny Prigozhin, loltuun idilee Raashiyaa daandiisaan irra imaluun magaalaa Bakhmut keessaa ittiin miliqanitti fayyadamuu himatee ture.
Gareen Wagner fi loltoonni idilee Raashiyaa ergama tokkoof bobba'anis, garuu walqoollifannaan gidduusaaniitti dagaageera.
Hoogganaan garee Wagner kun Yukireen keessatti dirree waraanaa baha Donetsk magaalaa Bakmut irratti wayita bobbaafaman, akka loltoota idilee meeshaan waraanaa dhihaachuufii dhabuutti qondaaltota waraanaa biyyattii himataa ture.
Gareen Wagner gama Raashiyaa goranii haleellaan isaan Yukireen irratti raawwachaa ba'an, waraanichi yeroo dheeraa akka fudhatuu fi dhiiga hedduu akka dhangalaasu taasiseera.
Gareen kun ji'a darbe magaalattii guutummaatti to'achuu fi waraana idileetti dabarsee kennuuf akka ture himeera.
Hoogganaan Wagner wayita loltuu waraana Raashiyaa gaaffiidhaan qoru viidiyoon mul'isu Telegiraama irratti maxxanfameera.
Loltuun kunis akkaan machaa'ee akka turee fi garee kanarraa jibba qaburraa ka'uun akka haleele dubbata.
Maaliif garee kana akka jibbu gaafatamee: ''hin beeku,'' jedhee deebise.
Taateen kun mudatee yeroo muraasa booda hoogganaan Wagner, humni ittisaa Raashiyaa daandiisaan ittiin magaalaa Bakhmut keessaa ba'an irratti boombii awwwaaluu ibse.
Komii gareen Wagner Humna Ittisaa Raashiyaarratti dhiheessu kana mirkaneessuun rakkisaa ta'us, walqoollifannaan hammaachaa jiraachuu taateen loltuun Raashiyaa raawwate kun ni akeeka.












