Raashiyaan haleellaa Yukireen fashalsuun loltoota 250 ajjeesuu himte

Yukireen haleellaadhaan Raashiyaaf deebii kennuuf ji'ootaaf karoorsaa turte

Madda suuraa, Getty Images

Ministeerri Ittisaa Raashiyaa haleellaa meeshaalee waraanaa Yukireen irraa dhukaafaman fashaleessuun loltoota Yukireen 250 ammoo ajjeesuu ibse.

Kanarratti Yukireen hanga ammaa yaada hin kennine, kan Raashiyaan himattus qaama walabaan hin mirkanoofne.

Ministeerichi akka jedhetti Yukireen bulchiinsa Donetsk keessatti meeshaalee waraanaa ammayyaawoo ja'aa fi taankiiwwan waraanaa lama fayyadamuun humnoota Raashiyaarratti haleellaa raawwatte.

Yukireen haleellaa Raashiyaaf deebii kennuuf haleellaa biraa gaggeessuuf waadaa seentee yeroo eeggataa turte, haleellaa Dilbata kaleessaarratti garuu callisa filatte.

Haleellaa kanaan Raashiyaan lafa Yukireen deebiftee qabaachuuf ta'uu yookiin kaayyoo biraaf ta'uu wanti ifatti beekame hin jiru.

''Dilbata gaafa guyyaa 04, 06, 2023 ganama haleellaawwan ciccimoo hedduun kallattii shaniin adda waraanaa Kibba Donetsk irratti raawwatame,'' jechuun Ministeerri Ittisaa Raashiyaa fuula Telegiraamii isaarratti barreesseera.

Ministeerri Ittisaa Raashiyaa akka jedhutti waraanni Yukireen kallattii humni Raashiyaa itti laafee jira jechuun yaadanirratti haleellaa raawwachuun cabsuuf karoorfatan.

''Diinni keenya karoorasaa bakkaan hin geenye. Hin milkoofne,'' jedhe.

Viidiyoon Telegiraama irratti maxxanfame konkolaattonni meeshaalee waraanaa fe'anii fi taankiiwwan wayita qilleensarraa haleelaman mul'isa.

Raashiyaan loltoota Yukireen 250 ajjeesuu fi taankiiwwan 16 barbadeessuu himte.

Yukireen haleellaa kana ji'ootaaf karoorsaa baate. Garuu humnootashee leenjisuu fi meeshaa waraanaa michootashee lixaa irraa argachuun waan ishee barbaachisuuf eegaa turte.

Qondaaltonni Kiiv oduun kun akka hin baane uummata biyyattii akeekkachiisaa turan. Odeeffannoon wa'ee karoora haleellaa baanaan diinaaf karaa bana jedhanii amanu.

''Karoorri callisuu gaafata. Yoom akka eegaltu hin beeksiftu,'' jedhe ministeerri ittisaa Yukireen ergaa Telegiraama irratti maxxanseen.

Mootummaan Yukireen loltoota Raashiyaa cabsee injifannoosaa uummata biyyattii fi warra lixaatti mul'isuuf ture.

Akkasumas yaaddoo haleellaa Raashiyaa jalaa uummata baasuun iddoowwan loltoota Raashiyaan to'ataman deebisee qabachuuf karoorfatee ture.