Raashiyaan 'shoora seenaa qabeessa' bahachuu qabdi-Pireezidant Isaayyaas

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidant Isaayyaas Afawarqii Mooskootti argamuun, Raashiyaan ''gaafatama seenaa qabeessa'' qabdu taphachuu akka itti fuftu dhaaman.
Pireezidantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii, kan daawwannaaf Moskoo jiran, gita isaanii kan Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin yeroo wal arganitti ''gaafatama seenaa qabeessa'' irraa eegamu akka bahan dhaaman.
Pirezidantichi Raashiyaan nageenya addunyaa dagaagsuufi haqa mirkaneessuu keessatti gahee seena qabeessa taphattii jedhan.
Pirezidanti Isaayyas ''madaalli addunyaa gaaree US'n olaantummaa argate gaaga'amniifi badiisni hedduun sagalee akka hin arganne'' godheera jedhan.
Eertiraan biyyoota muraasa wixinee Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii Raashiyaa gubbaa qoqqobbii kaahuuf dhiyeesse morman keessaa tokko.
Daawwannaa guyyoota afuriif Moskoo kan jiran Isaayyaas, isa dura ammoo Chaayinaa turan. Pireezidant Shee Jiinpiing waliin dhimma waloo isaaniirratti mariyataniiru.
Hariiroon pireezidant Isaayyas biyyoota masaanuu warra Lixaa ta'an waliin qaban jabaadha jedhamuu danda'a.
Pirezidant Isaayyaas daawwannaa isaanii Chaayinaa xumuranii Asmaraatti erga deebi'anii booda affeerraa pirezidant Putiin taasisaniin Kibxata darbe ammoo gara Raashiyaa akka imalan Ministeerri odeeffannoo biyyattii beeksiseera.
Jilli pirezidant Isaayyaasiin durfamu ministira Odeeffannoo, Ministira Haajaa Alaa, Komishinii Aadaa fi Ispoortii aanga'oota olaanoo kaanis of keessaa qaba.
Putiin gama isaaniin hariiroon biyyoota lamaanii guddachaa jiraachuu akka kaasaniifi yaa'ii Africa-Russia Summit ji'a dhufu Mooskootti gaggeefamu irratti Pireezidant Isaayyaasiin affeeruus Shabat gabaaseera.
Ertiraan yeroo dhiyoo as hariiroo Chaayinaafi Raashiyaa waliin qabdu cimsachaa kan jirtu yoo ta’u, daawwannaan Pirezidant Isaayyaasis kanaaf agasiiftuudha.
Daawwannaa Pirezidant Isaayyaas Chaayinaatti taasisaniifi amma Raashiyaatti taasisaa jiran dursee ministiroonni dhimma alaa biyyoota lamaanii Ertiraa daawwatanii turan.
Ji’oota dura Ministirri dhimma Alaa Chaayinaa Kiin Gaang, akkasumas ministirri dhimma alaa Raashiyaa Sargee Laaviroov Ertiraa daawwatanii Pirezidant Isaayyaas dabalatee aanga’oota biyyattii olaaoo waliin wal arganiiru.












