Shaakalliin waraana Chaayinaa Taayiwaaniin guyyaa sadaffaaf 'uggure'

Madda suuraa, Reuters
Chaayinaan shaakala waraanaa taasiftuun Taayiwaanin guyyaa sadaffaaf "ugguruu" beeksifte.
Chaayinaan xiyyaarota waraanaa gara Taayiwaanitti erguun akkaataa itti bakkeewwan ijoo Taayiwaan keessa jiran haleeltu irratti shaakala gaggeessaa jirti.
Taayiwaani gara baha biyyattiitti jeettiiwwan erguu yoo himtu, Chaayiinaan garuu xiyyaara Shaandong keessatti qooda fudhachu himte.
Beejiingii Sambata darbe irraa kaastee leenjii kana erga Pirezidantiin Taayiiwaan Tsai Ing-wen Kaaliifoorniyaatti Dubbii Himaa Mana maree USn wal arganiin boodadha.
Haata'u malee, hanga ammaatti leenjiin taasifame kan akka yeroo Naansii Piloosii Hagayya keessa Taayiwaan doowwattee sana guddaa miti.
Taayiwaan akka biyya walabaatti of kan ilaaltu yoo ta'u, Chaayinaan garuu akka bulchiinsa ishee irraa adda baateefi yoo barbaachisaa ta'eetti humnaan of jalatti deebiistuutti ilaaltiin.
Guyyaa gaafa Wiixataa Chaayinaan xiyyaaroota waraanaa kan biraa 70 fi dooniiwwan 11 naannawwa bishaan isheetti arguu himte.
Maappiin daandii waraanaa ministeera Raayyaa ittisaa Taayiwaaniin gadhiifame, baha odoolaa irratti jeettiiwwan waraanaa J-15 agarsiisa. Kana jechuunis Chaayinaan yeroo jalqabaatiif karaa bahaatiin dhukaasa leenjii kana raawwataa jirti.
Xinxaltoonni tarii dhukasiwwan taasifaman kan xiyyaaroota Chaayinaa Shaandogn irraa dhufan ta'uu mala jedhan. Chaayinaanis xiyyaaroota akkasii lama kan qabdu yoo ta'u, ammaattis galaana Paasifikii lixaa kan Taayiwaan irraa fageenya km 320 irratti argamuutti bobbafamaniiru.
Waraanni Chaayinaa Wiixata ibsa baaseen akka mirkaneesseetti, Shandong shaakkallii Wiixataa keessatti 'hirmaateera.'
Itti dabaluunis, xiyyaaroonni waraanaa boombiiwwan si'oomaa hidhatan, kiyyeeffannaan barbaachisaa irratti ''dambalii haleellaa hedduu raawwataniiru'' jedhe.
Ministeerri Raayaa Jaappaan gamasaatiin Shandong guyyoota darban keessaa oppareeshinii qilleensaa raawwachu Wiixata ganama hime.
Jimaataa fi Dilbata jidduutti jeettiiwwan waraanaa fi hilikoptaroonni yeroo 120 ka'uun qubataniiru jedhe, Ministeerri Jaappaan.
Akkasumas Wiixata Ameerikaan USS Milius, doonii miisaa'eela dhokaaftu, karaa galaana Chaayinaa kan km 1,300 Taayiwaan irraa kibbatti fagaatuutiin ergite.
Chaayinaan ammoo doonitiin karaa ''seeraan alaatiin'' bishaanicha keessa seente yoo jettu, Ameerikaan ammoo oppareeshiniin ishee kan seera addunyaatiin hayyamameedha jette.
Waashingitan ammoo irra dedeebiin Chaayinaan akka shaakkallii walgahii pirezidanti Tsai Keevin McCartii waliin taasisan hordofuun dhaabduuf waamicha taasifte ture. haata'u malee, Chaayinaan garuu US fi Taayiwaaniin akeekkachiiftee turte.












