Waraanni Ameerikaa wajjinii 'dhumaatii addunyaa' ta'a-Ministira Ittisaa Chaayinaa

Ministirri Ittisaa Chaayinaa Li Shangfu erga aangoo qabatanii yeroo jalqabaaf dhimma dhibdee US waliin qaban irratti dubbatan

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Ittisaa Chaayinaa Janaraal Li Shangfu waraana US waliin taasifamu addunyaaf balaa obsa fixachiisaa ta'e qaba jedhan.

Ministirichi kana kan dubbatan haasaa isaanii jalqabaa erga aangoo qabatanii taasisaniini.

Janaraal Li Shangfu haasaa yaa'ii dhimma nageenyaa irratti taasisaniin, ''biyyoonni gariin dorgommii waraanaa Eeshiyaa keessatti babal'isaa jiru,'' jedhan.

Addunyaan kun Chaayinaafis Ameerikaafis ni geessi kan jedhan qondaalli waraanaa kun, biyyoonni jajjaboon kun lameen waan waliinii tokko isaan taasisu barbaaduu qabu jedhan.

Ameerikaan dhiheenya kana 'humnoonni badii Chaayinaa' buufata doonii waraanaa ishee Taayiwaanitti argamurra marsaa turuu himattee turte.

Humni galaanaa US, humnoonni Chaayinaa ''akkaataa naga-qabeessa hin taaneen,'' wayita dooniin waraanaa Ameerikaa daandii yabalaa Kanaadaa fayyadamuun galaana Taayiwaan qaxxaamuraa turetti jeeqaniiru jechuun himate.

Chaayinaan ''biyyoonni lameenuu itti yaadanii balaan akka uumamu kakaasaa jiru,'' jechuun qeeqxe.

Kanaadaa fi US ammoo daandii galaanaa seerri idil-addunyaa eeyyamurra yabalaa akka turan himan.

Janaraal Li Shangfu waraana hololaa uumuun balaa hammeessaa jirti jechuun himatan.

Waa'ee ulaa Taayiwaan irratti doorsisa uumuu wayita dubbatan, naannochatti dhiphina uumaa kan jiran biyyoota alaa dhufanii keessa seenan qofa jedhan.

Chaayinaan biyyoonni lixaa, Ameerikaan durfamuun maqaa shaakallii waraanaan galaanarratti to'annoo fi hordoffii akka taasistu hin eeyyamtu jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaalli waraanaa Chaayinaa kun haasawa Ameerikaa fi michuuwwan ishee qolachuurratti xiyyeeffate kana yaa'ii dhimma nageenyaa biyyoonni Asia-Pacific jedhaman qofti irratti walga'an irratti dubbatan.

Beejiingi yeroo dheeraaf dhimma waraanaa irratti kallattiin Ameerikaa waliin dubbachuu didaa turte.

Kunis sababa Ameerikaan bara 2018 Janaraal Li Shangfu irra qoqqobbii keesseef.

Ameerikaan qondaalli waraanaa Chaayinaa kun meeshaa waraanaa hedduu Raashiyaa irraa galchuu isaaniif qoqqobde.

Yaa'ii nageenyaa Singaappoor keessatti gaggeeffame kanarratti qondaalli Ittisaa US Lloyd Austin Chaayinaan kallattiin dhimma waraanaa irratti mari'achuu diduusheef itti dhaadataniiru.

Ministirri Ittisaa Chaayinaa Ameerikaa waliin dhimma waraanaa haasa'uuf jalqaba qoqqobbiin irraa ka'uu qaba jedhan Hoogganaan duraanii Humna Galaanaa Chaayinaa Zhou Bo .

Janaraal Li Shangfu meeshaalee waraanaa Raashiyaarraa waan galchaniif bara 2018 USn qoqqobaman.

Qondaalli waraanaa kun jalqaba bara kanaa irratti Ministira Humna Ittisaa Chaayinaa ta'an.

Qoqqobbiin kun akka isaan gara US hin imallee fi US irraa Aab Austin akka hin affeerre gufuu ta'eera jedha Aab Zhou.

Mirga abbeentaa Chaayinaan Taayiwaan irratti mul'isaa jirtuun walqabatee hariiroon Chaayinaa fi Ameerikaa dhiheenya kana rakkoo jabduu keessa seeneera.

Waashingtan iddoo kanatti waraana ishee bobbaasuun ammoo rakkoo daran hammeessaa jira.