'Itoophiyaatti sababa balaa lolaan namoonni miiliyoona tokko qe'eerraa buqqa'uu malu'

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan waqtilee afur qabdu keessaa tokko kan taheefi ji'oota afur kan qabu waqtiin Arfaasaa kutaalee biyyattii kibbaa gar-tokkoof yeroo roobaa ijoodha.
Waqtii Arfaasaa Guraandhalaa hanga Caamsaa turu kanaan naannoo Somaalee, Gujii, Booranaa, Sidaamaa, Kibba Itoophiyaa fi kutaalee lixa kibba biyyattii harka 55 rooba argatu.
Waqtiin Arfaasaaa kun bahaafi kibba Tigraay, kaabaafi kibba Walloo, godinaalee kaaba Shawaa Naannoo Amaaraafi Oromiyaa akkasuamas Finfinnee dabalatee naannoo giddugalaafi baha biyyattii (Harariifi Dirreedawaaf) waqtii roobaa lammataatti lakkaa'ama.
Institiyuutin Meetirooloojii Itoophiyaa bara 2016 A.L.I yeroon arfaasaa kuni kutaalee biyyaa rooba lammataa tahetti, isa idileen caalatti tamsa'inni roobaa akka jiraatu godha jedheera.
Torban muraasa darbanitti magaalaa Finfinnee dabalatee kutaalee biyyattii garagaraatti balaa lolaa qaqqabeen lubbuun namaa darbee, qabeenya irrattis miidhaan gaheera.
Balaa Finfinneetti qaqqabeen lubbuun namoota afurii darbuu Koomishiniin Sodaa Balaafi Ibiddaa himeera.
Dhuma torbee darbeerratti naannoo gidduugala Itoophiyaa godina Halaabaatii balaa lolaa qaqqabeen lubbuun namoota shanii darbuu bulchaan godinichaa beeksiseera.
Naannoleen roobaaf saaxilaman kam fa'i?
Yeroo waqtii gannaafi arfaasaatti iddoowwan balaa lolaaf saaxilamu jedhamuun adda baafaman keessaa kutaalee biyyaa lagni Awaash keessa yaa'u, Sulula Qiinxamaa, Waabii Shabalee, Oomoo - Gibee keessa akka jiran raaga haala qilleensaafi damee of-eeggannootti daarektara kan tahan Dr Asaamminaw Tashooma BBCtti himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Naannooleen biyya keenyaa harka 65 tahan hamma har'aa rooba olaanaa milimeetira 30-113 gahu galmeessaniiru. Roobni irra deddeebiin yoo jiraatu biyyoon bishaan baachu dadhabaa deema, kunimmoo battlumaan gara lolaatti geeddaramuuf carraa guddaa qaba,'' jedhan.
Mootummoota Gamtoomanitti dameen dhimmota namoomaa OCHA namoonni miiliyoona 1.9 tahan lolaaf saaxilamoo tahuu himeera.
Biyyattii keessa naannoleen sagal tahan lolaaf saaxilamoo tahuun adda baafamaniiru. Naannolee kana keessa ammoo aanaalee garagaraa keessa namoonni miiliyoona 1.9 tahan balaa lolaan buqqa'uu danda'u tilmaamni jedhu akka jiru koomishiniin sodaa balaa BBCtti himeera.
Sodaan balaa guddaan immoo kan jiru Naannoo Somaalee yoo tahu, akka odeeffannoo dhaabbata gargaarsa namoomaa Biyoota Gamtoomanii - OCHA'tti balaa lolaa kanaaf saaxilamu namoota jedhaman miiliyoona 1.9 keessaa kuma 773 kan tahan naannoo isaaniirraa akka buqqa'an eegama.
Naannoo Oromiyaa, keesumaa Gujii, Booranaa, Arsiifi Baalee keessa namoonni kuma 421 tahan saaxilamoo dha. Kunneen keessaa kuma dhibba tokkoo ol ni qe'eesaaniirraa buqqa'u sodaa jedhutu jira.
Naannoo Kibbaattis namoonni kuma 145 tahan balaa lolaaf saaxilamu sodaan jedhu jira.
Torbanoota darbanitti Finfinnee fi Dirredawaa dabalatee gidduugala Itoophiyaa balaan lolaa uumamee lubbuun namootaa darbuu bulchitoonni naannolee kanaa himaniiru.
Haa tahu malee koomishinichi balaa kanaan hanga yoonaa namooti meeqa akka lubbuun isaanii darbe ''odeeffannoo qindaa'e'' hin qabu.
Koomishinichatti hojiigaggeessaan odeeffannoo ofeggannoo fi oppireeshinii Dr Firaa'ol Baqqala balaa lolaa hanga yoonaa qaqqabeen hojiin namootaafi qabeenya baraaruuf hojiin hojjetamuu himuun lakkoofsa namoota luubbuun darbee garuu hin himne.
''Lolaan humnaa ol mudatee lubbuu namaa galaafachuuf odeeffannoon qulqulla'e hin jiru. Lolaadhaan lubbuu dhaban jechuun rakkisa,'' jedhaniiru.
Balaa lolaa hamma yoonaa mudateen namoonni buqqa'an hangam akka tahan gaafatamanaan Dr Firaa'ol kara mootummaan lakkoofsi ''sadarkaa hamaan'' ibsamu hin jiru. Namoonni guyyaa tokkoof qofa buqqa'uu malu jedhan.
Baatii Caamsaa keessa tamsa'inni roobaa jabaatee akka itti fufuufi balaa lolaaf of eeggannoo akka godhanis waamichi dhiyaatera.
''Ji'oota darban caala baatiin Caamsaa kuni jabaataa akka tahu eegama. Kanas tilmaama keessa galchuun hawaasni hojiilee ofeeggannoo irratti hirmaachuu qaba,'' jedhaniiru.
Roobni arfaasaa maaliif jabaate?
Waqtii arfaasa baranaan tamsa'iinni roobaa idilee ol akka jiraatu raagamuu Dr Asaamminaw Tashooma dubbataniiru.
Institiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa, taateen Elniinoon, baha Garba Paasifiik akka malee ho'uun kana malees lixaafi kaaba Garba Hindiitti ho'i idileetti ol tahuun roobni arfaasaa isa idileen ol akka jiraatu taasiseera jedhan.
Galaana Diimaa irratti dhiibbaan qilleensaa gadaanaa uumame roobni arfaasaa akka jabaatu gochuu kan himan ittigaafatamaan kuni iddoowwan 65 tahanitti roobni olaanaa roobuu himan. Kanaanis Hosaa'inaa, Baatii, Finfinnee, Halaabaa, Moyyaaleefi Gujii lolaan uumamuu himan.
Institiyuutiin Meetiriyooloojii Itoophiyaa baatii Caamsaa keessa baatiiwwan arfaasaa lamaan caala hammaafi tamsa'inaan roobni caalu naannolee biyyattiitti akka jiraatu raageera.
Sababa kanaan naannolee tokko tokko keessa roobni cimaa irra deddeebiin kan roobu yoo tahu iddoowwan adda baafamanitti ''roobni battalaa'' jiraachuu akka danda'u eegama jedheera.












