Taanzaaniyaatti rooba cimaa rooben namoonni 150 ol lubbuu dhaban

Madda suuraa, Eagan Salla /BBC
Taanzaaniyaatti rooba cimaa tibbana roobee hordofuun lolaafi sigiga lafaa uumameen yoo xinnaate namoonni 155 du’u Ministirri Muummee biyyattii himan.
MM Kaasiim Maajaaliwaa roobni sababii El niinootiin mudatee kunis hanga baatii Caamsaatti akka itti fufu dubbachuun maatiiwwan naannawa lolaadhaaf saaxilame keessa jiraatan akka gadi dhiisaniif gaafatan.
Balaa kanaan namoonni 200,000 fi maatiiwwan kuma 51 ol ta’an miidhamuu dubbataniiru.
Akkasumas roobni cimaan kun biyyoota ollaa Keeniyaafi Buruundii keessatti mudachuudhaan naannicha keessatti rakkoo namoomaa qaqqabsiisaa jira.
MM biyyatti gabaasa haalicha irratti paarlaamaaf dhiyeessan irratti akka dubbatanitti, namoota 155 du’aniin alatti namoonni 236 miidhaan irra qaqqabeera.
‘‘Roobni cimaan bubbee, lolaa fi sigiigaachuu lafaa cimaadhaan makamee kunis biyyattii keessatti eddoowwan garaa garaatti miidhaa olaanaa qaqqabsiiseera.
‘‘Sababii kanaatiinis badiinsa lubbuu, mancaatii miidhaanii, manneenii, qabeenyaa lammiilee fi bu’uuraalee misoomaa kan akka daandii, riqiichaa fi daandii baaburaa qaqqabeera’’ jedhan.
Kaaba Taanzaaniyaatti jiraataan aanaa Sihaa tokko mannisaa barbadaa’uu BBCtti hime.
‘‘Wanti naaf hafe homtuu hin jiru, waanan qabu hundu dhiqamuun badeera’’ jedhe.
Keeniyaa keessattis, magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii, kan bakka manneeniifi qabeenyaan jiraattota galii gadaanaa qaban baayyinaan keessa jiraatan (slum) lolaadhaan itti fudhatamee dabalatee, bakkeewwan garaa garaatti lolaan miidhaa qaqqabsiisaa jira.
Haaluma kanaanis pirezidantiin biyyatti Wiiliyaam Ruutoon oppireeshinii baraarsaa taasifamu akka gargaaraniif waraana ajajan.
Keeniyaattis torbanuma kana keessatti namoonni 10 sababii kanaatiin lubbuusaanii kan dhaban yoo ta’u, erga Bitooteessaatii as yoo xinnaate namoonni 45 du’uu Fannoo Diimaan beeksiseera.
Buruundiittis, roobni cimaan roobee namoota kuma 100 ta’u bakka jireenyaa isaaniirraa buqqaaseera.
BBCtti waahilli raaga haala qilleensaa Kiriis Faawukis akka jedhaniitti, sababiin rooba cimaa kanaa inni guddaan haala qilleensaa Galaana Hindii miidhaa jiru (Indian Ocean Dipole (IOD) jedhan.
Haalli qilleensaa Garba Guddaa Hindii kan ‘Indian Nino’ jedhamu kunis qilleensi fuula galaanaa gara faallaa galaanichaatti akka qajeelu kan taasisuudha.












