Awustiraaliyaan daa'imman Indoonezhiyaa hiitee turteef doolaara miil 17 kaffaluufi

Nama adii daa'ima Indooneezhiyaa hammatee jiru

Daa'imman Indooneezhiyaa 120 akka ga'eessaatti mana hidhaa Awustiraaliyaatti hidhamanii turan mootummaa irratti himannaa dhiyeessaniin fiixaan bahaniiru.

Mootummaan Awustiraaliyaas doolaara miiliyoona 17 daa'imman hidhamanii turan kanaaf kaffaluuf waliigaleera, daa'imman gariin yakka namoota daddabarsuuni kan himataman turan.

Yeroo hidhamanitti umriin isaani kan waggaa 12 ture fa'i keessa jiru.

Dhimmi daa'immanii kuni imaammata kooluugaltootaa Awustiraaliyaa waliin hidhata qabaachuudhaan isa boodanaati.

''Fiixaan bahumsa akkanaa argachuu keenyaan baayyee gammanneerra jechuu dandeenya, dhimmi kuni waggaa kudhan fudhateera,'' jedhan abukaatoo miidhamtoota keessaa tokko.

Hidhamtoonni kunneen bara 2009-2012ttidha odola Kirismaas jedhamu bidiruu namoota daddabarsituun erga gahanii booda qabamanii himatamuun kan hidhamanii turan.

Daa'imman kunneen hojiin kaffaltii guddaa qabu akka jiru itti himamuun gowwomfamanii bidiruun akka fuudhaman himu.

Eessa akka deemanis tahe, namoota kooluu galan akka daddabarsan waan itti himame akka hin jirre dubbatu.

Seera Awustiraaliyaa yeroosiin namni garee bidiruu sanarra ture ijoolleedha taanaan himatamuu osoo hin taane gara biyyasaatti deebi'u qaba ture.

Qondaaloti yeroosii garuu qorannoo raajii(X-ray) fayyadamuun umrii daa'immanii murteessan, kan waggaa 18 darbeera jedhanii yaadan mara hidhaa naqan.

Eegduun mana hidhaa Kooliin Siingar jedhamu bara 2018tti mootummaan Awustiraaliyaa yeroos ''beekaa'' daa'imman sana hidhe, mootummaan Indoonezhiyaas isaaniin gargaaruuf homaa hin goone jechuun BBCtti himee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Awustiraaliyaas sarbamni mirgaa daa'imman dhiiraa akka gahaa jiruufi dhimmi isaanii kara sirrii hin taanee akka qabame himee gabaasa baasee ture.

Dhimma kanarratti namoota seeraan ala hidhamuu daa'imman himatan keessaa tokko kan tahan Obbo Alii Jaasmiin itti gaafatamummaa bahachuu dhabuufi loogii sanyummaa mootummaa Awustiraaliyaa komatan.

Mootummaan Awustiraaliyaa waggoota dhihootiin asitti hidhaa sirrii hin taane namoota baayyeef beenyaa kaffaleera.

Bara 2017tti kooluugaltootaafi baqattoota 1700 tahan odola Maanas jedhamutti haala jireenya isaaniif balaa qabuun isaan tursuusaan beenyaa doolaara Awustiraaliyaa miiliyoona 70 kaffaluuf waliigalee ture.

Awustiraaliyaan waggaa shanin booda kooluu galaa lammii Iraaq seeraan ala wiirtuu hidhaa godaantotaatti hidhamee tureefis doolaara Awustiraaliyaa 350,000 kaffalteettiifi.

Mootummaan Awustiraaliyaa daa'imman kunneen irratti waan sirrii hin taane raawwachuuf qarshiin kaffaluuf jiru kuni Dadhacha Federaalaan ragga'uun irra jiraata.