Rammoon lubbuu qabu sammuu dubartii keessaa argame

Ofiidaaskaariis roobartiis

Madda suuraa, ANU

Raammoon lubbuu qabu kan sm8 dheeratu sammuu dubartii Awustiraaliyaa keessaa argame. Kunis akka addunyaatti isa jalqabaati jedhameera.

Caasaan ‘qaccee fakkatu’ tishuu sammuu fuulduraa dhukkubsattuu dhalattuu Ingilaand keessaa wal’aansa baqaqsanii yaaluun baafame.

Taateen kuni waggaa darbe Kaanbeeraa, Awustiraaliyaatti mudate.

Maxxantuun halluu diimaa qabdu ji’a lamaaf achi jiraatti ture. Qorattoonni balaa dhukkubni bineeldotarraa namatti darbuu dabalaa dhufuu akeekkachiisaniiru.

“Yeroo sarjiiniin qaama alagaa jedhe maqasiidhaan kaasuufi waan qabate sun ammo raammoo diimaa lubbuu qabu tahuu argan ogeessonni kutaa wal’aansaa turan akka malee nahan,” jedhan hakiimni dhukkuboota daddarboo Saanjaayaa Seenaanyaake Hospitaala Kaanbeeraa.

“Raammoon argamuusaatti waan nama jibbisiisu irraanfatteyyuu, kuni infeekshinii seenaa dhala namaa keessatti galmaa’ee hin beekane dha,” jedhan.

Raammoon Ofiidaaskaariis roobartiis jedhamu kuni gosa bofaa summuu hin qabne kaarpeet paayitan jedhaman kan Awustiraaliyaatti argaman keessatti argama.

Dubartiin raammoon sammuushee keessatti argame kuni naannoo lagaa lafa jiraatturraa yeroo marga waliitti qabderraa tahuu mala kan ishee qabate.

Ogeessi dhukkuboota maxxantuuwwaniin dhufan qoratu, Meehiraab Hoseen, dubartiin kana ‘’raammoon akka tasaa man'ee ishee godhate,’’ biqiltuu hanqaaquu maxxantuufi bobbaa bofaan faalame bilcheessiteetu nyaatte jedhama.

Akka hakiimonni jedhanitti dubartiin kuni “mallattoowwan dhukkubaa adda tahe,” dhukkubbii garaa, qufaa, dafqa halkanii fi garaa kaasaa akkasumas gar-malee waa irraanfachuufi mukaa’uutti guddachaa dhufe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhukkubsattuun kuni hospitaala kan ciiste Amajjii 2021 ture. Qorannoon sammuu isheerratti taasifame,“sammuushee gara fuulduraa mirgarraan madaan akka jiru mul’isa.“

Haa tahu malee sababiin dhukkubashee garuu kan barame bara 2022 yeroo wal’aansi baqaqsanii hodhuu taasifamuufi dha.

Dubartiin seenaa fayyaa keessatti hin mul’atne irratti mula'ate kuni, amma bayyanachaa jirti.

“Sammuu namaa hanqaaquun raammoo akkanatti weeraruun kana dura gabaafamee hin beeku,’’ jedhan Dr Hoseen.

Laarvaan sammuu namaa keessatti guddachuun waan ajaa’ibaati jedhan. Kana dura yaaliiwwan taasifaman laarvaa ykn hanqaaquun maxxantuu ilbisaa beeladoota kanneen akkaa hoolaa, saree fi adurree keessatti akka hin guddannetti agarsiisa.

Dr Senaanyaakeen akka jedhaniitti, taateen kuni dhimma akeekkchiise kenned ha jedhaniiru.

Yinivarsiitii Biyyaalessaa Awustiraaliyaa waggoota 30 darbanitti dhukkuboonni infeekshinii haaraa 30 argamaniiru. Isa sadii arfaffaan bineeldotarra kan namatti ce’anii dha.

“Kuni lakkoofsi namaa akkaan guddachaa jiraachuufi gara qubsuma bineeldotaatti siqaa dhufuu keenya dha.

Haala kanas irra deddeebiin argaa jirra, simbira halkaniirra namatti, simbira halkaniirraa booyeettii achii namatti.

Koroonaavaairasiis haa tahu, Saars simbira halkaniirrati bineelda biraatti darbee achi namatti ce’a.”

“Koovidiin amma badaa jiraatullee, ogeessonni dhukkubaa fi mootummaan tao’annoo dhukkuboota bineeldotarraa namatti darban sakatta’uufi qorachuu qabu,’’ jedhan.