Balaan helikooptara laga Hudson maatii tokko keessaa namoota shan galaafate

Madda suuraa, Reuters
Helikooptarri maatii turistoota fe'ee ture Niiw Yoorkitti laga Hudson jedhamu keessatti kufee cacabuun daa'imman sadii dabalatee, namoonni jaha du'uu aanga'oonni beeksisan.
Maatiin namoota shan qaban kan Ispeen irraa dhufan yoo ta'an, namni ja'affaan ammoo balaliisaa ta'uu kantiibaan magaalaa Niiw Yoork Erik Adaams Kamisa kaleessaa ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin himaniiru.
Yeroo balaan kun mudateetti hundisaanii helikooptara sana keessa turan. ''Onneen keenya maatii kanaaf ni gadda,'' jedhan Adaams.
Komishinarri Poolisii Niiw Yoork Jeesikaa Tiish akka jedhanitti, hanga maatiin miidhamtoota kanneeniitti himamuutti eenyummaan namoota du'an kanneenii hin ibsamu. Sababni balaa kanaa qoratamaa jira.
Viidiyoon taatee kanaa akka agarsiisutti, helikooptarri kun samii irraa garagaltee kufuudhaan yeroo laga Hudson keessatti dhidhiimtu agarsiisa.
Qondaaltonni akka jedhanitti, helikooptarri kun qarqara galaanaa Niiw Jeersii irra socho'uuf osoo jirtuu riqicha Joorji Waashingitan irratti garagalee to'annaan ala ta'e.
Helikooptarri kun Helikooptaroota Niiw Yoorkiin kan bobbaafame yoo ta'u, buufata doonii Downtown Skyport kan Maanhaataanii gara gadiitti argamu irraa akka sa'aatii biyya keessaatti sa'aatii 14:59 (19:59 BST) ka'utuu himame.
Bilbilli jalqabaa balaa kanaa naannoo sa'aatii 15:17 EDT (20:17 GMT) kan dhagame yoo ta'u, bidiruuwwan barbaachaa battalumatti bobbaafamusaanii Komishinarri Ibidda Niiw Yoork Roobart Tuukar himaniiru.
"Bilbilichaan booda battalumatti namoon daakanis gara lagichaatti ergamaniiru" jedhan.
Erga bakka sana ga'anii booda, lubbuu baraartoonni bishaan keessaa miidhamtoota ykn kanneen lubbuun hafan barbaaduudhaan "tarkaanfiiwwan lubbuu baraaruu hatattamaa" jalqaban garuu carraaqqiin kun hin milkoofne.
Namoonni arfanu bakkuma balaan kun itti dhaqqabetti du'uunsaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u, namoonni lama ammoo hospitaala dhiyoo jirutti erga geeffamanii booda du'uun isaanii kan adda baafame ta'uu qondaaltonni kun himaniiru.
Kutaan lagaa bakki helikooptarri kun keessatti kufe naannoo gama dhiha Maanhaatanitti kan argamu yoo ta'u, naannoon kun suuqiiwwanii fi mana nyaataatii kan beekamudha.
Akkasumas naannoo mooraa guddicha Yunivarsiitii Niiw Yoorkitti dhiheenyaan argama.












