Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UKn Yukireen tiksuuf waraana bobbaasuu akka dandeessu beeksifte
Yukireenitti nagaa eegsisuuf UKn humna waraanaa bobbaasuu akka dandeessu Ministiirri Muummee UK Kiir Istaarmar ibsan.
"Haleellaa Puutin gaggeessu ittisuuf" nageenyi Yukireen waaraa akka ta'u gochuun "murteessadha" jedhan.
Gaggeessitoota Awurrooppaa wajjiin har'a Paarisitti wal-arguusaanii dura "barbaachisaa taanaan loltoota keenya bobbaasun" nageenya Yukireenif shoora mataa keenyaa bahachuu akka qaban dubbatan.
"Nageenyi Yukireen akka mirkanaa'u gochuun, nageenyi ardii keenya akka mirkanaa'u gochuudha, nageenyi biyya kanaa akka mirkanaa'u gumaachuudha," jedhan itti dabaluun.
Akka Ministirri Muummee UK jedhanitti, loltoonni biyyattii kan biyyoota Awurooppaa biroo waliin nagaa eeguf Yukireenitti kan bobba'an yoo ta'an, daangaa lafa Raashiyaan to'atteerra qubatu.
Kanaan duras, loltoonni UK waraanni erga dhaabatee booda nagaa eegsisuuf Yukireenitti akka bobba'an dubbatanii turan Ministirri Muummee UK.
Gara dhuma ji'a kanaa gara Washingitan imaluun Tiraamp waliin mariyachuuf kan jiran MM Kiir istaarmar, "Putiin irra deebiin haleellaa kan gaggeessu yoo ta'e kan isa dhaabuu danda'u US qofaadha waan ta'eef nageenyi itti fufiinsa qabu akka jiraatuf wabiin nageenyaa US kennitu murteessadha" jedhan.
Tiraamp biyyoota Awurooppaa osoo hin mariisisiin Raashiyaa waliin marii gaggeessuun ardicha kan qollifatedha jechuun Kiir gaggeessitoota biyyoota Awurooppaa waliin dubbachuufi.
Qondaalonni US akka jedhanitti ammoo, ministira dhimma alaa US kan ta'an Maarkoo Ruubiyoo Saawudii Araabiyaatti qondaalota Raashiyaa waliin wal-arguuf jiru.
Sambata darbe Yukireenitti ergamaa addaa US kan ta'an Keet Keelog, biyyoonni Awurrooppaa waa'ee waliin dubbii US fi Raashiyaa kallattiin keessatti akka hin hirmaanne ibsan.
Qondaalli olaanaan mootummaa Yukireen tokko BBC'tti akka himanitti ammoo, marii US fi Raashiyaan gaggeessuuf jedhan kanarratti Yukireen hin affeeramne.
Tiraamp torbee darbe pirezidantii Raashiyaa Puutiniif pirezidantii Yukireen Zeleniskii waliin karaa bilbilaa marii dheeraafi bu'a qabeessa ta'e gaggeessuu beeksisanii ture.
Marii kana booda karoora waraana kana dhaabuf qopheessan Zeleniskiitti beeksisan Tiraamp.
Dilbata ammoo Zeleniskiin marii kanarratti akka hirmaatan akka eegan dubbatan Tiraamp.
Dabaluunis, biyyoonni Awurooppaa meeshaalee waraanaa US Yukireenif akka bitaniif akka hayyaman beeksisan.
Waraana kanaaf bulchiinsi US isaan dura ture tarsiimoo dhimma Yukireen irratti qaburraa kan ka'eedha jechuunis Baayidanitti quba qaban.
Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmar ammoo "waliigaltee kana keessatti hirmaachuu qabdi," jechuun Telegiraaf irratti barreessan.
Dabaluunis: "Wanti Afgaanistaanitti mudate irra deebiIn akka mudatu hin barbaannu, US kallattiin Taalibaan waliin mariyachuun mootummaan Afgaanistaan dhabame," jechuun Tiraamp dogoggora akkasii akka irra hin deebine abdii akka qaban barreessan.