Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Zelenskiin loltoonni Kooriyaa Kaabaa adda waraanaatti deebi'an jedhe
Pireezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zelenskiin humnoonni Kooriyaa Kaabaa naannoo dhiha Raashiyaa Kursk keessatti gara adda waraanaatti deebi'aniiru jedhan. Kunis, erga ji'a darbe sababa miidhaan guddaan irra ga'eetiin waraanaa keessaa baasuunsaanii gabaafameen boodadha.
Pirezidantichi haasaa karaa viidiyootiin Jimaata darbe taasisaniin, waraanni Raashiyaa ''loltoota Kooriyaa Kaabaa'' gara naannoo gartokkoon Yukireen qabame bakka ''haleellaa haaraa'' raawwachaa turan keessatti ''deebiisee bobbaaseera'' jedhan.
Itti dabaluudhaanis, ''waraanni Raashiyaa fi Kooriyaa Kaabaa dhibbaan lakkaa'aman ''barbadaa'aniiru'' jedheera.
Ji'a Ammajjii keessa qondaaltonni biyyoota dhihaa, ji'oota sadan darban keessatti loltoota Kooriyaa Kaabaa irraa ergaman 11,000 keessaa yoo xiqqaate 1,000 ajjeefamaniiru jedhanii akka amanan BBC'tti himaniiru. Kooriyaan Kaabaa fi Raashiyaan garuu dhimma kanarratti yaada hin kennine.
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin weerara Yukireen irratti Guraandhala 2022 labsan. Lolli kunis gama lamaaniinuu badii olaanaa qaqabsiiseera.
Torban darbe humni addaa Yukireen Kursk keessatti lolaa jiru guyyoota 21 darbaniif loltoota Kooriyaa Kaabaa achitti akka hin argine BBCtti himaniiru.
Dubbi himaan akka jedhanitti, tarii miidhaa guddaan erga mudateen booda baafamuu hin oolan.
Dubbi himaan kun itti dabaluudhaan, addi waraanaa sun hangam akka dheeratu gadi fageenyaan osoo hin himin, naannoo humnoonni isaa itti lolaa jiran qofa eeruun dubbataniiru.
Gabaasni dhiheenya kana basaasa Kooriyaa Kibbaatiin walqabatee ba'e akka mul'isutti, loltoonni Kooriyaa Kaabaa waraana ammayyaaf qophii sababii hin taaneef, keessumaa immoo diroonii Yukireeniif saaxilamoo ta'u.
Ogeeyyiin waraanaa gabaasni miidhaa Kooriyaa Kaabaa, yoo haala kanaan itti fufan, itti fufiinsa kan hin qabne ta'uu dubbatu.
Loltoonni kunneenis erga prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin fi hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uu'n ji'oota darban keessa waliigaltee nageenyaa fi ittisaa mallatteessuu dabalatee walitti dhufeenya biyyoota lamaanii gadi fageessanii booda kan bobbaafaman.
Gargaarsi Piyoongiyaang Moskoof kennitu amma rasaasaa fi meeshaa waraanaa hedduuttis babal'ateera.
Loltoonni kunneenis humna waraanaa Raashiyaa miidhaa guddaan irra qaqabe jajjabeessuuf kan ergaman ta'uunis mul'ateera.
Waraanni Raashiyaa erga Fulbaana bara 2022 loltoonni 5,937 jalaa ajjeefamuu isaanii ibsee booda miidhaa dirree waraanaarratti irra gahe ifatti hin ibsine.
Garuu prezidaantiin Yukireen torban kana loltoonni Raashiyaa hanga kuma 350 ta'an akka ajjeefaman kan dubbatan yoo ta'u, gabaasaaleen birooammoo lakkoofsi kun kanaaan ol ta'uu akka danda'u mul'isu.
Zelenskii loltoonni Yukireen ajjeefaman 45,100 akka ta'e ibseera. Garuu ammoo ogeeyyiin waraanaa Yukireen fi biyyoota dhihaa hedduunmiidhaan kun baayyee kanaan ol'aanaa ta'uu amanu.
Loltoonni Yukireen ji'oota jaha dura Kursk keessatti haleellaa akka tasaa kan jalqaban yoo ta'u, lafa Raashiyaa iskuuweer kiloo meetira 1,000 ol ta'u qabatanii turan.
Ergasii humnoonni Raashiyaa kutaa guddaa naannichaa deebisee qabachuu danda'aniiru.
Haata'u malee, Zelenskii Jimaata darbe dhaabbata oduu Rooyitarsiitti akka himanitti, Yukireen Kamisa darbe Kursk keessatti haleellaa haaraa eegalteen daangaa kilomeetira 2.5 (1.5 miles) keessa galaniiru.
Waraanni Raashiyaa ammoo haleellaa Yukireen ofirraa qolachuu ibseera. Himannaan gama lamaanii kuni madda walabaa irraa hin mirkanoofne.
Taatee ijoo Jimaata darbe mudatan kan birootiin ammoo:
- Waraanni Raashiyaa humnoonni ishee magaalaa ijoo Toretsk kan naannoo baha Yukireen, Donetsk keessatti argamtu qabate jedhe. Haata'u malee dubbi himaan waraana Yukireen wiirtuu industirii keessatti lola itti fufee jira jedhan.
- Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp tarii "torban dhufu keessa Pirezidaantii Zelenskii waliin wal arguun hin oolu. Akkasumas, Pirezidaantii Puutiin waliinis haasa'uun koo hin oolu. Waraanni sun akka xumuramu arguun barbaada" jedhan.