Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Loltoonni Kooriyaa Kaabaa Yukireen keessatti michuusaanii Raashiyaaf lolaa jiruu?
Loltoonni Kooriyaa Kaabaa waraana Raashiyaa gargaaruudhaaf gara Yukireeniitti bobbaafamuu ilaalchisee gabaasaalee bahan dabalaa jiru.
Torban darbe keessaa Interfax-Ukraine fi KyivPost maddeen tika Yukireen eeruudhaan, gaafa Onkololeessa 3 qondaaloonni Kooriyaa Kaabaa jaha ajjeeffamuufi sadi ammoo miidhamu gabaasan.
Kunis haleellaa misaa'elaa Yukireen lafa leenjii Donbaas kan naannoo Raashiyaan to'aturratti raawwatteen miidhaman.
Akka maddeen kanneeniitti, gareen qondaaltoota Kooriyaa Kaabaa waahillansaanii Raashiyaa waliin ''muuxxannoo wal jijjiruuf'' achiitti argaman.
Ofii dubbiin kun hagam dhugaadhaa laata?
Bara darbe basaasni Yukireen, gareen waraanaa Kooriyaa Kaabaa namoota muraasa hammate, keessumaa kutaalee injinariingii, naannoo Yukireen qabamte akka galan gabaase ture. Raashiyaan ibsa kana irratti yaada hin kennine.
Bara kana ammoo Onkololeessaa 8 irratti, Ministirri Ittisaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Yong-hyun, biyyisaanii Raashiyaa gargaaruudhaaf loltoota Yukireen keessatti bobbaasuuf “carraan olaanaatu jira” jedhan.
Waa’ee du’a qondaaltota waraanaa Kooriyaa Kaabaa naannoo Donbaas kan Raashiyaan qabatte keessatti jedhames “dhugaa ta’uu hin oolu” jedhee amana.
“Raashiyaa fi Kooriyaan Kaabaa waliigaltee walta'iinsa waraanaa walfakkaatu waan seenaniif, carraan waraana gara adda waraanaatti erguu jiraachu hin oolu,” jechuun Waliigaltee Walta’iinsa Tarsiimoo Waliigalaa, dureewwan biyyoota lamaanii, Kiim Joonhi-un fi Vilaadmiir Puutiin jidduutti Waxabajjii darbe mallattaa’e eeruun maxxansa Kooriyaa Kaabaa Yonhap’tti himan.
Gabaasni loltoonni Kooriyaa Kaabaa Yukireen keessatti Raashiyaa deeggaruun lolarratti hirmaachaa jiraachu, kanaan duras ka'ee ture.
Fulbaana 2023tti Vilaadmiir Puutiin yeroo Kiim Joong-un waliin giddugala hawaa Raashiyaa Vostochny keessatti wal arganiitti gabaasni akkanaa kun ''guutummaan guutuutti waanuma hin taane'' jedhe ture.
Baatii Waxabajjii 2024 keessa wayita Puutiin Kiim Joong-un waliin waliigaltee keeyyata wal-irraa ittisuu of keessaa qabu mallatteesseetti, loltoota Kooriyaa Kaabaa gara Yukireenitti bobbaasuun akka danda'amu gaafatamee ture:
Pirezidaantiin Raashiyaa ''waa'ee kanaa nama tokkollee hin gaafannu, kan nuuf dhiheessees hin jiru,'' jechuun deebisan.
Walta'insa dabaluu
Moskoos taate Piyoongiyaang walta'insa waraanaa cimsuu dhoksaa hin jiran.
Akka miidiyaaleen mootummaa Raashiyaa ibsanitti, Ministirri Ittisaa Raashiyaa yeroo sanaa Seergee Shoogu “hariiroo waraanaa cimsuuf” baatii Adoleessa 2023 keessa gara magaalaa guddoo Kooriyaa Kaabaa Piyoongiyaang imalan.
Ji’a Fulbaanaa keessa ammoo Kiim Joong-un Raashiyaa biyya baha fagootti argamtu daawwatan.
Akkassumas Fulbaana 2023tti, Pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Yoon Suk Yeol, haasaa marii waggaa Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti taasisaniin, Kooriyaan Kaabaa teeknooloojii waraanaa Raashiyaa argachuudhaaf meeshaa waraanaa Raashiyaadhaaf dhiyeessuu akka dandeessu eeraniiru.
Onkololeessaa 16, 2023 irratti ammoo, Institiyuutiin Rooyaal Biritish Qorannoon Ittisaa (RUsi) meeshaan waraanaa hedduumminaan Kooriyaa kaabaatiin Raashiyaadhaaf dhiyaataa jiraachu gabaasa baase. Maxxansi gabaasichaas fakkiiwwan saataalaayitii bakka meeshaaleen waraanaa kunneen jiran kana hammate ture.
Dubbi Himaan Kirimiliin, Dimitirii Peeskoov garuu gabaasicha kufaa taasise.
''Kun basaasa Ingilizii qofa osoo hintaane, kan basaasa Ameerikaati. Hundisaaniitu yeroo hunda gabaasu garuu ragaa tokkollee hin dhiyeessan," jedhan Peeskoov.
Haata'u malee silumaa dhuma 2023tti gosti teeknika rasaasaa fi albuuda Kooriyaa Kaabaa kutaaleen Raashiyaatiin fayyadaman Yukireen keessatti mul’atee ture. Innis naannawa waraanaa Raashiyaa keessatti irratti mari’atamaa ture (gamaaggamni irra caalaa hamaa ture).
Amajjii 2024 keessa ammoo dubbi himaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Ameerikaa, Joon Kirbiin Raashiyaan misaa’ela balistikii Kooriyaa Kaabaa irraa argatteetti, isas Yukireen irratti itti fayyadamteetti jedhanii ture.
Gabaasni karoora Piyoongiyaang gartuu injinarootaa fi ijaarsitoota waraanaa gara Yukireen erguus, daawwannaa Vilaadmiir Puutiin Kooriyaa Kaabaatti taasisanii yeroo muraasa booda, baatii Waxabajjii 2024 pireesii Raashiyaa irratti mul’ataaa ture.
Akka maddi dhaabbata televijiinii Kooriyaa Kibbaa TV Chosun, akkasumas Inistiitiyuutiin Qorannoo Waraanaa Ameerikaa eeree tokkootti, waraanni Kooriyaa Kaabaa “birgeedii injinariingii 10 kan qabu yoo ta’u, isaan keessaa sadii ykn afur gara Raashiyaatti dabarfamuu danda’u” jedha.
Kanaaf ammoo Piyoongiyaang waggaatti hanga doolaara miiliyoona 115 Moskoo irraa argachuu akka dandeessu TV Chosun kan gabaase.
Peeskoov gabaasa kanaaf deebii kennaniin, ''kun maal akka ta'e hin beeku,'' jedhan.
Akkasumas jalqaba ji’a Adooleessaatti dhaabbanni oduu mootummaa Kooriyaa Kaabaa KCNA akka gabaasetti, jilli leenjii waraanaa addaa Kooriyaa Kaabaa Raashiyaa daawwachuudhaaf garas imaleera.
Pirezidaantiin Yunivarsiitii Waraanaa Kim Il Sung kan ta'an, Kiim Geum Chool jila kana hoogganaa kan turan. Akka gabaasa KCNAtti kunis erga hoggantoonni biyyoota lamaanii waliigaltee walta'iinsa waraanaa walitti dhiyeenyaan hojjachuuf walii mallatteessanii as waljijjiirraa waraanaa isa jalqabaati.
Deebii gaaffii gaazexeessitoonni kaayyoo daawwannaa jilli Kooriyaa Kaabaa kan ilaalchisuun dhiyaateef kennaniinis, Peeskoov ministeera ittisaa Raashiyaa akka qunnaman akeeke.
Waa'ee waraanaa Kooriyaa kaabaa maal beekna
Akkuma Kooriyaa Kaabaa mataashee, waraannishee caasaa baayyee cufamee waan jiruuf, waa'ee ijaarsa isaa waan xiqqoo qofti kan beekamu yoo ta'u, tilmaamni dandeettii waraanashees falmisiisaadha.
Wanti adda isa godhu guddaan lakkoofsa waraana isheeti
Biyyattiin dubartoota dabalatee, tajaajila dirqamaa jechuunis, haaluma kutaarratti hundaa’uun waggaa sadii hanga 10 tajaajiluu fi tajaajila waraanaa waliigalaa kennuuf dirqama.
Akka Dhaabbanni Qorannoo Tarsiimoo Idil-addunyaa jedhutti, bara 2018 keessa humni waraanaa Kooriyaa Kaabaa baay'inaan addunyaarratti sadarkaa 4ffaa irratti argama. Namoota gara miliyoona 1.2 ta'antu keessa tajaajila.
Ogeessi Inistiitiyuutii Qorannoo Tarsiimoo Raashiyaa kan taʼe Andiree Gubiin, ammatti lakkoofsi kun garmalee guddaa taʼuu akka dandaʼu ibseera.
“Yeroo ammaa kana baayyiinni lakkoofsi miseensoota Waraana Uummata Kooriyaa kan 850,000 hin caalle ta'uu danda'a. Akkasumas kutaalee waraanaa keessaatti namoonni tajaajilarratti argaman ammoo 650,000 akka ta'an tilamaamama," jechuun barruu dandeettii waraanaa Kooriyaa Kaabaa irratti barreessa.
Akkasumas dandeettii sochii guddaa waraana sanaa cimsee dubbata: "Yoo xiqqaate namoonni miliyoona afur kuufama keessa jiru, qabeenyi sochii waliigalaa ammoo namoota miliyoona 6.2 dha."
Akkasumas Kooriyaa Kaabaa keessattis gareewwan waraana baay’een jiru; isaanis milishoota ummataa jedhamu.
"Ijaarsa waraanaa gartokkee kanneen keessaa Eegduu Diimaa Hojjetaa- Qonnaan bulaa (humna eeggataa olaanoo), gara miliyoona 1.5, Eegduu Diimaa Dargaggootaa, kan namoota 700,000 (barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa) fi loltoota Ministeera Nageenya Hawaasaa fi Nageenya Mootummaa, 30,000 of keessatti qabata."
Kooriyaan Kaabaa kan qoqqobbii jala jirtuu fi baajatashee guutuu baay'ee barbaadduufi namoota waraanaaf leenji'an baay'ee of kennan qabdu, loltootashee michootashee keessaayis michootahsee tokko tokko gargaaruuf erguuf rakkina waan qabdu hin fakkaattu.
Garuu hangas mara salphaa miti.
Dhokachuun rakkisaa ta'uu danda'a
Waraanni Kooriyaa Kaabaa moodeela Sooviyeet irratti kan hundaa’ee yoo ta'u, teeknooloojii waraanaa Sooviyeet fayyadaman, garuu ammoo, kan Raashiyaan adda taasisuu, muuxannoo lola dhugaa hin qabu.
Humnootashee gurguddoo kutaalee waraana miillaa mootoraan hojjetan malee, waraana Raashiyaan Yukireen keessatti geggeessite keessatti gahee akkamii bahuu akka dandeessu, akkasumas of danda’uun akka qaama kutaalee gurguddoo, makaanaayizeeshiniitti socho’uu akka dandeessu ifa miti.
Haata'u malee, kun sirriitti tooftaa Yukireen keessatti hin hojjennedha: waraanni Raashiyaa kanaan dura kan yeroo tokkoo ol arguuf carraa argatee, yeroo muraasas utubaa taankiitiin haleeluu yaaleera.
Kanaafuu gareewwan wal fakkaatan keessatti hojjachuu danda'u? Innis sadarkaa qindomiinaa fi waliin hojjachuu guutuu barbaada. Kan biraa hafee danqaa afaaniin waliigaluunis jira.
Haala lamaan keessatti kasaaraan kan hin oolle yoo ta’u, wanti kun murteessaa ta’uu danda’a.
Duula waraana Raashiyaa keessatti hirmaannaa Piyoongiyaang dhoksuun hin danda'amu.
Akkasumas loltoonni Kooriyaa Kaabaa baay’inaan ajjeefamanii booji’amuu danda’an. Kana ammoo, Yukireen ummataaf ifa gochuunshee hin oolu. Innis maqaa waraana Kooriyaa Kaabaa hin mo’amne, kan olola mootummaa biyyatiin ijaaramee ni miidha.
"Yeroo nagaa hafuura lolaafi of kennuudhaaf qophaa'ummaa muuxannoodhaan qorachuun baay'ee rakkisaadha; fakkeenyonni gootummaa dhuunfaa tajaajiltootaa seenaa Waraana Kooriyaa bara 1950-1953 irraa ragaa gahaa ta'uu hin danda'u," jechuun barreesse Andiree Gubin.
Akkasumas biyyoonni lamaan gamtaan jiraatanis ilaalchi hoggansa Raashiyaafi Kooriyaa Kaabaa garaagarummaa guddaa qaba.
Humna hojjataa rakasaa
Wantoonni kun hundi hirmaannaan waraanni Kooriyaa Kaabaa waraana Raashiyaan Yukireen keessatti geggeessituirratti qabaachuu danda’u ni kuffiisa jechuu miti.
Piyoongiyaang maallaqaafi teeknooloojii kan barbaaddu yoo ta’u, Moskoo ammoo loltootaa fi rasaasa kan barbaaddu waan ta'eef, gama lachuu walta'insa waraanaa guddisuuf fedhii qabu.
Waggoota dheeraaf waraanni Kooriyaa Kaabaa humna hojjetaa gatii salphaa ta'ee tajaajilaa ture. Kutaaleensaa hedduun kutaa ijaarsaa Sooviyeet wajjin wal fakkaatu turan.
Qulqullinni caasaa ittisaa injinaroota Kooriyaa Kaabaatiin ijaaramanii fi kutaaleen ijaarsaa yeroo baayyee sadarkaa ogeeyyii waraanaatiin olaanaa qabu.
Kutaaleen akkasiis waraana Raashiyaatiif faayidaa qabaachuu hin oolu.
Isaanis bu’uuraalee waraanaa kanneen akka kuusaa fi dallaa dahuu, daandii fi riqicha ijaaruuf itti fayyadamuu danda’u.
Kutaalee xixqqaa kan Kooriyaa Kaabaatiin bakka buusuun ajajni Raashiyaa humna namaa dabalataa gara sarara fuulduraatti ergamuu danda'u qabaata.