Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saawudii, UAE fi Kataar Israa'el daangaa qilleensaa isaanii qaxxaamurtee Iraaniin akka hin haleelle dhorkan
Biyyoonni Galoo Galaanaa (Gulf) sadii bu'uraalee boba'aa isaaniif yaaddahuun Israa'el buufataalee boba'aa Iraan akka hin haleelle Waashingitan dhiibbaa akka gootu gaafatan.
Rooyitarsi maddeen mootummoota kanneenitti dhiyeenya qabanirraa dhagaheera jechuun akka gabaasetti, Saawdii Arabiyaa, Yunaatiid Arab Emireetis fi Kataar lola Israa'eliifi Iraan gidduutti akka hin miidhamne waan gochuu qaban yaalaa jiru.
Biyyootni kunneen balaa mudatu hanqisuuf jecha xiyyaarotni waraanaa Israa'el daangaa qilleensaa isaanii qaxxaamuranii Iraan irratti haleellaa akka hin raawwanne hayyama dhorkaniiru.
Ergaan kun Israa'el bira akka gahus Waashingitanitti himaniiru jedhan maddeen Rooyitarsi sadan.
Israa'el Iraan ishee haleeluu isheef gatii akka baastu kakatteetti. Iraanis dhaadannoo kana hordofee deebii kenniteen haleellaan kamuu irratti raawwatu deebii hamaa balaa guddaa qabu hordofsiisa jetteetti. Kunimmoo yaaddoo guddaa uumeera.
Dippiloomaatotni yaada kennan Tehraan Riyaadiif dhaamsa dhaamteen biyyootni deeggarsa isaanii Israa'eliif kennu yoo ta'e, michootnishee Iraaqiifi Yaman jiran ishii duukaa akka hiriiran ibsiteetti jedhan.
Dhimmi haleellaa Israa'el Iraan irratti raawwachuu maltuu dubbii ijoo marii ilma mootii Saawdii Mohaammed biin Salmaaniifi Ministira Haajaa Alaa Iraan gidduuttii marii Roobii darbe godhamee akka ta'e maddeen kun himaniiru.
Akka ragaalee Rooyitarsi qaqqabanitti qondaalotni biyyoota Galoo Galaanaa sadan haleellaa Israa'el Iraan irratti raawwachuu maltuun walqabatee yaaddoo qaban UStti himataniiru.
Biyyootni kunniin yaaddoo isaanii himataniiru jedhamuufi haleellaan Israa'el raawwachuuf karoorsitu hammama balaa akka qabu baruuf gaaffiin dhiyeessuu isaanii ilaalchisee Waayit Haawus yaada kennuurraa of qusateera.
Roobii darbe Pirezidant Joo Baayidanfi itti aantuunsaanii Kaamlaa Hariis dhimma haaloo bahuu Israa'el irratti bilbilaan mariyataniiru. Bu'aan marii isaaniis gaarii ta'uu biyyootni lamaan ibsaniiru.
Akka qondaalotni olaanoo Israa'el lama jedhanitti hanga Roobii kaleessaatti biyyattiin buufatalee bobaa Iraan akka rukuttu hin murteessine.
Ministirri Ittisaa Israa'el Yo'aav Gaalaant yaada Roobii darbe kennaniin ''haleellaan keenya jabaa ta'a, xiyyeeffannoosaa adda kan baasee, hundaa ol ammoo tasa ta'a. Maaltu akka ta'e fi akkamiin akka raawwate hin hubatan. Bu'aasaa qofa ragu'' jedhaniiru.
Maddi biyyoota Galfi kana keessaa tokko yaada ''waraana misaayelaa gidduu argamna. Yaaddoo guddaatu jira, keessumaa Israa'el bu'uraalee bobaa'aa Iraan yoo haleelte'' jedhan.
Bu'uurri misooma boba'aa Iraan yoo haleelame biyyi irra caalaa boba'aa irraa bitattu Chaayinaan dara miidhamtuu taati.