Bofti summii qabu 100 ol mooraa tokko keessatti argame

Bofti argame kunis bofa gurguddaa shaniifi ilmoolee 97dha.

Madda suuraa, Reptile Relocation Sydney

Namoonni bineensoota lafarra loo'an (reptile) qaban, biyya Awustiraaliyaatti tuuta bofa summii cimaa qaban 102 Siidnii mooraa namaa keessatti argaman baasuun akka isaan ajaa'ibsiise dubbatu.

Korii Kerewaaro akka jedhetti, dhaabbanni isaa jalqaba irratti, "tuuta" reppitaayilootaa kana baraaruuf kan waamame erga bofti tokko dallaadhuma kana keessatti saree ciniinuu isaa gabaafameen boodadha.

Waahillisaa yeroo achi gahutti bofa gurraacha garaan jalli diimaa qabu 40 arge.

Isaan keessaayis afur erga boorsaa ittiin fudhataman keessa kaa'ee booda ilmoolee bofaa lubbuu qaban dabalataan horan.

Bofti gurraacha garaan jallii diimaa qabu kunneenis gosoota bofaa summii cimaa qabanii fi Awustiraaliyaa keessatti baay'inaan mul'atan keessaa tokkodha.

Haata'u malee, galmee du'a nama tokkorratti illeen hin galmoofne.

Bofti gurguddoonni afuriifi ilmooleen bofaa 97 ammatti bakka turtii keessa kan jiran yoo ta'u, tokkicha haalli qilleensaa yoo qabannaa'e paarkii biyyaaleessaa keessatti gadhiifamu.

Obbo Kerewaaroon akka jedhanitti, namoota bofa qabatan, kanneen akka idileetti guyyaatti reppitaayiloota shanii hanga 15 gidduutti qabaniif akka galmee rikoordii ta'eera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hiriyaan isaa Diilaanii Kuuper akkuma achi gaheen daqiiqaa 15 keessatti bilbileef: "Hiriyaa, yeroo muraasaaf as turuufan jira. Tuuta baay'eedha... Ani reefuu hanga ammaatti bofa 15 ol qabeera!" jedheen.

"Inni waan na ciciruu natti fakkaate ture."

Sareen ciniinamte kuni ammalleen "lubbuun jiraachaa jirti" jechuun dabalanii dubbatan.

Bofti dhaltuun gurraachi garaan jalli diimaa qaban yeroo baayyee yeroo dhaluuf qophaa'an garee xixiqqoo ta'uudhaan walitti qabamu, tarii bineensota miidhaa irraan gahu malan irraa of eeguuf ta'uu danda'a jedha Aab Kerewaaroon.

Bofa gosa isaanii keessaa lubbuun du'e qofa ta'uu Muuziyeemii Awustiraaliyaa marsariitii isaa irratti ibseera.

Bofni gara biraa killee kan buusan yoo ta'u kunneen garuu ilmoolee lubbuu qaban kan dhalan isaan qofadha jechuun Muuziyeemii Awustiraaliyaa marsariitii isaa irratti ibseera.

Gosti bofa kanaatiis kan nama sodaatan akka ta'eetti kan ilaalamu yoo ta'u, nama hidduun kan hin baratamne ta'us, garuu yoo mudate mallattooleen akka dhiita'uu, garaa kaasaa, dhiita'uufi garaacha kaasuu qaqqabsiisuu danda'a.

Namoonni bofa qabanis bineensota qaban kanneen dhiheenya bakka irraa argamanitti akka gadhiisan seeraan dirqamu.

Haata'u malee, baayyina bofa kanneen ilaaluudhaan, namoonni bofa kanneen qaban akka paarkii biyyaalessaa kan walitti dhufeenya namaa irraa fagaatee argamutti gadhiisan hayyamni kennameefii jira.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.