Bofa kormaa Roonaaldoo jedhamu, quunnamtii malee ilmaan hanqaaqu

Roonaaldoon waggoota saglan darbaniif bifa biraa (korma) waliin wal quunnamee hin beeku
Ibsa waa'ee suuraa, Roonaaldoon waggoota saglan darbaniif bifa biraa (korma) waliin wal quunnamee hin beeku

Waan raajii, waan hoodaati. Bofi kun ofii korma, garuu hanga yoonaa ilmaan 14 godhateera. Ammoo guyyaa tokkollee bofa biraa (korma) waliin wal-quunnamee hin beeku.

Roonaaldoon gosa bofaa akkaan guddaa fi cimaadha. Umriinsaa amma waggaa 13 guuteera. Reppitaayiloota shifii ta'an kan uummate kolleejjii magaalaa Portsmouth keessatti.

Kolleejjichatti ogeessi eegumsa bineensotaa Pete Quinlan hangan Roonaaldoon ilmaan dhaltutti dheera jedhee amana ture.

Bofi kun waggoota sagaliif harkasaa turuu kan himu ogeessi kun ''waggaa hanga kana keessatti dhiira biraan walquunnamtee hin beektu,'' jedhe.

Adeemsi osoo korma biraan wal hin quunnamin ilmaan dhaluu kun parthenogenesis jedhama.

Gosa bofaa akkaan guddaa fi jabaa Brazilian rainbow boa constrictor jedhamurratti haalli akkanaa yeroo sadi wayita mudatu kan jalqabaati.

Aab Quinlan Roonaaldoon korma se'aa ture

"Roonaaldoo waggaa sagal duran iddoo eegumsa bineensotaa RSPCA jedhamuu fudhe," jedha Aab Quinlan.

Giddugala eegumsaafi kunuunsa bineensotaa kolleejjichaatti hojii kan eegale waggaa lama dura. Wayita hojiidhaan achi seenus bofa qabu hunda guurratee deeme.

Aab Quinland wayita boftisaa kun ilmaan hanqaaqxu bakka biraa akka ture hima.

''Barataa tokkotu ilmoolee bofaa arguu miseensota keenyatti hime. Wayitan oduu kana dhagahu bakkan jiruu gara sanatti arreede. Wayitan achi ga'u ilmaan bofaa hedduudha,'' jedhe.

Roonaaldoon altakkaatti ilmoolee 14 hanqaaqxe
Ibsa waa'ee suuraa, Roonaaldoon altakkaatti ilmoolee 14 hanqaaqxe

Korma waliin osoo wal hin quunnamin ilmaan dhaluun bineensota birattis ni mul'ata.

Keessatttuu kanneen lafee dugdaa hin qabne- invertebrates, kanneen akka ilbiisotaa kormaa waliin osoo quunnamtii saalaa hin raawwatin qaccee sanyiisaanii itti fufsiisuu danda'u.

Yeroo baayyee lubbu qabeeyyiin fakkaattotasaanii baayyisuun (cloning) kana raawwatu.

Guraandhala darbes qurxummiin Stingray jedhamu Ameerikaa keessatti osoo korma bira hin ga'in ilmoon garaatti argame.

Bineensota lafee dugdaa qaban- vertebrates kanneen akka bofaa biratti haalli kun yoo mudatu waan haaraadha.