Jawween akkamitti nama liqimsaa?

Madda suuraa, Getty Images
Indoneeshiyaa bulchiinsa Jaambitti jawween dubartii tokko guutummaatti liqimsuu miidiyaan biyya keessaa gabaase.
Garuu Jawween akkamitti nama nyaata?
Dubartiin kun Jahraa jedhamti, umuriin ishee ganna 50 keessa. Jahraan osoo isheen gara hojii deemtuu Jawween ishee ajjeesee liqimse.
Bakka isheen buute erga dhabamtee guyyaa tokko booda jiraattonni naannoo Jawwee garaan isaa baay’ee guddaa ta’e argan.
Jawwicha erga ajjeesanii booda reeffa ishee garaa jawwichaa keessatti argan.
"Namni kun du’aa isheetu garaa jawwee keessaa argame,” jedhe poolisiin.
Reeffi ishee yeroo argamu fayyaa akka ture hime poolisiin.
Jawwichi yoo xiqqaate meetira shan akka dheeratu himan jedhan jirattonni.
Taatewwan akkanaa baay’ee xiqqaa ta’us, kuni Indoneeshiyaa keessatti isa jalqabaa miti.
Bara 2017 fi 2018 namoonni lama jawweedhan nyaatamanii turan.
Jawween akkamitti miidhaa nama irraan gaha?
Waggoota shanan darban keessatti gosoonni jawwee Indoneeshiyaatti namoota ajjeesu kun meetira 10 kan dheeratuu fi nama adamsuun miidhaa qaqqabsiisa.
Nama qofa osoo hin taane, waan miidhaa irraan gahe tokko hatattamaan itti marmee caccabsa.
Ukkaamsudhaan yookin onneen akka dhaabatu gochuun- daqiiqaa muraasa gidduutti ajjeesa.
Jawween waan nyaate tokko guutummaan liqimsa. Mangaagan jawwee ligaamentii gargar yaa’u irraa hojjatame waan ta’eef gaafa waa liqimsu sirriitti afaan bana.
Nama yeroo liqimsu garuu waanti baay’ee jawwee danqu, gateettii namaati.
Sababni isaa gateettiin namaa baay’ee hin dhodhommoqu jetti qorattuu kunuunsa bineeldotaa Singaappor kan taate Meerii Ruut .
Bineensota gurguddoo biroo ni nyaatuu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jawween addatti yeroo hedduu lubbu-qabeeyyii hoosistoota ta’an nyaata, ta’us garuu darbee darbee bineensota gurguddoo biroo warra akka naachaafaa dabalatee akaakuu reppitaa’elootaas ni nyaata,” jedhu Aadde Low.
Kan barame antuutawwaniifi bineensota xixiqqoo biraa nyaachuu isaaniiti jetti Aadde Low.
“Garuu yeroo qaamni isaa guddatu antuutawwan nyaachuurraa dhimma hin qaban, sababiin isaa ammoo kaaloriin qama isaaniitiif barbaachisu antuutaan waan hin guutamneef.”
"Yeroo bineensa tokko liqimsu [jawween] hanguma bineensa adamsee liqimsuu Sanaatti dhifamee guddachuu danda’a."
Bineensaafi beeyladoota warra hanga booyyeefi horii ykn sa’aa gahu liqimsuu danda’a.
Yeroo tokko tokko hanga nyaata inni sooratuu akka sirrii hin taanetti shallagamuu danda’a. Bara 2002 keessa, jawween Barmaa tokko Filooriidaa keessatti bineensa naacha fakkaatu guddaa Aligaator jedhamu guutummaatti liqimse.
Jawween kun yeroo bineensa kana liqimsaa jirutti tarsa’ee dhohuu isaatiin lamaan isaanii du’aniiru. Du’aa jawwichaafi aligaator sana ammoo kan arge poolisoota paarkii turan.
Bineensi akka jawwee kun bineensa kan adamsee nyaatu carraa eeggatee ykn haala ilaallatee filee nyaata.
Waan adamsee nyaatu isaaf mijatu hanga argatutti soorata malee waanuma xiqqoo dhamdhamuun hanga waan guddaa ta’e argatetti turuu ni danda’a.
Jawween dhala namaa nyaachuun isaa kun kan jalqabaatii?
Lakki, Indoneeshiyaa keessatti, waggoota shaman darban keessa mudannoon lama wal fakkaatan [jawween nama nyaachuu] gabaafameera.
Bara 2018 keessa, kutaa bulchiinsaa Sulaawesii jedhamu keessatti osoo oyiruu muduraa ishee keessa deemtee ilaallachaa jirtuu bakki buuteen ishee dhabamee ture.
Raafuufi aaduu (albee) isheen qabattee oyiruu seene guyyaa tokkoo booda yoo argamu, jawween guddaan tokko ammoo bokokee meetira 30 fagaatee osoo ciisaa jiruu argame.
"Jiraattonni dubartii kana jawween nyaachuu danda’a jechuun waan shakkan, shakkanii isa ajjeesanii booda oyiruu keessaa baasan,” jechuun poolisiin naannoo Sanaa Hamkaa AFPtti himeera.
Garaan jawwee kanaa banamee yeroo ilaalamu qaamni dubartii achi buuteen dhibamee kun keessatti argame.”
Bara 2002 keessa ammo, gurbaan umuriin isaa wagga 10 tokko Afrikaa Kibbaa keessatti jawwee kattaa keessaa bahe tokkoon liqimfameera.
Akkasumas Bitootessa 2017 keessa qote-bulaan tokko jawwee meetira torba dheeratuun Indoneeshiyaa Sulawesii keessatti liqimfameera.
Baruma kana keessa, biyyuma Indoneeshiyaa kutaa Sumaatraa keessatti namichi qonnaa muka dhadhaa ejersaa dhaabaa jiru tokko jawween meetira 7.8 dheeratu tokko yeroo liqimsuuf qabatutti ofirraa ittisee lubbuun hafeera. Garuu madaa guddaatu isarra gahe.
Wantonni gabaafamanii dhugaa ta’uun mirkanaa’e dura mudannoowwan wal fakkaataniifi amanuuf nama rakkisanillee bakkeewwan fagoo ta’an garuu nama ijaan argerraa mirkaneessuun hin danda’amne jiru jedhama.
Hayyuun Antiroopoloojistii Tomaas Heedlaand dhimma garee adamsitootaafi soroobduuwwanii Filiippiins qorachuuf waggoota kurnan gosa Agaataatti dabarse, gosichi harka afur keessaa tokko yeroo ta’e jawwetiin miidhamaniiru jedha.
Gorsti Agaataa ga’eessota ta’an hundi isaanii haala jechuun danda’amuun gajamootiin ofirraa ittisanillee, warren qaamaan xixiqqoo ta’an garuu yeroo baayyee ni nyaatamu jechuun hayyuun qorannoo isaa keessatti ibseera.
Yunivarsiitii Birawijaayaa Indoneeshiyaatti Ogeessa bofaa kan ta’e Ni’aa Kurni’awaan Kanaan dura BBC Indoneeshiyaatti akka himetti, jawweewwan yeroo hedduu wantota kirkiran, sagalee jeequmsaafi ho’I ambuuliiwwanii waan itti hin tolleef bakka namoonni baayyatanii jiraatan ni dheessu.












