Saayintistoonni waa'ee qaama-saalaa bofa dhaltuu gaaffii waggootaaf ture furan

Madda suuraa, Getty Images
Saayintistoonni bofti qaama saalaa dhalaa afaan Ingiliffaan clitoris jedhamu akka qabdu mirkaneessan.
Firiin qorannoo haaraa ifoome bofti dhaltuun yeroo dheeraaf qaama-saalaa kana hin qabdu jedhame kan yaadamaa ture geeddareera.
Qorannoon Roobii darbe maxxanfame yeroo jalqabaatiif qaamni saalaa bofa dhaltu kun maal akka ta'e sirnaan ibsuu danda'eera.
Qaama saalaa bofa kormaa - 'hemipenes' jedhamurratti waggoota kudhanitti lakkaa'amuuf qorannoon gaggeeffamaa ture.
Qaamni saalaa bofa kormaa fiixeen isaa dhanquu ykn damee kan qabuufi hanga tokko cimaafi qara.
Haa ta'u malee, qaama saalaa dhaltuu hubachuun rakkisaa ture jedhan qorattoonni.
Qaamni saalaa dhaltuu waan tasumaa hin argamneef otoo hin taane sayintistoonni barbaadaa kan turan.
''Qaamotni saalaa bofa dhaltuu walitti hidhata qabu. Saayintistonni kana arguu dadhaban, namoonni bofa saal-lameetti ramadee akkaataa sirrii hin taaneen hubata,'' jedhan Megan Folwel, kaadhimamtuun PHD fi qorannoo saala bofaarratti gaggeeffame kana dursan.
Waraqaan qorannoo Folwel qorattoota biraa wajjiin barreessite fi barruu 'Royal Society B' jedhamuurratti torban kana maxxanfame qinxiriin bofa dhaltuu eegee keessatti akka argamu ibse.
Bofti dhaltuun tokko qinxirii adda adda ta'e lama- hemikilitoris- kan tishuudhaan adda qoodamu fi eegee ishee dhaltuu gara gadiitti dhokate argamu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qaamni tishuudhaan adda qoodamu kun narvoota, koolijinii fi seelota dhiiga diimaa of keessaa qaba jedhu qorattoonni.
Aadde Megaan Folwel barreeffama qaama saalaa bofa dhaltu ilaallatu erga dubbiste booda qaama saala bofa dhaltuu barbaadu eegalan.
''Qinxiriin qaama saala bineensota baayyee keessatti akka argamu nan beeka, bofa hunda keessatti argamuun waan hin eegamne,'' jedhan.
''Caasaan qaamaa kun jiraachuu fi dhiisuu isaa ilaalutu narra ture,'' jechuun dubbatan.
Folwel jalqaba bofa Awustiraaliyaatti 'death adder' jedhamuufi summii qabuurratti qorannoo gaggeessuu eegaluun qinxiriiwwan qabaachuu mirkaneessan.
Caasaan qaama saalaa bofaa kana boca onnee fakkaatu qaba - xannacha foolii hiriyaa ishee isa kormaa harkisu maddisiisu cinatti argama.
''Caasaa qaamaa lama qaama saalaa dhaltuu keessatti sirnaan addatti beekamanitu jira, caasaan qaamaa kun tishuuwwaan itti marsanii argamaniirraa addadha, caasaa qaama saalaa kormaa duraan argeerra addadha,'' jechuun dubbatu.
Sanaa booda gartuun ogeeyyii Aadde Megan Folwel wajjin qorannoo gaggeessan jawwee dabalatee gosoota bofaa garaa garaa sakatta'an.
Qaamni saalaa dhalaa 'hemiclitores' jedhamu hammi isaa garaa garaa garuu adda bahee beekama.
Koorniyaa bofaa irra deebiin barreessuu
Qorannoo kun qaama saalaa bofaa dhaltuu si'eessuurratti yaad-rimeen haaraan akka jiraatu taasisa.
Amma yoonaatti saayintistoonni bofti kormaan dirqiin saalqunnamtii raawwata jedhanii amanu jedhan Folwel.
''Amma qaamni saal-qumtii si'eessu qinxiriin argamuun akkaatan itti saalqunnamtii wal barbaadani fi saalqunnamtiitti wal kakasan ilaalu dandeenya,'' jedhan.
Yeroo heddu bofti kormaan eegee ishee dhaltuutti marama. Eegeen bofaa iddoo qinxirii, si'eessituun qunnamtii saalaa kessatti argamu.
Argannoon haaraan kun qo'annoo gama saayinsiitiin bofarratti gaggeffamu keessatti ijaa gaariin kan ilaalamu ta'uu eeruun, waggoota dheeraaf otoo baramiin turuun naasisadha jedhan Megaan Folwel.












