Israa'el Gaazaatti gosa Hamaas morman hidhachiisaa akka jirtu beeksifte

Israa'el saboota Gaazaa keessa jiraniifi Hamaasin morman hidhachiisaa akka jirtu Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu mirkaneessan.

Netaaniyaahuun saboota Gaazaa keessa jiran kan Hamaas wajjin walii hin galle hidhachiisuu kan ibsan miidiyaan Israa'el tokko qondaala waraanaa olaanaa waabeffachuun Netaaniyaahun meeshan waraanaa kanneen Hamaas mormaniif akka kennamu hayyamuu gabaasuu hordofeeti.

Namoonni siyaasaa biyyattii hedduun ammoo Netaaniyaahuun tarkaanfii kana fudhachuun nageenya Israa'el balaarra buusa jedhu.

Netaaniyaahuun garuu "Kuni maal rakkoo qaba. Lubbuu loltoota Israa'el kan oolchudha," jechun ergaa karaa viidiyoo dabarseen beeksise. Garuummoo, kuni ifa ta'uunsaa Hamaas qofaa akka fayyadu hime.

Israa'el bulchiinsa Netaaniyaahuu jalatti, garee kibba Gaazaa keessatti argamuufi nama Yasiir Abu Shabaab jedhamuun durfamuuf deeggarsa meeshaa waraanaa akka taasistu miidiyaalen ifa gochuunsaanii Netaaniyaahuu hin gammachiifne.

Gareen akka hidhattootatti of ibsu kun kaan biratti akka milishaatti yoo fudhatamu kaan ammoo garee wanbadee jedhanii fudhatu.

Garichi garuu faallaa Hamaas akka dhaabbatu ibsama. Gareen kibba Gaazatti argamu kun konkolaatonni deeggarsa namoomaa fe'anii Gaazaa seenan nageenyisaanii akka eegamuufi saamicharraa ittisuu akka ta'e ibsa.

Kaan garuu garichi faallaa kanaa saamichaafi hojii wanbadeerrati akka bobba'e himatu.

Dubbiin meeshaa waraanaa gara saba Gaazaa keessatti Hamaas mormuuf erguu akka hin baramne Netaaniyaahun barbaadus, dubbicha haaluu hin feene. Sababni ammoo gara goolama siyaasatti guddatee gufuu itti ta'a waan ta'eef.

Gaggeessaa paartii mormituu kan ta'e Aviigdoor Libarman bulchiinsi Netaaniyaahuu garee kibba Gaazaa jiru meeshaa waraanaa hidhachiisaa akka jiru himachuun dhugaa ta'uu qondaalonni waraanaa miidiyaalee Israa'eliif mirkaneessanii turan.

Gaggeessaa paarii Yisraa'el Beeyiteeyinuu kan ta'e Aviigdoor Libarman, miidiyaa Israa'el "Kan" jedhamutti akka himetti, Netaaniyaahuun gosa Abi Shabaabif meeshaan waraanaa akka kennamu ajajee jira.

"Mootummaan Israa'eel garee yakkamtootaa, wanbadeefi Islaamik Isteet waliin hidhata qabaniif meeshaa waraanaa kennaa jira. Hamman beekutti, kaabineen osoo hin mirkaneessini kuni kan raawwate," jechuun komate Aviigdoor.

Maddeen humna waraanaa Israa'el akka himanitti, Israa'el meeshaalee waraanaa akka kilaashinkoov kan Hamaas irraa booji'aman fa'aa gosa Abu Shabaabif kennaa jirti.

Gareen kun kibba Gaazaa, bakka Raafaa jedhamuufi to'annaa Israa'el jala jiru keessa socho'a.

Haa ta'u garuu, Yaasiir Abu Shabaab Israa'el meeshaa waraanaa homaatuu akka hin kennineef miidiyaa hawaasaa irratti ibse.

"Meeshaaleen nuti hidhannu sasalphaafi kan dulloomaniidha, akkasumas deeggarsa uummata keenyaaan kan arganneedha," jedhe Yaasir Abu Shabaab.

Biiron Muummicha Ministeeraa Israa'el ibsa baasen, "yaada humnoonni nageenyaa ni ta'an jedhan irratti hundaa'un Israa'el Hamaas mo'achuuf karaa garaa garaan ni hojjatti" jedhe.